
Adaamaa: Adaamaatti hojiilee barana nageenya tiraafiikii eegsisuufi balaa tiraafiikii hir’isuuf raawwatamaa tureen bu’aawwan guguddoon galmaa’uu Ejensiin Geejjiba Bulchiinsa Magaalichaaa beeksise.
Ittigaafatamaan ejensichaa Obbo Makuraa Shuumii kaleessa Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, to’annoofi hordoffii ejensichi barana nageenya tiraafiikii eegsisuuf raawwataa turaniin bu’aawwan guguddoon galmaa’aniiru.
Hojii to’annoofi hordoffii taasifamaa tureen alseerummaafi hanni tajaajila geejjibaan walqabatee mudatu hir’ateera. Balaan tiraafiikiin walqabatee lubbuufi qabeenya namaarra ga’us hir’ateera.
Raawwii hojii balaa tiraafiikii hir’isuuf taasifamaa tureen balaan tiraafiikii namootaafi qabeenyarra gahaa ture kan hir’ate ta’uu himanii, raawwii hojii ji’oota sagalii bara darbeetiin lubbuun namoota 48 darbuufi qabeenyi miliyoona sagalii badeera. Barana ammoo lakkoofsi namoota balaa konkolaataan du’anii gara 42tti, qabeenyi balaa tiraafiikiin bade ammoo gara miliyoona torbaatti gad bu’uu eeraniiru.
Opireeshinii ejansichi qaamolee gara garaa waliin ta’uun magaalattii kilaastaroota afuritti qooduun taasisaa tureen torban lamaan darban keessatti baajaajota boolloo hinqabneefi seeraan ala socho’an 674 to’achuun kan danda’ame ta’uu himanii, baajaajota kunneen keessaa 379 gara seera qabeessaatti kan dhufan yoo ta’u, 295 ammoo adeemsarra jiru. Baajaajonni seeraan ala socho’aniifi hinto’atamne biroonis ofiisaaniitiin gara seera qabeessummaatti dhufaa jiraachuu eeraniiru.
Oppireeshiniin kun hanni akka hir’atu gama biraan ammoo galiin akka dabalu kan taasise ta’uu himanii, torban lamaan dura baajaajotni 17-23tti guyyaatti hatamaa turan yeroo ammaa gara zeerootti gad bu’eera.
Baajaajota seeraan ala socho’anirratti tarkaanfiif fudhatameen qarshiin miiliyoona 17 galii ta’eera. Tarkaanfii ji’oota saglan darban konkolaatota seera tiraafiikii cabsanirratti fudhatameen ammoo qarshiin miliyoona 44 galii ta’uu himaniiru.
Magaalaa Adaamaatti Wiixata dhufurraa eegalee hanga Sambataatti sochiin nageenya tiraafiikii mataduree ‘Balaa tiraafiikii haa ittisnu’ jedhuun kan adeemsifamu ta’uu himanii, tokkoon tokkoon guyyootaa qoodamanii sagantaalee gara garaatiin sosochiin nageenya tiraafiikii kan itti adeemsifamu ta’uu eeraniiru.
Sosochiin imala lafoo, duula qulqullina, arjooma dhiigaa, namoota balaa tiraafiikiitiin miidhamanii mana yaalaafi mana isaanii jiran gaafachuufi qarshiin deggeruudhaan kan adeemsifamu ta’uu himanii, xumura irratti hoggantoota mootummaafi qaamolee hawaasaa hirmaachisuun balaa tiraafiikii waliin ittisuurratti hojiin hubannoo gabbisuu kan raawwatamu ta’uu eeraniiru.
Balaa tiraafiikii hojii guyyaa tokkootiin ittisuun waan hindanda’amneef yeroo yeroon hojii hubannoo gabbisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba kan jedhan Obbo Makuraa, rakkoo balaa tiraafiikaa hirmaannaa ummataatiin ala ittisuun ulfaataadha. Balaa tiraafiikii hir’isuuf namoonni lafoo bitaasaanii qabatanii deemuu akka qabaniifi shufeeronnis namoota lafoof dursa kennuu akka qaban gorsaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 16 Bara 2017