
Haati warraa ulfooftee ciniinsuun daran itti hammaannaan abbaan warraa waan falatu dhabee olii gadi fiigee watwaatus, hidhii xuuxuun ala namni watwaannaasaatiif deebii kennu dhabame. Wayita inni abdii kutannaa keessa jirutti maanguddoon tokko garuu dhufanii erga dhimmasaa gaafatanii booda faloo dhaquu akka qabu itti himan.
Bu’uuruma abbaan warraas gorsa maanguddoo kanaa fudhatee faloo ykn ganda beekaa dhaqe. Beekaan sunis maal rakkatte namakoo kan hiiqqistee boossuuf jedhee gaafateen.
Namtichis haadha warraakoo ciniinsuun qabee du’aafi jireenya gidduu jirti. Ogeessa bira geessinaanis ulfaataadha jedhan. Guyyaan natti dukkanoofnaanin fala barbaacha dhufe jedhee itti himate. Beekaan sunis oljedhee garaa waaqaa ilaalee faloo tokko dhaaameef. Innis, yoo farda boquu lamaa uumaakeef galchite haati warraa kee nideessi jedhee faleef.
Namni faloo barbaacha dhaqe kun yeroo yaada kana dhagahutti caalaatti nahe. Sababnisaas uumamumaan fardi boquu lamaa eessa jira? Haati warraakoo du’uushiiti jedhee abdii kutatee iyyuu eegale.
Beekaan sunis irra deebisee hin iyyiin yoo akka isheen nagaan deessu baarbaadde faloo kana sii faleera jedhee gaggeesse. Utuma namni kun iyyuufi hiiqqisee boo’aa deemuu maanguddoon gaaf duraa ganda faloo dhaqi jedhanii ittihiman karaatti itti dhufan.
Maali namana maaltaatee hiiqqistee boossa? yeroo darbe faloo dhaqi siin hinjennee jedhaniin. Innis, “Akkuma isin nagorsitan dhaqeen ture. Ta’us faloo ta’uu hindandeenye yoo farda boquu lamaa uumaakeef galchite haati warraa kee nideessi; ta’uu baannaan niduuti jedhanii naaf falan. Haati warraa koo du’uushiiti” jedhee iyyasaa ittifufe.
Maanguddoon kunis ofitti qabanii imimmaan irraa haqanii waa tokko isa gorsan. “Ilaamee ilmakoo halkan rimeessa waan dhalee bulu hinbeekani callisii manakeetti gali” jedhaniin. Namtichis gorsaafi faloo ulfaataa itti dhaamameefi yaaddoo keessasaa baattatee gara manasaatti qajeele.
Yeroo mana gahu haati warraa ciniinsuudhaan daran sardamtee of hinbeektu; du’aafi jireenya gidduu jirti. Hunduu boo’uufi hidhii xuuxuun ala waan godhan dhabanii harka maratanii watwaatu. Abbaan warraas mana gahee warra boo’aa jiruu waliin boo’aa dukkanni isaan dhidhimse.
Ganna walakkaa ture irraan waaqni jandoo buusee rooba mana keessaa abbaan warraafi firoonni dubartii ciniinsuun itti hammaatee imimmaan roobsu, akkumasaatti osoo ijasaanii walirra hinbuusiin osoo ciniinsuunis itti hinfuriin halkan rakkinaan guutameefi dheeraan sun bari’e.
Bari’uu lafaa hordofee abbaan warraa ganamfatee loon dallaarraa baasuu yeroo dhaqu fardisaanii dorrobaa turte halkan rooba hamaa sana keessa farda boquu lamaa dhaltee arge.
Rakkinasaarra gammachuun lafarra hinjirre isa weerare, lafuma dhaabatu dhaabatee sagaleesaa olkaasee iyye, warri manaas gadi bahanii taatee kana ilaaluu eegalan.
Raajii Rabbiiti, fardi uumama addaa ta’e dhalate, sanuu farda boquu lamaa jedhanii raajeffachuu eegalan. Abbaan warraa dubartittii gorsa maanguddoo sanaa halkan rimeessa waan dhalee bulu hinbeekani jedhanii; isa gorsan yaadatee miira gammachuutiin liqimfame.
Fardasaa boquu lama qabattee dhalatte sana oofee ganda faloo (beekaa) ayyaantuu geessee akkuma galcheen haati warraasaas nagumaan ilma deesse, ililleenis ta’ee guyyaan dukkanaa’es ife. Firri fagoofi dhiyoo walitti dhufanii araarris bu’ee maqaansaas “Ifaa” ta’e.
Afoolli dubbii mi’eessaafin kaase biyyi keenya, Itoophiyaan biyya dhiigaafi lafee sabootaatiin ijaaramteefi ciniinsuu hammaataa keessa turte waan taateefan dhimma kana kaase.
Itoophiyaan rakkoo hammaataa keessa turteetti. Sirnoonni dhufanii darban marti maqaashii olkaasuuf hamma humnasaanii hojjetanis badii isaan biyyattiirratti qaqqabsiisaa turan keessumaa olaantummaa saba tokkoo, afaan tokkoo, amantaa tokkoo, babal’isuun qaabeenyashii qorqaa kan turan.
Cunqursaa hammaataa qaqqabaa ture sana cabsuuf hedduun lubbuu itti dhabaniiru, lafeensaanii itti cabeera, dhiignisaanii dhangala’eera.
Yeroon rakkinaafi gidiraa sun darbee sirni sirna nyaatee mootummaan jijjiiramaa ijaarama Itoophiyaa haaraaf cichee hojjetu dhalachuu danda’eera. Faallaa kanaan ammoo kanneen imala jijjiiramaa kana maseensuuf shira xaxanis ofumaa xaxamanii kufuufi ofii buqqa’uu yoo ta’een ala duubatti ishee deebisuu hindandeenye.
Cunqursaan kaleessaafi dheengadda sabaafi sablammiirra qaqqabaa ture dhabamsiifamaa jira. Dimokiraasii dhugaanis lafa qabachaa jira. Mirgi ofiin of bulchuu, aadaafi duudhaa darbees afaaniifi aadaa ofii guddifachuu kabajamaa jira.
Raacitiin ilaalcha mootummaa qeenxee dhiqamee akka bahuuf hojiileen riifoormiifi haaromsaa ijaafi gurratti tolan, fayyadamummaa lammiilee qabatamaan mirkaneessan lafa qabataa jiru.
Bu’uuruma kanaan haaromsarraa kaasee hanga dakaatti mootummaa jijjiiramaatiin taasifamaa jiruun Itoophiyaan haaraa ijaaramaa jirti.
Walabummaashii tiksuuf ittifayyadamni teknolojii dijitaalaa babal’ataa jira. Gama hidhannoo meeshaa waraanaa ammayyaatiinis sadarkaa addunyaan irra geesseerti. Kanaanis Afrikaarraa biyya maqaa qabdu taateetti.
Gama dippiloomaasiinis cichitee hojjechuun miseensa ‘BRICS’ ta’uu dandeesseetti. Ijaarsa pirojektota guguddoo kanneen akka hidha Abbayyaa xumurarraan ga’uun akkasumas loojiiwwan ammayyaa hedduu eebbisiistee kanaan ijaaraa jirti.
Murna daangaa ce’ee walabummaashii mulquuf barbaduufi nageenyashii jeequuf aggaamu kamuu ofirraa qolachuufis meeshaalee waraanaa ammayyaa sharafa alaa olaanaadhaan turan biyyuma keessatti omishuu kabajashii eegsisaa jirti.
Meeshaalee waraanaa ammayyaa sadarkaa biyya keessatti omishuurra dabartee alatti erguun sharafa alaa argamsiisuun diina wixxifatu afaan qabsiisuun danda’meera.
Misoomawwan koriidarii akka biyyaatti jiran karaa qulqullina qabuun yeroo qabameef keessatti xumuramuun hawaasa boqochiisuurra darbanii Itoophiyaan ija addunyaa keessa akka seentu wiirtuu hawwata tuuristii akka taatu ta’eera.
Seenaa Itoophiyaa keessatti karaa hinbaratamneen Itoophiyaan qamadii alaa eeguu keessaa baatee gabaa biyya keessaa quufsuun gabaa alergiif oolchitee sharafa alaa argamsiisuun sadarkaa Afrikaatti miira hindanda’amuu cabsuun caaltee argamuu dandeesseetti.
Ittifayyadamni teknolojii qonnaa yeroorraa yerootti guddachaa callaanis dabalaa eeggattummaafi hojidhabdummaanis hir’achaa Itoophiyaan kaleessa waaroo deegaafi maqaa hiyyummaatiin beekamtu imala jijjiiramaafi dirree badhaadhinaatti ce’aa jiraachuusheef bu’aan galmaa’aa jiru ragaadha.
Mootummaan jijjiiramaa biyya ciniinsuu hammaataan qabamtee hudhaa keessa galte furuuf ogummaa, dandeettii, bilchinaafi ga’umsa siyaasaa kanamalees hirkattummaafi eeggattummaa maqsuun ejjennoo rakkoo ofii ogeessa ofiin jedhuun ciniinsuu hamaa keessaa ishee baasaa jira.
Dhugumattuu seenaa keessatti Itoophiyaaf mootummaan ba’eefiira kan nama jechisiisu yoo jiraate mootummaa jijjiiramaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu qofa. Milkaa’inoonniifi injifannoowwan galmaa’aa jiran bu’aa mootummaa jijjiiramaati. Kanas waan qabatamaa lafarra jiru ilaalanii dhugaa ba’uun nidanda’ama.
Afoola armaan olii keessatti abbaan warraa haadha warraasaa ciniinsuu hamaa keessaa baasuuf wayita kufee ka’u boollawwan sagalis lixu kaan taa’ee hidhii xuuxa, du’ashii dhagahee boo’ee awwaaluufi mulluu nyaachuuf qophaa’aa ture.
Dhamaatee nama kanaa ilaalee Rabbis isa gargaare haati warraasaa deessee gammachuudhaan ililfame akkuma, “Utuma mortuun mortuu hortuun horti” jedhamu san imalli badhaadhinaa Itoophiyaa osoo ija mortuufi inaaftuutiin hinfashalaa’iin dhohee ba’uun ifa ta’ee mul’achuurra darbee ummatoota biyyattiitiif boqonnaa sammuu ta’aa jira.
Akka kaleessaafi ija kaleessaan Itoophiyaa har’aa ilaaluunis ta’e madaaluun gonkumaa hindanda’amu. Itoophiyaa dijitaalawaa taate omishaafi omishtummaan badhaate biyya itti baqatan malee keessaa baqatan akka hintaane qabatamaan agarsiifamaa waan jiruuf mora mortuu doomsinee mootummaa jijjiiramaa waliin dhaabachuun biyya badhaateefi hundaaf taatu ijaaruun dirqama.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017