
Sagantaan sirna gaggeessaa garee Aadaafi Aartii Itoophiyaa “Kin Itoophiyaa” jedhamu biyyoota miseensota Biriiksitti beeksisuufi hariiroo ummattootaa cimsuuf imaluu Kibxata darbe Finfinnee, Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffameera.
Saganticharratti artistoota angafoota kanneen akka Xilaahun Gugsaa, Abbabaa Baalchaafi Taaddalaa Roobaafaa akkasumas keessummoonni garagaraa waamichi taasifameef bakkichatti argamaniiru.
Kanumaan artistoonni saboota biyyattii 50 ol bakka bu’an kan argaman yoo ta’u; haalli uffannaa, sirbaa, shubbisaafi agarsiisasaanii godambicha miidhagsaafi ho’isaa ooleera.
Artistii beekamaan Oromoo Adam Mahaammadis weellistoota gareesaa wajjin ta’uun waltajjichaan miidhagina addaa kenne keessaa tokko yoo ta’u; aadaa uffannaa, sirbaa, shubbisaafi kanneen birootiin Oromoo ija ummata addunyaatti beeksisuuf/ agarsiisuuf qophii ta’uu turtii addatti Gaazexaa Bariisaa wajjin taasiseen eereera.
Artisti Adam keessumaa sirbasaa dhiyeenya baase kan ‘Shubbituu’ jedhuun jaalalaafi dinqisiifannaa ummata hedduu biraa argateen garicha keessatti filatamee aadaa sabasaa addunyaatti mul’isuuf akka imalu ibseera.
Imala seenaqabeessa kanaan ergama biyyaa ba’achuuf akka Oromootti artistii beekamtuu Bishiriyaa Borshaafaa waliin yeroo dheeraaf haala gaariidhaan qophaa’aa turuu kaaseera.
Waltajjiiwwan akkanaarratti aadaa bal’aa Oromoo guutummaatti ibsanii xumuruuf ulfaataa ta’ullee akka biyyaatti walqixxummaa aadaa, afaaniifi sabootaafi sablammootaa mul’isuuf kun carraa guddaadha jedheera.
Akka biyyaatti walqixxummaan sabootaafi sablammootaa eegamee bakka bu’oota saboota 50 olii waliin saganicharratti akka hirmaatan kan himu Artisti Adam; carraa ummata Oromoo bakka bu’uu argatanitti gammaduusaaniis ibsee haala ummata keenya madaaluu danda’uun agarsiisuuf qophiilee mara taasisuu dubbata.
Walumaagalatti namni kamuu carraawwan aadaasaa biyyoota addunyaarra naanna’e mul’isuu argachuun guddina ta’uu hubatee kallattii kamiinuu aadaan, eenyummaan, duudhaafi afaan keenya dorgomaa ta’ee biyyaafi ardiirra darbee ija addunyaatti mul’isuun Oromoon kana fakkaata jedhanii agarsiisuun carraa guddaa qabsoo cimaadhaan dhufe waan ta’eef nuti, artistoonni har’aa kanarratti haala gaariin xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedheera.
Saganticharratti ergaa kan dabarsan Ministirri Aadaafi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaa Aadaa, afaan, duudhaa, beekumsawwan xabboofi seenaa saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaa qo’achuu, beeksisuu, misoomsuufi eeguun dhalootaa dhalootatti akka darban mirkaneessuuf hojiiwwan hedduun kutannoo cimaadhaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Manni hojiisaanii ittigaafatamummaa labsiidhaan kennameef bahachuuf bara bajataa 2017tti Feestivaala Aadaafi Aartii Afrikaa Bahaa dabalatee qophiilee guguddoo aadaa, duudhaafi daneessummaa Itoophiyaa beeksisan sadarkaa biyyaalessaafi biyyoolessaatti qopheessuun hojiiwwan bu’aqabeessa hojjeteera jedhan.
Biyyi keenya Itoophiyaan argama dhala namaa, qe’ee qaroomina durii, mallattoo injifannoo Afrikaanotaafi biyya guddoo tokkummaa saboota garagaraatiin miidhagdeedha. Dandeettii biyyi keenya ijaarsa mootummaafi misooma hawaasaaf qabdu fayyadamuu keessatti aartiin gahee addaa taphachuu bira darbee, nageenya dagaagsuu, tokkummaafi waloomni ummata gidduutti akka uumamu gochuudhaan adeemsa ijaarsa seeneffama waloo keessatti guddinaafi namummaa kakaasuun gahee addaa akka qabus himaniiru.
Bara 1978 Gareen Aartii Itoophiyaa; Deeggarsa namoomaa hawaasni addunyaa Itoophiyaaf taasiseef, biyyoota addunyaa garagaraarra imaluun hojiilee aartii mataduree, “Aday Ababaa” jedhuun galata dhiyeessuuf hojiileen aartii qophaa’ee akka tures yaadaachiisaniiru.
Waggoota 39 booda imalli idiladdunyaa ammaa artistootaan mataduree, “Kin Itoophiyaa: Misiraachoo Bayyanannaa Itoophiyaa” jedhuun adeemsifamu kun bifaafi qabiyyeesaatiin adda ta’uufi kuufama aadaafi aartii Itoophiyaa addunyaatti beeksisuuf, dippilomaasii aadaafi aartiidhaan hojjechuufi haala gaarii Itoophiyaa ijaaruu kan kaayyefatedha jedhan.
Sagantichi angafummaa, seenaqabeessummaa, sabboonummaafi heddummina Itoophiyaa addunyaatti agarsiisuudhaan galiin industirii turizimii akka guddatuufi gumaachi aadaafi aartiin guddina dinagdeef qabu caalaatti cimsuuf kan qophaa’e ta’uu dubbataniiru.
Heddummina afaanii, tokkummaa biyyaa, sirbootaafi shubbisa aadaa adda addaa, agarsiisawwan faashinii, hojii harkaa, ispoortii sarkasiifi sirna buna danfisuu Itoophiyaa, ummata addunyaarratti agarsiisuuf kan kaayyeffateefi kunis hojiiwwan aartii maltimiidiyaaf carraa addaa ta’uu dubbataniiru.
Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Taaggasaa Caafoos aartiin tokkummaa keessoo biyyaafi walitti dhufeenyaa cimaa ummataaf ooluu qaba jedhan.
Afyaa’ichi xumura sagantichaarratti alaabaa biyyattii bifa imaanaatiin wayita imaltootaaf kennanitti haasaa taasisaniin aartiin tokkummaa keessoo biyyaafi walitti dhufeenya cimaa ummatootaaf ooluun ijaarsa biyyaa, nagaafi badhaadhina hundagaleessaaf haala sirrii ta’een tajaajiluu qaba jedhaniiru.
Qabeenyawwan uumamaafi namtolchee biyya tokko ibsuu danda’an keessaa gaheen damee indastirii aadaafi kalaqaa guddaa ta’uus ibsaniiru.
Itoophiyaan biyya qabeenya baay’eefi saboota aadaafi duudhaalee adda addaa qabaniifi seenaa mootummaa yeroo dheeraa qabduudha jedhanii; qabeenya kanatti sirnaan fayyadamtee akka guddattuuf tumsa hundaa barbaachisa jedhan. Ogeeyyonni aartiis qabeenya kana baasanii agarsiisuurratti shoora olaanaa akka qaban kaasaniiru.
Har’a biyyoonni dinagdee cimaa ijaaruu danda’an ogummaa aartiisaaniitti fayyadamuun lammiileesaanii yaada biyyoolessaa isaan hawwanitti bocuurra darbanii, ummata addunyaa biratti dhiibbaa uumanii mul’achuu danda’aniiru jedhan.
“Kun ta’uu kan danda’eef aartistoonni hojiiwwan hojjetan irratti wanti qaban xiqqaa yoo ta’ellee haala sadarkaa olaanaa ta’een agarsiisuudhaan xiyyeeffannoo addunyaa argachuu waan danda’aniifi. Kanaan walqabatee har’a bakka invastimantiifi turistii filatamoo ta’aniiru” jedhan.
Biyyi keenya damee kanarratti haala gaariin yoo hojjette carraa misoomuu qabdu sirnaan fayyadamuu akka dandeessu agarsiiftuudha. Kunis kan danda’amu Itoophiyaan biyya eebbawwan hedduu qabdu, biyya yeroo dheeraaf ummata gurraachaaf mallattoo bilisummaa taatee turte, biyya aadaafi duudhaa adda addaa of keessaa qabdu waan taateefi, jedhan.
Xiyyeeffannoo yeroo ammaa mootummaan Itoophiyaa damee kanarratti qaburraa kan ka’e bu’uuraaleen misoomaa hedduun damee aadaafi aartii keessatti ijaaramuun tarsiimoofi imaammanni sirna hojiichaa sirreessuuf qophaa’ee hojiirra ooluu ibsaniiru.
Hojiiwwan hanga ammaatti damee kanarratti hojjetaman jajjabeessoo ta’anis, aadaa, aartiifi ogbarruu akka meeshaa guddaatti fayyadamuudhaan guddina biyyaaf, dhaloota bocuuf, carraa hojii uumuufi nagaa waaraa buusuuf, akkasumas walitti hidhamiinsaafi tokkummaa ummatootaatti fayyadamuudhaan bu’aa ittifufiinsa qabuuf cimnee hojjechuun nurraa eegama jedhan.
Gareen aadaafi aartii gaggeeffame seenaafi hambaa Itoophiyaa dirree idiladdunyaarratti calaqqisiisuu, walittidhufeenya ummataa cimsuu, hariiroo dippilomaasii hawwachuufi tuurizimii guddisuu keessatti ittigaafatamummaa biyyaalessaa guddaa akka qabus hubachiisaniiru.
Biyyattiin qormaatawwan walxaxoo biyya keessaafi alaa ishee quunnaman hunda dandamachuun Ashaaraa Magariisaa, Maaddii Guutuufi misooma magaalotaafi indaastiriirratti bu’aawwan danuu galmeessisaafi bu’uura badhaadhinaa olkaa’aa waqtii jirtu kanatti sagantaan kun gaggeeffamuun bu’aansaa olaanaadha jechuun afayaa’ichi ibsaniiru.
Qindeessaan Garee ‘Kin-Itoophiyaa’fi Hogganaan Pirodaakshinii Shaakuraa Artisti Kaamuzuu Kaasaas qaama garee seenaqabeessa kanaa ta’uutti daran gammaduu himee; Itoophiyaafi sabootaafi sablammootashee haala gaariidhaan addunyaarratti beeksisuuf qophii ta’uu eereera. Xiyyeeffannoo mootummaan yeroo ammaa aartiif kennes dinqisiifateera.
Dajanee Bulchaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017