“Jijjiirraan barsiisotaa hojmaata iftoomina qabuun akka raawwatamuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira” – Waajjira Barnootaa Shawaa Kaabaa

Fiichee: Barsiisaan hojmaata taa’een mirga bakkarraa bakkatti jijjiiramuu seeraan argachuufi hojmaanni badaan kanaan ala jiru fudhatama kan hinqabne ta’uu Waajjirri Barnootaa Godina Shawaa Kaabaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Gaashaawu Akliiluu turtii Wixata darbe waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin jijjiirraan kan gaggeeffamu karaa iftoomina qabuufi ulaagaa jijjiirraa mana hojichaarratti bu’uureffachuun ta’uu dubbataniiru.

Haa ta’uutii, waggoota lama sadii dura jijjiirraa argachuuf ulaagaan osoo hintaane maallaqaan ykn firoomaan ta’uu yaadachiisanii; qaamni matta’a fudhachuuf socho’u miira namummaa keessaa kan bahedha. Jijjiirraan ulaagaa madaallii jiruun taasifamuun dirqama jechuun kaasaniiru.

Jijjiirraan sadarkaa aanaatti gaggeeffamaa ture walitti dhiyeenyaafi maallaqaan ta’uun walqabatee komiin barsiisotaa olaanaa akka tures dubbataniiru.

Hudhaa kana furuuf hoggansi sadarkaan jiru erga marii bal’aa taasisee booda ittigaafatamummaa hordofsiisuuf ittifayyadamni teknolojii dijitaalaa hojiirra ooluu Obbo Gaashaawu ibsaniiru.

Teknolojiin kun ulaagaa madaallii barbaachisu hunda dijitaalessuun kan qabate yoo ta’u; erga jijjiirraan rawwatamee booda firiin dorgomtootaa marti qulqullinaanfi seeraqabeessaan qindaaa’ee yoo komiin jiraates qaamaan dhiyaatanii ilaallachuun akka danda’amuuf haalli mijachuu himaniiru.

Ragaan barsiisaa marti qulqullinaan fi mala dijjataalawaan qabamuunsaa komii jijjiirraan walqabatee ka’u furuurra darbee tokkoo tokkoon barsiisaa hangam akka ga’u, eenyu akka isa dursu ifatti beekee karaa komiirraa bilisa ta’een yoom akka ka’uu danda’ullee akka inni beeku taasisa jedhaniiru.

Teknolojiin kun kana dura hojiirra ooluu dhabuun fayyadamummaa barsiisotaa hubaa tureera kan jedhan ittigaafatamichi; yeroo ammaatti haaromsa gaggeeffameen haqaafi haqa lafarra jirurra dhaabachuun hojiirra akka oolu ibsaniiru.

Alseerummaan dhimma jijjiirraatiin walqabatee ka’u sadarkaa aanaatti hamaa turuus yaadachiisanii; hordoffii dijitaalaafi inispekshinii yeroo yeroon taasifamuun hudhaan kun hir’achaa dhufuu dubbatu.

Bakkeewwan alseerummaan maallaqaafi firoomaan taasifame jedhamee komiin ka’errattis qorachuun erga mirkanaa’ee booda tarkaanfiin aangoorraa kaasuu fudhatamaa turuus himaniiru.

Tarkaanfiin kun ammallee cimee kan ittifufu ta’uu ibsuun qaamni dhimmi ilaallatu abbummaafi amanamummaan tajaajila barsiisaan argachuu malu kennuu akka qabu dhaamaniiru.

Akka godinichaatti, fayyadamummaa barsiisaan gama jijjiirraanis ta’e tajaajila mana jireenyaan argachuu malu milkeessuuf humna guutuun hojjetaa jiraachuu himanii; baadiyyaatti mana galmaa; magaalaatti ammoo lafa jireenyaa akka argatan taasifamaa jira.

Ta’us tarkaanfiin gama kanaan fudhatamaa jiru quufsaa miti jedhanii; hudhaa mana jireenyaafi lafa mana jireenyaa kana guutummaatti furuuf caasaalee dhimmi ilaallatu waliin hojjetaa jiraachuu dubbataniiru.

Barsiisaan dhalootaaf jiraatu ergama dhaloota qaruufi biyya ijaaruu kennameef milkeessuuf of kennee hojjetaa jiraachuu ibsuun, fayyadamummaasaanii mirkaneessuufis gaaraa hanga dakaatti hojjetamuu akka qabu dhaamaniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You