
Namoonni tokko tokko hojiin hinjiru jedhu. Harka maratanii taa’uunis komii tarreessu. Keessumaa dargaggoonni tokko tokko carraa hojii naannawasaanii jiru mil’atanii ittiseenanii hojjechuurra oggaa yeroosaanii qaalii tasatti guban mul’atu.
Tokko tokko ammoo carraawwan argatan hundatti fayyadamuun oggaa ofis, maatiis darbees hawaasaafi biyya jijjiiruuf halkanii guyyaa tattaafatu mul’ata. Kanaaf ammoo Shamarree Muriidaafi miiltoowwanshii fakkeenya gaarii ta’u.
Jiraattuu Magaalaa Aggaaroo kan taate Muriidaa Tamaamiifi miiltoowwanshii haala gaarii misoomni koriidarii uumeefitti fayyadamuun bakka magariisa Naannawa Hoteela Fayyaa jedhamutti buna jabanaa danfisuurratti bobba’anii hojjetaa jiru. Naannawichi omisha bunaatiin beekamaa ta’uus dhaadhessuurratti argamu.
Nutis tibbana wayita dhimma hojiitiif gara Magaalaa Aggaaroo deemnetti oggaa Muriidaan miiltoowwanshii wajjin ta’uun buna danfisanii maamilootasaanii olii gadi jedhanii keessummeessaa jiran agarree itti goruun buna dhugaa turtii gabaabduu ishee waliin taasisneerra. Muriidaan durateessuu Waldaa Buna Ifnaanisi.
Qophii barnootaafi haala hojii
Barnoota koo leevilii sadaffaadhaan kolleejii BLTO Magaalaa Aggaaroorraa muummee elektiriiksiitidhaanin eebbifame.
Hojii kana dhiyeenyuma kana jalqabne. Maatiidhuma keessaa warra kolleejota adda addaarraa eebbifaman wajjin dubartoota afur taanee maqaa Buna Ifnaan jedhamuun gurmoofnee hojjechaa jirra. Yeroo ittaanutti buna maddiitti cuunfaawwan adda addaa eegaluufis qophiirra jirra.
Bakka hojiin itti eegalame
Hojicha kan jalqabne bakka duraan kosiin ittigatamaa tureefi misooma koriidarii milkaa’aa Magaalaa Aggaarootti hojjetameen guyyaa darbeefii daran miidhagetti. Har’a bakkicha Bulchiinsi Magaalaa Aggaaroo sirriitti misoomsee magariisiseera. Bulchiinsi magaalichaa iddoowwan baay’eetti hojii guddaa hojjetaa jira. Kanattis dargaggoonni akka keenya fayyadamaa jiru.
Warra hojiin hinjiru jedhaniif gorsa
Dhugaa dubbachuuf akka kootti waanti hojiin hinjiru jedhamu soba. Kutattummaafi amanamummaan jiraannaan duwwaarraa ka’amee bu’aqabeessa ta’uun nidanda’ama. Waan hundayyuu gara hojiitti jijjiiruun nidanda’ama. Dargaggoota hojiitti amananiif haalli ammaan tana mijaa’aa jiru abdachiisaadha, baay’ee gaariidha jedheen amana.
Dargaggoota carraa argame hojiitti jijjiiruurra biyya hinbeeknetti godaanuun balaaf of saaxilaniif gorsa
Biyyuma keessatti hojjetanii jijjiiramuun nidanda’ama. Fakkeenyaaf ani paaspoortiis qaba. Viizaa bilisaatiinis bahuun danda’a. Maatiifi firoota hedduus alaa qaba. Ani garuu biyya koo keessaa bahuu hinbarbaadu, asumatti hojjedheen of jijjiira jedheen dide.
Kanaafis hojii gadi bu’aadha jedhamurraa eegalee guddachuuf xiyyeeffannaa olaanaadhaan tattaafachaa jira. Itti amanamee tattaafatamnaan biyyuma ofii keessatti hojjetanii jijjiiramuun akka danda’amu amantaafi abdii guddaan qaba. Ani fakkeenya ta’uun danda’a. Bakka duraan mijataa hinturre qulqulleessanii irratti hojjechuuf yaaduun ulfaataa fakkaatus nuti garuu jijjiirree hojjetaa jirra. Namoota kaaniifuu carraa hojii ni uumna jennee tattaafataa jirra.
Waa’ee misooma koriidarii Aggaaroorratti maal jetta?
Magaalaan Aggaaroo gama hundaan daran jijjiiramteetti. Manneen dulloomaniifi jijjiganii turan baay’inaan haareffamanii miidhaganiiru. Daandiinis daran kan caccabe ture. Balfaanis akka malee miidhamtee turte. Erga misoomni koriidarii kun eegalamee as garuu baay’ee jijjiiramte, miidhagde. Magaalaan magariisa uffataafi bareedaa jirti. Kun baay’ee na gammachiisa.
Nu bira bunni hinjiruun hinjiru
Hojii kana ganamarraa kaasee hanga galgalaatti hojjetaa jirra. Nu bira bunni hinjiruun hinjiru. Namuu yeroo hunda goree buna keenya dhuguu danda’a. Dhama buna keenyaa otoo maamilaaf hindhiyeessiin dhamdhamnee ilaalla.
Akeeka egeree Waldaa Bunaa Ifnaan
Omisha buna keenyaas waan beeksisaa jirruuf kanaan walqabsiisnee hanga dhama buna keenyaa bareedaa kana alatti erguutti hojjechuuf karoora qabna. Qulqullina keenya qabannee buna qisharame, akaa’ameefi daakame hanga alatti erguutti hojjechuuf karoorfanneerra. Maamilli keenya ammas danuudhaa, sichis ni dabalaa walumaagalatti imalli keenya biyya keessaa hanga alaatti erguutti kan ce’uudha.
Milkaa’ina hojiisaaniif deeggarsa Bulchiinsa magaalaa Aggaaroo
Namoota itti amananii hojiitti galaniif gargaarsa gaariitu taasifamaa jira. Kunis hamileerraa kaasee waan hanqate guutuun, bakka itti hojjennu kana nuu kennuufi kkfn ibsama. Bakka kana caalaatti magariisa gochuufis bulchiinsichi xiyyeeffannaan hojjetaa jira.
Deeggarsa gama liqii fa’iin jiru
Gama liqiitiin yoo humni nutti hanqate akka haalli nuu mijatu nutti himameera. Kanaafis IMX irraa kaasee hanga baankotaatti wajjin dubbachaa jirra. Kanarrattis dhugaatti waanuma gaariitu jira.
Dhaamsa
Dhaamsan dargaggoota magaalaa keenyaas ta’e kaaniif qabu, itti amantanii hojiitti seennaan carraan kamuu gara qarshiitti jijjiiramuu waan danda’uuf kutattummaan socho’uu qabdu kan jedhuudha. Ani qoosees jiraachuun danda’a ta’a. Ani gadi bu’ee hojii xiqqaarraa ka’ee hojiitti seenuudhaan dargaggoota baay’eef fakkeenya guddaan ta’a jedheen yaada. Kanaan jiraattonni Magaalaa Aggaaroo na beeku. Kanaaf boru ol jechuuf har’a gadi jedhaatii hojjedhaa, walqabannee nijijjiiramnaan jedhaan.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017