Weellisaa Qamar Yusuuf Albamiisaa 7ffaafi isa xumuraa Waxabajjii 15 eebbisiisa

Finfinnee: Waggoota 50f hojii artiirra keessa kan jiru Weellisaa  Qamar Yusuuf albamiisaa 7ffaafi isa xumuraa mataduree ‘Galaanoo’ jedhuun hojjete Waxabajjii 15 bara 2017 Finfinnee, Hoteela Iskaaylaayititti akka eebbisiisu ibse.

Qamar eebba albamichaa ilaalchisuun dheengadda Finfinnee, Hoteela Iskasylaayititti miidiyaaf ibsa kan kenne yoo ta’u, artistoonni, dinqisiifattonniifi keessummoonni gara garaa waltajjicharratti argamaniiru.

Weellisaa  Qamar albamiisaa 7ffaa erga eebbisiisee booda albamii biraa kan hinbaafne ta’uufi gara fuulduraatti maqaasaatiin faawundeeshinii hundeessee hojiichuuf karoora karoorfachuu himeera.

Koreen qindeesituu eebba albamichaa akka ibsetti, Qamar imala muuziqaa waggoota 50 keessatti sirboota qeenxee 50fi albamota 7 baaseera. Sirbootasaas waltajjiiwwan biyyoota addunyaa 48 irratti dhiyeesseera. Albamiisaa 7ffaafi xumuraa Waxabajjii 15 bara 2017 Finfinnee, Hoteela Iskaaylaayititti qophii addaatiin akka eebbifamu  beeksiseera.

Weellisaa  Qamar jala bultii Ayyaana Irreechaa bara 2018 Fulbaana 23 ammoo konsartii sirbaa Finfinnee, Hoteela Sharaatanitti kan dhiyeessu yoo ta’u, isa booda magaalota Adaamaa, Shaashamannee, Jimma, Dirre Dhawaafi Hararitti akkasumas biyyoota Arabaa, Ameerikaafi Awustiraaliyaafa’itti akka dhiyeessu korechi eereera. Dokmantariin imala muziqaa waggoota 50 Qamar Yusuufis qophaa’aa jiraachuunis ibsameera.

Artistoota waltajjicharatti argaman keessaa Artisti Taaddalaa Gammachuu, Galaanaa Gaaromaafi Yoosan Geetaahuun akka jedhanitti, Weellisaa Qamar Yusuuf weelluuwwansaatiin eenyummaafi aadaa keenya addunyaatti beeksiseera. Sirboonnisaa warra Afaan Oromoo hinbeekne birattuu daran jaalatamu.

Weellisaa Qamar sirba Shaggooyyee addunyaatti beeksisuudhaanis ni beekama. Weellistoota baay’ees horateera. Muuziqaa biyya keenyaas addunyaatti beeksiseera. Ofiisaaniitiis faanasaa hordofuudhaan imaanaasaa milkeessuuf akka hojjetan himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017

Recommended For You