Hirkattummaa dinagdee: Sirna kolonii Awurooppaa Afrikaanonni qolachaa jiran

Finfinnee: Yaa’ii 20ffaan Dhaabbata Hojii Addunyaa (‘ILO’) Sadarkaa Afrikaa guyyoota shaniif ture mataduree, “Hawaasa dandamataa, Naannawa Fayyaalessaa, sagantaa hojii carraa hojii bal’aa uumuu” jedhuun torbanuma kana keessa Finfinneetti adeemsifame abdiifi gaabbii hedduu of keessaa qaba.

Biyyootni Afrikaa hedduun qabsoo ijibbaachisaafi wareegama qaaliin booda birmadummaasaanii gonfachuun ofiin of bulchanis sababa hiyyummaan har’ayyuu bittaa kolonii Awurooppaa jalaa daaddisaa jiru.

Waggaatti dargaggoon kumaatamaan lakkaa’aman abjuu carraa hojii biyyoota Awurooppaafi Ameerikaaf jecha gammojjiifi galaana gubbaatti irbaata allaattiifi qurxummii ta’aa jiru. Gabaasni Dhaabbata Baqattoota Addunyaa ALA bara 2024 akka mul’isutti bara 2014-2018tti dargaggootni Afrikaa kuma 20 ta’an hanga har’aatti achi buuteensaanii dhabameera.

Ardiin Afrikaa qabeenya uumamaan irraa hafaa ardiilee kaaniifuu ga’u qabaattus sababa rakkoo bulchiinsa gaarii, malaammaltummaa, walitti bu’iinsa daangaa, sabummaafi balaa uumamaa muraasaaf ardii hiyyummaafi boodatti hafummaan keessatti dagaage ta’uu Gabaasni Komishinii Dinagdee Afrikaa ALA bara 2023 ifoomseera.

Keessumaa sabdaneessummaa qixa sirriin keessummeessuu dhabuun madda waldhabdee  ta’ee misooma danquu qofa osoo hintaane badii lubbuufi mancaatiin qabeenyaa guddina biyyoota Afrikaa boodatti harkisuu ta’eera. Keessattuu biyyootni Afrikaa Bahaa walwaraansa waggoota dheeraa lakkoofsiseen miidhama guddaa keessummeessuuf dirqamuu gabaasni kun ni ibsa.

Walwaraansa waliinii Somaaliyaa booda mul’achuu Alshabaab hordofee ALA dhuma bara 2022tti lammiileen miliyoona 3.9 buqqaatiifi godaansaaf yoo saaxilaman, Sudaan Kibbaatti lammiileen miliyoonni lama qe’eesaaniirraa buqqa’uun godaananiiru. Haaluma walfakkaatuun walwaraansi waliinii keessoo Sudaaniifi Itoophiyaatti mudate gaaga’ama guddaa dhaqqabsiisuu gabaasni kun mul’iseera.

Ta’us Itoophiyaa dabalatee biyyootni Afrikaa hedduun awwaala hiyyummaa diiguuf mataduree, “Africa is rising’ “Afrikaan olkaafamaa jirtii” jedhuun biramadummaa guutuu gonfachuuf raajii dalaguu eegalaniiru.

Afyaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obba Taaggasaa Caafoos kanuma dhugaa ba’u. Gama daldalaa, invastimatiifi misooma qonnaatiin Afrikaanotni yeroo kamuurra harka walqabatanii hojjechuun hiyyummaa keessaa ba’uun amma ta’uu eeranii; Itoophiyaan jijjiiramaa as imaammata dinagdee saffisaa, faalama naannawaarraa bilisa ta’eefi hunda hammataa hojiitti hiikuun omishaafi omishtummaa dabaluu cinatti miliyoonotaaf carraa hojii uumuu danda’uun guddina Afrikaa dhugoomsuuf kutannoo qabdu mul’isa jedhaniiru.

Itoophiyaa bonaafi ganna omishuun harka micciiraa al kallattii deeggarsa qamadiin walqabatu keessaa yeroo gabaabaa keessatti ba’uu bira darbitee gabaa alaafuu erguu eegalteerti. Hirtaa shiraa sirna koloneeffattootaa moggaatti dhiisuun humna, qabeenyaafi beekumsa mataasheen Laga Abbayyaa misoomsuu dandeesseetti.

Dinagdee magariisaa faalama naannawaarraa walaba ta’e dhugoomsuun humna bishaaniifi bubbee fayyadamuu cinatti dhaabbii biqiltuuf xiyyeeffannoon addaa kennameera. Humna pirojektota guguddoo ijaaranii xumuruu cinatti hojiin Misooma Koriidariin magaalotaafi biyya ammayyeessuu cimee ittifufuus yaadachiisaniiru.

Bakka bu’aan “IGAD” Obbo Daawwit Mogos akka jedhanitti, duuba Afrikaa hojidhabdummaafi walitti bu’iinsi jiraatus egereenshee abdiifi guddina saffisaa ta’uun dagatamuu hinqabu. Ammaan tana wayita Keeniyaatti dargaggootni kumaataman lakkaa’aman konkolaataa elektiriikii warshaalessuurratti bobba’anii jiranitti, Ruwaandaatti ammoo dargaggootni hedduun kunuunsa naannawaa fakkeenyummaa qabuun jijjiirama guddaa keessa jiraachuu dubbataniiru.

Itoophiyaan ammoo meeshaalee alaa galan biyya keessatti omishuu cinatti dargaggoota hedduuf carraa hojii kan saaqu babal’ina paarkiiwwan industiriif xiyyeeffannaa kennuun agarsiistuuwwan hiyyummaa seenaa taasisuu ta’uu hubachiisaniiru.

Aangootti Dhufuu Pirezidaantii Kaapiteen Ibraahim Tiraa’oree hordofee Burkinaafaasoon deeggarsa harka micciirraa Faransaay jalaa guutummaatti ba’uun yeroo waggaa sadii hincaalle keessatti midhaan nyaataatiin of danda’uu bira darbee guddina saffisaa keessa seenuu dandeesseetti.

Walumaagalatti, Afrikaanotni garaagarummaa yaadaa qaroominaan furuun harka walqabatanii hojjennaan yeroo gabaabaa keessatti kolonii hiyyummaa keessaa ba’uun akka danda’amu agarsiistuuwwan hedduun mul’ataa jiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017

Recommended For You