
Finfinnee: Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama hundagaleessa galmeessisaa jiraachuu lammiileen biyya alaa Yaa’ii 20ffaa Dhaabbata Hojii Addunyaa (‘ILO’) Sadarkaa Afrikaa Finfinneetti adeemsifamerratti hirmaatan Gaazexaa Bariisaaf himan.
Finfinneen Magaalaa Guddittii Itoophiyaa, Teessoo Gamtaa Afrikaafi Dippiloomaatota Idiladdunyaa taatus jijjiirama maqaafi umuriishee gitu keessa hinturre. Pirezidaantiin duraanii Liibiyaa Koloneel Mohaammad Gaadaafiin teessoon Gamtaan Afrikaa Finfinnee gara Liibiyaa yookiin biyyoota Afrikaa birootti akka jijjiiramuuf sababni guddaan dhiyeessan Finfinneen misoomaafi qulqullina maqaashee gitu hinqabduudha. Sababa misoomuu dhabuutiin Teessoon Gamtaa Afrikaa biyya mallattoo kabajaa ummata gurraacha maraa taate keessaa bakka birootti jijjiiramuun dhaloota har’aaf cabiinsa hamaa ta’a ture.
Har’a garuu hoggansa jabaafi mul’ata fagoo qabattee socho’uun Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama maqaashee gitu keessa jiraachuu addunyaan ragaa ba’uufii jira.
Doktar Jeettaa Beettan lammii Kaameeruun yoo ta’an; haalli Finfinnee kaleessaafi har’aa waldorgommiif akka hindhiyaatne dubbataniiru. Finfinnee guutummaatti keessa naanna’anii daawwachuu baatanis waanti argan marti, keessattuu ijaarsi bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii badhaadhinaafi guddina Afrikaa aggaamameef agarsiistuu guddaa ta’uu dabalataan ibsaniiru.
Afrikaan imaammata bareedaa qabaattus hojiirra oolmaarratti hanqinni jiraachuu qeeqanii; ta’us ammaan tana hojiileen Afrikaatti maqaa gaarii horan hoggantoota Afrikaan hojjetamaa jiru. Biyyisaanii, Kaameeruunis guddina dinagdee eegumsa naannawaa, carraa hojii hammataafi ammayyummaa magaalaarratti xiyyeeffate keessa jiraachuu dubbataniiru.
Aadde Weendii Mukaaphee ammoo lammii Zaambiyaa yoo ta’an; miidhaginniifi jijjiiramni Finfinneetti galmaa’e agarsiistuu jijjiirama Itoophiyaa qofa osoo hintaane jijjiirama Afrikaa ta’uu dubbatanii; yaa’ii kanarratti hirmaachuuf dursanii waan dhufaniif carraa Finfinneefi Finfinnee ala naanna’anii daawwachuu argachuu ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti miidhagina Afrikaa boonsu gonfatteetti. Ijaarsa bu’uuraalee misoomaa Finfinneen walqabatee hojii dhabdoota hedduufis carraan hojii bal’aan akka baname shakkii hinqaban. Keessattuu biyyoota Afrikaa irra deddeebiin balaa ongeen miidhaman kan dandamachiisu dhaabbiin biqiltuu Itoophiyaan raawwatteefi raawwachuuf karoorsitetti gammadaniiru.
Hojiin Misooma Koriidarii Finfinneetti eegalame babal’achuun magaalota 65tti hojjetamaa jiruun milkaa’inni guddaan galmaa’uu akka fakkeenyatti kaasuun, mootummaan jijjiiramaa imaammata guddina dinagdee saffisaa qofa osoo hintaane fayyummaa naannawaaf dursa kennerratti xiyyeeffachuun lammiilee hunda fayyadamaa taasisuuf kutannoon hojjetaa jira kan jedhan ammoo Ministira Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saaniiti.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017