Facaasaan sanyii filatamaa boqqoolloofi boloqqee eegalchiifame

Baatuu: Yuniyeeniin Waldaalee Hojii Gamtaa Jallisii Bulbulaafi Federeeshiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa bakka Biiroon Qonna Oromiyaafi Ejensiin Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaa jiranitti sirna facaasaa sanyii filatamaa boqqoolloofi boloqqee eegalchiisan. Facaasaan sanyii kun lafa hektaara 300 irratti kan uwwisu yoo ta’u, biiffaan qoricha farra aramaas kan adeemsifamu ta’a.

Hogganaa Ittaanaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa hojiilee yuniyeenonniifi waldaaleen hojii gamtaa hojjetan deeggaruun qaala’iinsi omishaa akka hir’atufi tasgabbiin gabaa akka uumamu kan taasifamu ta’u ibsaniiru.

Hojigaggeessaa Ittaanaan Federeshinii Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Alamaayyoo Tashoomaa akka jedhanitti, federeeshinichi sanyii filatamaa, qoricha farra aramaafi ilbiisaa dhiyeessuurraa jalqabee rakkoon gabaa akka isaan hinmudanne gatii gabaa idileerratti dhibbantaa 10 dabaluun omisha yuniyeenota irraa bitaa jiraachuu himu.

Kunis faayidaa lama qabaachuu eeranii, inni jalqabaa yuniyeenonni gatii dhamaatiisaanii akka argatan taasisuu yoo ta’u, inni lammaffaa ammoo federeeshinichi omisha qulqulluu akka argatu kan taasisu ta’uu kaasu.

Sagantichi walta’iinsa Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa Oromiyaafi Dhaabbata ‘Kemtex’ jedhamuun kan qophaa’e yoo ta’u, ittigaafatamtoonni dhimmichi ilaallatuufi keessummoonni waamichi taasifameef irratti hirmaataniiru.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You