
Asoosamoonni dogoggoraa matayyoonniifi gareewwan faayidaasaaniif jedhanii uuman hawaasaafi biyya garmalee miidhaniiru. Lubbuu marartuun lammiilee hedduus galaafatameera, qabeenyis barbadaa’eera.
Hundarra badiin summii matayyoonni ilaalchaan fiixeetti bahan facaasan miidhaa laalessaa akkamii akka qaqqabsiise hubachuuf waraana addunyaa tokkoffaafi lammaffaa yaadachuu qofti gahaadha.
Waraanawwan kanneeniin lubbuun namoota miliyoona baay’eedhaan lakkaa’amuu darbeera; kaan qaamaa hir’ataniiru. Yeroo sanatti kufaatii dinagdee hamaas qaqqabsiisaniiru.
Dogoggorri matayyoonniifi gareewwan biyya tokko keessatti uuman ummata gatii himalle kaffalchiisuu bira darbee tasumaa akka biyyi diigamtuuf sababa ta’aniiru. Kanaafis biyyoota hedduu fakkeenyummaan tarreessuun nidanda’ama.
Kunis kan maddu haala ofii, biyyaafi idiladdunyaa sirnaan hubachuu dadhabuurraa, akkasumas kaanirra ol jedhanii mul’achuu barbaaduu, yaadaafi ilaalcha warra kaaniitiif of abboomuu dhabuu, maraammartoo oftuulummaa, maal na dhibdee, waa hunda dukkaneessanii ilaaluu, of jaalachuufa’irraa madda.
Kanaaf ammoo raafama waggoota torban darbanitti mudate ilaaluun ga’aadha. Tokko tokko sadarkaa nama dhuunfaafi murnaatti amala jijjiiramaafi adeemsasaa hubachuu dhabuudhaan jijjiiramichatti qormaata ta’aniiru.
Kun ta’uun akkuma biyyaattuu ummata hunda gatii hinmalle kaffalchiiseera. Duudhaalee walkabajuufi waldanda’uu, obbolummaafi wajjummaa barootaaf turerrattis godaannisa uumee darbeera.
Qaamoleen kunniin dogoggorasaanii kaleessaarraa barachuurra kan duraaniirratti dabaluun karaa hinmalleefi badiirra socho’aa jiru. Karaan badii kun akkuma kaleessaa ummata niqabsoofnaaf jedhan dabalatee biyyas miidhaa hamaaf kan saaxiluudha.
Akka qondaalli olaanaan mootummaa tokko tibbana jedhanittis, matayyoonniifi murnoonni siyaasa roorroo olka’iinsa yeroo hunda abjootan bira ga’uuf, beekamummaafi aangoo argachuuf ykn dhukkubasaanii dagatamuu wal’aanamuudhaan kabaja gonfachuuf akka roorroon hammaatuufi miira keessa seenamu taasisu.
Fedhiinsaanii ijoon yaadarra miira, sababaa’ummaarra roorroo, dhimmoota waaraarra abdiiwwaniifi waantota gaggabaaboo laachuufi dhiibbaa uumuudhaan akka mootummaan marsaawwan iyya yeroo gabaabaatiin qabamu gochuudha.
Wixxirfannaan tibbana gaaffii ogeessota fayyaa sababeeffachuun taasifamaa tures kanuma kan agarsiisuudha. Roorroo waan mootummaan dhimmichaaf xiyyeeffannaa hinkennine fakkeessuudhaan hafarsan maddiitti oggaa tarkaanfiileen furmaataa fudhatamanis waan tattaaffiisaaniitiin haalonni jijjiiraman fakkeessanii of arbeessu.
Kana maddiittis akka tasgabbiin hinjiraanneef roorroo baay’isu. Hojiilee waarinaan hawaasa fayyadan, sagantaalee misoomaa guddina si’eessanis busheessanii dhiyeessu, qeequ. Beekaafi quuqamaa qofagaleessa of fakkeessus.
Oduu yeroo jireenyasaanii keessatti waan maqumaaf ta’ullee hinhojjetiin; faallaasaatiin ammoo hoggantoota halkanii guyyaa hojjechuun jijjiirama gonkumaa hinhaalamne yeroo gabaabaa keessatti galmeessisan madda rakkoolee hundaa taasisanii dhiyeessu.
Seenessa gadheefi qoqqoodaa bocaniin hoggantoota ummata tajaajilan hawaasarraa addaan baasuufi akka amanamummaa dhaban gochuuf halkanii guyyaa ifaaju. Shira fincilasaanii kanaafis malaammaltoota sirnicha keessa jiran, namoota hanqina ga’umsaatiin ittigaafatamummaarraa ka’an, gomattootaafi dheebottoota aangoo fayyadamu.
Siyaasessitoota roorrootiif rakkooleen ummataa furamanii dhiisanii dhimmasaanii miti. Maniinsaanii kana fayyadamuun yoo danda’an akka biyyi walittibu’iinsaan raafamu gochuufi aangoo qabachuu; ta’uu baannaan miira hafarsaa, jeequmsaafi walittibu’iinsa uumaa ergamtummaadhaan maallaqa sassaabbachuudha.
Otoo kun ta’uu baatee karaa faallaa naamusaafi hamilee ogummaa fayyaa ta’een lubbuu dhukkubsattootaa du’aafi jireenya jidduutti gidiraa argaa jirtutti cufii ba’i, hojiirratti hinargamiin, fincili jechuun dadammaqsa gadhee keessan hinseenan ture.
Ogeessi fayyaa lammiisaa dhiisii diina biyyasaa diiguuf dhufellee wal’aanee, fayyisee akka seeraaf dhiyaatu gochuuf dirqama qaba. Kun qajeeltoo idiladdunyaatisi.
Kanaaf, kan al tokko faayidaa wayiin argadha jedhee qaama wayiitti maxxanee rakkinumasaatiin waan abjoote dhabe hundi maqaa ummataafi ajandaa madaa hawaasaa xuxxuqu rarraafatee dhaadachuufi wixxirfachuun dhaabachuu qaba.
Jijjiiramni biyyi ittijirtu yoo hanqina qaba jedhamee yaadame tarsiimoo fooyya’aa qabatanii dhiyaachuun soroorsaa deemuutu barbaachisa malee jijjiirama ummanni aarsaa hanga lubbuutti kaffalee harkaan gahate fashaleessuuf socho’uun yakka. Ummanni har’a eessaa ka’ee garam akka jiru, kan isa buusuufi hinbaasnee addaan baafateera, har’i kaleessa miti. Iddoo kaleessaas hinjirru kaa.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017