
Finfinnee: Lammiilee biyyattii keessaa dhibbantaan 80 ta’an hojii qonnaatiin kan jiraatan yemmuu ta’u, qonni hojii lammiileen biyyattii harki caalu ittiin jiraatu qofaa osoo hin taane, madda dinagdee biyyattii isa hangafaatis.
Utubaa dinagdee biyyattii kan ta’e damee qonnaa, keessattuu waggoottan jijjiiramaa kana keessatti hojiiwwan damee qonnaa ammayyoomsan hedduun raawwatamaa jiraachuu Gorsaafi Hayyuun diinagdee Hamdinoo Midhaagsoo himaniiru.
Qonna biyyattii aammayyoomsuufis ta’ee diinagdeen biyyaa bu’ura cimaa irratti akka hundaa’uuf dargaggeessa biyyattii bal’inaan hirmaachisuun murteessaa ta’uu kan himan Obbo Hamdinoon, keessattuu dargaggoota yaada haaraafi kalaqa hojii qabaniif carraa kalaqa hojii itti agarsiisan uumuunis dhimma murteessaa ta’uu ibsaniiru.
Qaama damee qonnaa ammayyoomsuu kan ta’eefi dargaggootni baay’inaan damee kanatti akka makaman kan taasisu dorgommiin kalaqaa teknolojii qonnaa dargaggoota biyattii hunda hirmaachisu tibbana ifoomeera.
Dorgommiin kun Dhaabbata “Heifer International” jedhamuufi Ministera Hojiifi kalaqaa waliin ta’uun kan adeemsifamu yommuu ta’u, inni baranaa kun yeroo 4ffaaf kan adeemsifamu ta’uu Daarektarri Dhaabbatichaa Obbo Teediroos Ayyalee himaniiru.
Dorgommii kalaqa hojii dargaggoota teknolojii qonnaa bara darbee irratti dargaggootni biyyattii 528 hojiisaanii dorgommiif dhiheessanii kan turan yemmuu ta’u, barana ammoo dargaggootni baay’inaan isa bara darbee caalan akka hirmaatantu eeggama.
Dorgommii kanarratti dargaggootni biyyattii umriinsaanii 18 hanga 30 jidduu jiru kamuu hirmaachuu kan danda’an yemmuu ta’u, dorgommii kanaan dargaggootni kalaqaa teknolojii qonnaatiin sadarkaa 1ffaa hanga 3ffatti bahan doolaara kuma 20 badhaafamu.
Dargaggessi bara darbe akka biyyaatti injifatee ture, sadarkaa Afrikaattis 1ffaa bahuudhaan kan xumure yemmuu ta’u, kanaanis carraa Yunivarsitii Teknolojii Ameerikaatti barachuu argachuu danda’eera.
Dargaggoota biyyattii yaadaafi fedhii qaban deeggarsa gorsaafi leenjiitiin ga’oomsanii damee qonnaa irratti jijjiirama akka fidaniif gahoomsuun kaayyoo sagantichaa ta’uus Obbo Hamdinoon himaniiru.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017