“Mootummaan fayyadamummaa ogeeyyii fayyaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira” – Ministeera Fayyaa

Finfinnee: Ministeerri Fayyaa haala waqtaawaa tajaajila fayyaarratti dheengadda ibsa kenneera.

Ministeerichi tajaajila fayyaa qulqullina qabuufi haqaqabeessa waliingahuuf imaammataafi tarsiimoo fayyaa bocee hojjechaa jiraachuu ibseera.

Sababnisaa maalis ta’u tajaajiloota hawaasummaa haala kamiinuu adda cituu hinqabne keessaa tokko tajaajila fayyaa ta’uu kan ibse ministeerichi, guyyoota darbanitti dhaabbilee fayyaa guutuu biyyattiitti argaman hundatti akkuma kanaan duraa tajaajilli fayyaa osoo adda hincitiin hawaasaaf kennamaa jiraachuu eereera.

Ogeessi fayyaa kana hubatee dhiibbaa odeeffannoo dogoggoraa miidiyaa hawaasummaan raabsamaa jiruun osoo hindanqamiin waadaa ogummaa seene eeguun hawaasa tajaajilaa waan jiruuf galatatu malaaf jedheera.

Haa ta’u malee kolleejjiiwwan barnootaa fayyaa muraasa keessatti ogeeyyiin hojii idilee isaaniirratti hinargamne jiraachuu odeeffannoon isa gahuu ibseera.

Ogeeyyii kanneen keessa hedduunsaanii odeeffannoo sobaatiin kan burjaaja’an, muraasni ammoo badiisa kaayyoosaanii kan godhatan ta’uu eereera.

Gochichi maatii, fira, lammiifi hawaasa bal’aa miidhuurra darbee naamusa hojiinis ta’e gama namoomaan fudhatama hinqabu jedheera.

Ogummaan fayyaa damee hojii qoqqobbiin hojii dhaabuu seeraan dhorkame keessaa tokko ta’uus kaasuun, ogeeyyiin fayyaa gaaffii yoo qabaatanillee hojii isaaniirratti argamuun hojii idileesaanii hojjechaa dhimmisaanii qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessuun akka irraa eegamu ibseera.

Kanaafuu ogeeyyiin fayyaa kunneen gara hojiisaaniitti deebi’uun hawaasasaanii akka tajaajilaniif gama dhaabbileesaaniin waamichi taasifamuufi ministeerichi eereera.

Mootummaan haala fayyadamummaa waaraa ogeeyyii fayyaa mirkaneesseen furmaata qorannoo irratti hundaa’e kennuuf Labsii Bulchiinsaafi To’annoo Tajaajila Fayyaa 1362/2017 raggaasisuun danbiifi qajeelfamoota baasee xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibseera.

Ogeeyyiin fayyaa yaada gaarii qaban kana hubachuun hojiisaanii haalaan akka hojjetan ministeerichi waamicha dhiyeesseera.

Gama biraan hawaasni odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaan tamsa’aniin osoo hin jeeqamiin tajaajila fayyaa barbaadu dhaabbilee fayyaarraa argachuu akka danda’u beeksiseera.

Mootummaan rakkinicha garaa bal’inaan furuuf obsa agarsiise cinaatti dhiisuun warreen hojii isaaniirratti hin argamne, dhaabbilee fayyaa keessas ta’e ala taa’uun jeequmsa uuman irratti tarkaanfiin seeraa barbaachisaan akka fudhatamu hubachiiseera.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You