Finfinnee: Rakkoo mana jireenyaa furuuf haala namni tokko mana itti argaturratti filannowwan /moodaalitiin garagaraa sagal ta’an qophaa’uu Bulchiinsi Magaalaa Shaggar beeksise.
Kantiibaa Ittaanaafi Qindeessaan Kilaastara Bulchiinsaafi Tajaajilaa Obbo Gugsaa Dajanee dhimmoota misoomaa, kenniinsa tajaajilaafi rakkoo bulchiinsa gaarii ilaalchisee Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin turtii taasisaniiru.
Shaggar bu’uura magaalota ammayyawaa ta’aniin kan hundoofte yommuu ta’u; waa hundaan magaalaa moodeela taasisuuf halkaniifi guyyaa hojjetamaa jiraachuu eeranii; magaalaa hunda hammateefi hundi irraa fayyadamaa ta’u taasisuuf gaaffiin ijaarsaa, bu’uraaleen misoomaafi dhaabbileen tajaajila hawaasaa maastar pilaanii magaalattiin deebii argataa jiraachuu ibsaniiru.
Rakkoo mana jireenyaa akka magaalattiitti mul’atu furuuf hojii hojjetamaa jiru ilaalchisee gaaffii isaaniif ka’eef wayita deebii kennan Obbo Gugsaan, magaalattii keessa fedhiin mana jireenyaaf jiru kuma 80 ta’uu qorannoon adda ba’eera. Kun akkas ta’ee osoo jiruu adeemsisaa rakkoo qabaatus hundeeffama magaalattii dura namoota kuma 27 ta’aniif lafti mana jireenyaa kennamuu eeraniiru.
Wayita rakkoon mana jireenyaa kaan biratti hammaatee jiru kanatti namootni kuma 27 ta’an dursanii lafa mana jireenyaa argatan kunneen baay’eensaanii wayita gurguran gariin ammoo osoo mana hin ijaarin hanga ammaatti lafa duwwaa qabatanii jiraachuu eeranii; ammaan tana namoota lafa mana jireenyaa fudhatan kunneen adda baasuuf irra deebiin ashaaraan galmeessaa jiraachuu ibsaniiru.
Barsiisota magaalattiif lafa mana jireenyaa kennuu ilaalchisee akka jedhanitti, gaaffii mana jireenyaa kan qabu barsiisaa qofa osoo hin taane lammiilee hunda. Qabeenyi lafa magaalattii murtaa’aa waan ta’eef barsiisonnis akkuma lammiilee biroo dhawaataan kan keessummeeffaman ta’u. Sanaafis qusachuutu isaanirraa eegama. Ammatti garuu rakkoosaanii hubachuun addatti gatiin kiraa manaa qarshiin 3000 tokkoon tokkoonsaaniif kennamaa jira.
Kana dura namni tokko Shaggaritti mana argachuuf filannoon jiru lafa mana jireenyaa argachuu qofa ta’uu eeranii; ammaan tana garuu rakkoo mana jireenyaa furuuf dhiyeessii lafaa manneen istaandardii garaagaraa qaban oolan cinatti manneen waliinii bittaan argachuu hanga kiraa gatii salphaan argachuutti moodaaliitiin garagaraa akka hojiirra oolan ibsaniiru.
Haa ta’uutii, akka kana dura laftis ta’e manni callisee kan kennamu osoo hin taane namni mirga argachuu qabu tokko gatii mana argatuu sana keessaa yoo xiqqaate %30 baankiitti qusachuun dirqama jedhanii; %70 hafe dhawaataan haalli itti kaffalamu baankii waliin walitti hidhamiinsa uumuu cinatti ijaarsi bu’uuraalee misoomaa dursee akka xumuramu karoorfamuu dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, lafti Shaggar wayita Godina Addaa turetti saamicha hamaaf saaxilamuu qofa osoo hin taane pilaanii magaalattii waan hin hordofneef ijaarsa seeraan alaarratti tarkaanfiin bal’aan fudhatameera. Baay’een ijaarsa seeraan alaa kunneenis sababa rakkoo mana jireenyaa osoo hintaane daldalaaf bifa weeraraan kan qabatamanidha. Namni tokko bakka sadiifi sanaa ol qabachuun alseerummaa hamaan kan keessatti dagaage ture.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017