
Ambo: Ispoortiin guddina dinagdee fi biyya ofii sadarkaa addunyaatti beeksisuufi madda dinagdee cimaa ta’uunsaa beekamee akkuma misooma qonnaa xiyyeeffannoo argatee irratti hojjetamaa jiraachuu Pirezdaantii Ittaanaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii beeksisan.
Tapha guutuu Oromiyaa marsaa 27ffaa alanaa Ebla 26 hanga Caamsaa 8 bara 2017tti Godina Shawaa Lixaa, Magaalaa Ambootti adeemsifame xumurasaarratti argamuun haasaa kan taasisan Pirezidaantii Ittaanaan Bulchiinsa Mootumma Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dirreen walgeettii ispoortii kun bakka tokkummaafi Oromummaa itti calaqqisu, jaalalli biyyaa itti horatamuudha jedhaniiru.
Bu’uuruma kanaan dorgommichi waancaa fudhachuuf qofa kan taasifamu akka hintaane kaasanii; giddugala obbolummaafi tokkummaan itti cimu akka ta’e yaadachiisaniiru.
Biyya tokko addunyaatti gadibaasanii beeksisuufi dinagdee argamsiisuu keessatti shoorri ispoortiin taphatu olaanaa ta’uu kan kaasan Obbo Awwaluun; keessumaa maqaa Itoophiyaafi alaabaashii olkaasuurratti Oromoon gahee Leencaa akka taphatu ibsaniiru.
Yeroo ammaattis sochiin ispoortii haala kanaan dura hinbaratamneen akkuma misooma qonnaa xiyyeeffannoon kennamee irratti hojjetamaa jiraachuu kaasanii; fuuldurattis cimee kan ittifufudha jedhaniiru.
Ispoortessitoonni keenya Oromiyaa keessatti qofa dorgomanii kan injifatan osoo hintaane sadarkaa addunyaatti maqaa biyyasaanii olkaasuuf of kennanii hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Dassaalany Xilahun gamasaaniinis Oromiyaatti misooma ispoortii bu’aa buusuu danda’uun caallee argamuuf yoomiyyuu caalaa ciminaan hojjenna jedhaniiru.
Fedhii misooma ispoortiif hawaasni qabu kan hubate mootummaan misoomawwan ispoortii sadarkaa gandaatti gadibuusee babal’isuun irratti hojjetamaa jiraachuu ibsuun Oromiyaan akaakuuwwan ispoortii hundaan ofijaartee naannoorra darbuun biyya ofiif bu’aa buusuun maqaashii olkaasuu akka qabdu dhaamaniiru.
Oromiyaan kaleessas har’as misooma ispoortiin Itoophiyaa dirree addunyaarratti olkaasaa jirti jedhanii; ammas misoomicha dachaan dabaluun dhaloota qaamaanis ta’e xiinsammuun ijaarame darbees misoomawaa ta’e horachuuf ciminaan hojjechuun murteessaa ta’uu hubaachiisaniiru.
Taphni guutuu Oromiyaa baranaa olaantummaa Magaalaa Shaggariin kan xumurame yoo tapha guutuu Oromiyaa 28ffaa bara ittaanu Magaalaa Adaamaatti taasifamuuf gamanumaa qophiin taasifamuu akka qabu dhaamuun goolabameera.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017