“Waliigalteen daldalaa hariiroo Itoophiyaafi biyyoota ollaa cimsaa jira” – Doktar Kaasaahuun Goofee

Finfinnee: Waliigalteen daldalaa sadarkaalee garagaraatti taasifamaa jiru walitti dhufeenya Itoophiyaan biyyoota ollaa waliin qabdu cimsaa jiraachuu Ministirri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Doktar Kaasaahuun Goofee ibsan.

Doktar Kaasaahuun tibba darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, Itoophiyaan waliigaltee daldalaa 27 sadarkaalee garagaraatti biyyoota adda addaa waliin mallatteessiteetti. Daldala daangaarratti biyyoota ollaashee Sudaan, Sudaan Kibbaa, Keeniyaafi Jibuutii wajjin waliigalteen waloon mallattaa’eera. Kun ammoo walitti dhufeenya hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee cimsuurratti shoora mataasaa taphachuu danda’eera.

Akka isaan jedhanitti, walitti dhufeenyi daldalaa shoora dinagdee garasitti gama hawaasummaafi nageenya waaressuu keessatti qooda guddaa qaba. Meeshaalee duubaan sochii dhalli namaa bakka tokkoo bakka biraatti taasisu hariiroo ummataa daran kan cimsuudha. Fooyyessa dinagdee gooroo hordofee hanqinni sharafa alaa furamaa dhufeera. Barana hanga kurmaana kanaatti alergiirraa galii doolaarri Ameerikaa biliyoona 5.3 kan argame yommuu ta’u; xumura bara bajataatti doolaara biliyoona torbaan ga’uuf hojjetamaa jira.

Dhiyeessii meeshaalee bu’uuraa gabaa keessatti dabaluufi hanqina sharafa alaa furuuf firaankoovaalutaan eeyyamamee turuu yaadachiisanii; ta’us babal’achuu gabaa gurraachaaf gumaata mataasaa qabaachuun hubatamee ammaan tana akka dhaabatu taasifamuu eeraniiru.

Sirna daldalaa si’aawaafi haqaqabeessa diriirsuuf kenniinsa eeyyama daldalaa karaa ‘E-trade” onlaayinii eegalamuus himanii; inispeekshinii dursaa taasifameen yeroo gabaabaa keessatti daldaltoota miliyoona 2.2 bira ga’uun danda’amuu eeraniiru. Kana malees, tajaajilawwan hunda qisaasama tokko malee bakka tokkotti argachuun akka danda’amuuf tajaajilli foddaa tokkoo masoob jedhamu eegalamuu yaadachiisaniiru.

Hojiin sirna daldalaa ammayyeessuuf hojjetamaa jiru akkuma jirutti ta’ee qaala’iinsi gatii sadarkaa addunyaatti mudate qaala’iinsa jireenyaaf ka’umsa ta’eera. Dhiyeessii omishaalee dabaluuf sochiin gama qonnaan (sagantaa maaddii guutuu, qonna manduubeefi kkf) taasifamaa jiraatus, dabaluu gatii xaa’ootiin walqabatee gatiin omishaalee qonnaa hindabalan jechuun hindanda’amu. Ta’us dhiyeessiin dabaluun qaala’iinsi gatii humnaa ol akka hintaane nigargaara jechuun ibsaniiru.

Itoophiyaan gabaa ‘AGOA’irraa dhorkamtus miseensa gartee “BRICS+” ta’uunshee carraa gabaa bal’aa qabatee dhufuu himanii; ammaan tana biyyoota shan faana waliigaltee daldalaa mallatteessuu beeksisaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017

Recommended For You