
Adaamaa: Ganna bara 2017tti roobni idileen olii akka eegamu Inistitiyutiin Metiworolojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyutichi qorannoo haala qilleensa arfaasaaf raaga haala qilleensa gannaa qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Adaamaatti mari’achuun ifoomseera.
Daarektara Olaanaa Inistitiyutichaa Obbo Faxxanaa Tashomaas haasaa maricha irratti taasisaniin akka jedhanitti, inistitiyutichi dhiibbaa haalli qilleensaa sochii hawaas dinagdee irraan ga’u hambisuuf meeshaalee haala qilleensaa ittiin hordofan ammayyawaa fayyadamuun yeroofi bakka isaa eegee odeeffannoo haala qilleensaa barbaachisaa kennaa jira. Wiirtuulee raaga haala qilleensaa 11tti odeeffannoo haala qilleensaa yeroofi bakka eege dursee raaguufi haala boodaan jiru xiinxaluun odeeffannoo amansiisaa hawaasa qaqqabsiisaa tureera.
Odeeffannoo inistitiyutichi kenneen qaamoleen dhimmichi ilaallatuufi hawaasni qophii barbaachisaa akka taasisan gargaaruu himanii, ganna bara 2017/18 tti hanga rooba idileen olii waan eegamuuf hojii qonnaa, eegumsa biyyeef gumaacha olaanaa qabuutus balaa lolaa qaqqabsiisuu waan danda’uuf hawaasi qophii barbaachisu akka taasisu hubachiisu. Qonnaan bultoonni lolaan oyiruu isaanii akka hinballeessineef daandii lolaan irra yaa’u qopheeffachuu akka qabaniifi magaalaattis daandii lolaan keessa yaa’u qopheessuufi qulqulleessuun barbaachisaa ta’uu himu. Hawaasni raaga haala qilleensaa inistitiyuutichi kennu sirnaan akka ittifayyadamaniif waamicha dhiheessaniiru.
Ministir De’etaaniifi Gorsaan Ministira Ministeera Bishaaniifi Inarjii Obbo Mootummaa Maqaasaa, Inistitiyutiin Metiworolojii Itoophiyaan balaa uumamaa xiqqeessuufi hawaas dinagdee irraan dhiibbaa utuu hinqaqqabsiisiin misooma ittifufaa taasisuuf odeeffannoon haala qilleensaa yeroofi bakka isaa eeggate kennuun ittigaafatamummaa ittikenname ba’achaa jiraachuu himu.
Odeeffannoon inistitiyuticha irraa kennamu qonna, industirii, aviyeeshinii, konistiraakishiniifi kkf keessatti waan barbaachisuuf fayyadamtootaafi qaamolee murtee kennan balaarraa hambisuuf shoora olaanaa qabaachuu ibsanii, kanaaf, raaga haala qilleensaa ganna bara 2017/18 kennamu fudhachuun rooba argame sirnaan fayyadamuun barbaachisaa ta’uu himu. Saaxilamummaa balaa lolaa inistitiyutichaan eeramee hir’isuuf hundumtuu bakka jirutti dirqama irraa eegamu akka ba’aniif waamicha dhiyeessaniiru.
Hogganaa Ittaanaa Raaga Haala Qilleensaa Inistitiyutichaa Doktar Asaamminoo Tashoomaa haala waliigalaa addunyaa irraa ka’uun Naannoo Tigiraay Kibba Bahaa, Walloo Kaabaafi Kibbaa, godinoota Affaar, kutaalee Itoophiyaa Bahaa, godinoota Tigiraay Giddugalaafi Dhihaa, Amaaraa Dhihaafi godinoota Beenishaangul Gumuzitti hanga rooba idilee olii akka eegamu ibsu. Haaluma walfakkaatuun godinoota Oromiyaa Dhihaa, godinoota Gaambeellaafi Itoophiyaa Kibba Dhihaatti rooba idileefi idileen olii akka eegamu ibsaniiru.
Seensaan walqabatee ganna baranaatti kutaalee biyyaa Kibba Dhihaafi Dhihaatti dursee roobi akka eegalu himanii, kutaalee biyyattii baay’eesaanii irratti jalqabbii duraanii (idilee) eeggatee roobu akka eegalu himu.
Roobi argamu qonna gannaaf qophiifi hojii oyiruufi jallisii mijeessuuf, hidhootni jiran bishaan ga’aa waan qabataniif omisha anniisaafi hojii eegumsa biyyee akkasumas, milkaa’ina ashaaraa magariisaaf faayidaa olaanaa akka qabu dubbatanii roobni idileen olii roobu miidhaa akka hinqaqqabsiisneef gamanumaa of eeggannoo barbaachisaan taasifamuu qaba jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017