Qonna gannna kanaaf tiraaktaroonni 1,402 ta’an qonnaan bulaaf dhihaataa jiru

Finfinnee: Dhaabbatichi erga hundeeffamee hanga dhuma bara 2016tti maashinaroota qonnaa kanneen akka kombaayinaraafi tiraaktaroota abbaa humna fardaa garagaraa qabaniifi meeshaalee harkifamoo waliigalaan 2,381 ta’an qonnaan bulaa biraan gahuu Hoji Gaggeessaan Dhaabbata Omisha Maashinoota Qonnaafi Daldala Waliigalaa Keenyaa Obbo Margaa Tolaa dheengadda Gaazexaa Bariisaatti himaniiru.

Dhaabbatichi bara 2010tti kaayyoo “Makaanaayizeeshiinii qonnaa Oromiyaa keessatti babal’isuudhaan omishaafi omishtummaa qonnaa dachaan dabaluu” jedhu qabatee qindoomina mootummaa naannichaatiif Dhaabbata Dhuunfaa Gadab Injiinariingiitiin hundaa’uu kan yaadachiisan Obbo Margaan; hojiifi sochiin hanga ammaatti tures bu’uruma kanaan raawwatamaa turuu Obbo Margaan himaniiru.

Akka ibsasaaniitti; dhaabbatichi kaayyoo hundeeffameef sirnaan raawwachuudhaaf dhaabbata idiladdunyaa beekkamaa ‘John Deere’ jedhamurraa tiraaktaroota abbaa humna fardaa (HP) 75 irraa kaasee hanga tiraaktara abbaa humna fardaa 140tti, akkasumas meeshaalee harkifamoo galchuudhaan giddugala Shaashamanneetti ijaaruun warshaaluun qonnaan bultoota, dargaaggoota gurmaa’aniifi dhaabbilee mootummaa garagaraa hojii kennaa tajaajila makaanaayizeeshiinii keessa jiraniif dhiheessaa jira.

Haaluma kanaan qonna baranaatiif tiraaktaroota 1,402 qonnaan bulaafi dargaggootaaf dhiheessuun babal’ina tiraanisfoormeeshiinii qonnaa keessatti shoorasaa sirnaan bahachaas jira.

Maashinoota qonnaa dhiheessuu qofa osoo hintaane, dhaabbileen dhuunfaafi mootummaa qindaa’anii hojjachuuf kaka’umsa akka horataniifis fakkeenyummaan dhaabbatni Omisha Maashinaroota Qonnaa Keenyaa gama ‘Public-Private Partinarship’n qabu olaanaa ta’uu Obbo Margaan dubbataniiru.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You