
Finfinnee: Dhaabbileen BLTO humna namaa ga’umsa qabu horachuuf leenjichi fedha leenjifamtoota waliin walsimachuu akka qabu Inistitiyutiin Leenjii Teknikaafi Ogummaa beeksise. Dhaabbilee BLTO mootummaafi dhuunfaa dabalatee waliigala dhaabbilee BLTO kuma 1fi 700 ol jiraachuun ibsameera.
Inistitiyutichatti Daarektara Qorannoo Obbo Annimuut Taaddasaa Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, dhaabbileen BLTO humna namaa ga’umsa qabu horachuuf fedhii leenjifamtootaafi akaakuu leenjii kennamu faana walsimuu qaba.
Yeroon leenjii dheerachuu, leenjistootni leenjii bu’uura industirii dhabuu, BLTO irratti hirmaannaan dhaabbilee dhuunfaa yarachuu, ilaalcha badaa hawaasaafi leenjifamtoota BLTO biraa mul’atu rakkoo ta’uu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, industiriiwwan humna namaafi kaappitaala qabanirratti hundaa’uudhaan humna namaa isaaniif barbaachisuun akka argataniif fedhiin leenjifamtootaafi dhaabbilee leenjii teeknikaafi ogummaa kennamaniin walsimuun barbaachisaadha.
Fedhiin leenjifamtootaa leenjii kennamu faana walsimachuun gara hojii filataniti ariitiin bobba’uu muuxannoon biyyoota garagaraa irraa mul’ataa jira. Hojiirra taa’anii leenjii dabalataa barachuufis carraa uuma waan ta’eef filannoo leenjifamtootaa ta’eera. Dhimma kana ilaalchisuudhaan qorannoo institiyutichi barattoota sadarkaa lammaaffaatti gaggeesseenis amala walfakkaataa mul’iseera. Dhaabbileen leenjii teeknikaafi ogummaa biyya keenyaa sadarkaa shanaffaa leenjisanii xumursiisuuf waggaa 4-5 waan gaafatamuuf leenjifamtoota fedha dhabsiisaa jira. Kanaaf, dhaabbileen leenjii teknikaafi ogummaa fedhii leenjifamtoota isaanii qorachuun adda baasanii leenji kennuu qabu jedhaniiru.
Leenjiin haala kanaan kennamus mooraa leenjii keessatti qofaa utuu hintaanee toora intarneetaan kennamuun akka qabu himanii; industiriiwwan jiranis (industirii xixqqaa, giddugaleessaafi olaanaa) haala qabatamaa isaaniirratti hundaa’uudhaan hojjetaa ga’umsa qabu argachuu qabu.
Fedhaan walsimsisuu qofa utuu hintaanee hirmaannaan sekteroota dhuunfaa BLTO keessatti qaban humna namaa ga’umsa qabu horachuuf murteessaa ta’uus ibsaniiru.
Sekterootni dhuunfaa BLTOtti hirmaachuun mootummaa deggeruu qofa utuu hintaane omishaafi omishtummaansaanii akka dabaluuf shoora olaanaa qaba. Hojmaati akka kanaa hojiirra kan oolu muuxannoo biyyoota guddatanii bu’uura godhachuudhaan industiriiwwan waliin ta’anii leenjii BLTOn kennamuun ala ta’e akka kennan ta’a.
Kun ammoo adeemsa keessa yaaddoo abbootiin qabeenyaa miidhaa maashinarra ga’uuf qaban hir’isa.
Mootummaanis industiriiwwan adeemsa kana keessa darbanii bu’aqabeessuummaa isaanii mirkaneessuuf taaksii gibiraa hir’isuufi tarkaanfiiwwan garagaraa fudhachuun gara leenjisuutti akka hirmaatan gochuudhaan abbaa dhimmaa taasifamuu qabu jedhaniiru. Hojmaati akkasii gaafa hojiirra oolu leenjistootni institiyutichaafi industiriiwwanii waliin ta’uun leenjisuufi madaaluun carraa gaarii akka uumuu ibsaniiru.
Dhaabbileen barnootaa barattoota isaanii yunivarsitii galuu qofaaf qofa gorsuun rakkoo ilaalchaa BLTO irratti hawaasaafi leenjifamtootni qaban cabsuuf rakkoo ta’uu himanii; rakkoo kana maksuuf institiyutichaafi dhaabbileen barnootaa waliin hojjechuu qabu. Keessumaa, ‘Barataan yoo kufte BLTO galtaa’ jechuufi jaalala hojii biiroo keessaa qofarratti xiyyeeffatamuu akka hinqabne hubannoon uumamuu qaba jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017