
Finfinnee: Warraaqsi ulaa galaanaa qabaachuu Itoophiyaatti yeroo jalqabamu hedduun ija waraanaan kaan ija dippiloomaasiin kanneen hafan ammoo bifa kamiinuu dhuunfachuu hindandeessu yaada jedhuun yeroo walfalman dhaga’ama.
Gaaffii Itoophiyaa ulaa galaamaa kanaaf Konveenshiniin seera ittifayyadama galaanaa keeyyanni 125 furmaata akka kennu Ambaasaaddar Giriigoor Sheshteresheez dubbatan.
Ambaasaaddaraafi Gorsaa Seeraan Gamtaa Awurooppaa Pirofeesar Giriigoor Sheshteresheez marii paanaalii ittifayyadama ulaa galaanaan Itoophiyaaan itti jirtuun walqabatee Roobii darbe Yunivarsitii Siivil Sarvisii Itoophiyaatti qaamota dhimmi ilaallatu waliin taasifamerratti haasaaa taasisaniin biyyoonni ulaa galaanaa hinqabne mirga seeraatiin itti argatan akka qaban himaniiru.
Akka ibsasaaniitti Seerri Konveenshinii Galaanaa keeyyanni 125 biyyoonni ulaa galaanaa hinqabne haala ittiin argachuu danda’an ibsa jedhan.
Bu’uuruma kanaan Itoophiyaan mirga seeraan ulaa galaanaa dhuunfachuu niqabdi kan jedhan Ambaasaaddarichi; karaa faayidaa waloo biyyoota lameenii giddugaleeffateen kan raawwatamu ta’uu kaasaniiru.
Ulaa galaanaa kennuunis ta’e fudhachuun faayidaa waloo biyyoota lameenii daran kan mirkaneessu ta’uus eeranii; gama carraa hojii uumuun dinagdee lammiilee cimsuu keessatti shoora olaanaa akka taphatu ibsaniiru.
Ulaan galaanaa banamuun carraa hojii horsiisa qurxummii, loojiiwwan, hoteelotaafi bakkeewwan bashannanaafi bultii banaman keessatti heddumminaan uumamu. Haaluma kanaan kanneen ulaa galaanaa waliigalteen kennanis ta’e fudhatan waan fayyadamoo ta’aniif dhimma walwaraansa kaasisu hinqabu jedhaniiru.
Agarsiistuu biyyoota waliigaltee akkanaan waliin hojjetan tokko tokko fakkeenya godhachuun kan ibsan ambaasaaddarichi; Itoophiyaanis bifuma kanaan fayyadamummaashii kan mirkaneeffattu ta’uu kaasaniiru.
Itoophiyaan ulaa galaanaa barbaaddu seeraanis ta’e seenaan dhuunfachuu akka dandeessu kan walnama gaafachiisu miti kan jedhan ammoo Doktar Henok Siyyumi.
Yunivarsitii Siivil Sarvisii Itoophiyaatti Barsiisaa Dippiloomaasiifi Hariiroo Biyyaalessaa kan ta’an Doktar Henok Siyyum ibsa dhimma kanarratti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf waraana hinkaastu jedhu.
Hojii dippilomaasiifi hariiroon waloo Itoophiyaan biyyoota ollaashii waliin qabdu haala gaariirra jiraachuus ibsanii; yoo dhimma yeroo ta’een ala ulaa galaanaa Itoophiyaaf bu’uura ta’e kan dhuunfatamu ta’uu eeraniiru.
Akka ibsasaaniitti seeraanis ta’e seenaan ulaa galaanaa argachuun kan hinoolle yoo ta’u; innis waraanaan osoo hintaane karaa faayidaa waloo biyyoota lameenii giddugaleeffateen milkaa’a.
Akkuma Ambaasaaddar Giriigoor Sheshteresheez kaasan seerri konveenshinii galaanaa keeyyanni 125 mirga biyyoonni ulaa galaanaa hinqabne itti argatan kan kaa’u waan ta’eef dhimmichi waan yaaddoo uumu miti jedhaniiru.
Hayyoonni biyya keessaafi alaa rakkoo ilaalchaa gama kanaan jiru maqsuuf hojii hubannoo uumuu gadifageenyaan kennuufi dadammaqiinsa uumuun murteessaa ta’uu dhaamaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017