
Finfinnee: Teknolojiin guddina dinagdee biyya tokkoof murteessaa ta’uun walnama hingaafachiisu. Kunis yoo nageenyisaa hineegamne garuu faayidaasaarra miidhaasaatu caala. Kanaafi, biyyoonni nageenyi teknoolojii akka mirkanaa’uuf sirna saayibariisaaniif eegumsa olaanaa kan taasisan.
Kanarratti akka biyyoonni muuxannoo waljijjiiraniif Bulchiinsi Nageenya Saaphana Odeeffannoofi Inistitiyuutiin Intalajansii Artafishaalii ekispoo guddicha ‘ETEX- 2025’ jedhamuufi Caamsaa 8 hanga 10 bara 2017tti turu Wiirtuu Konveenshinii Addis Intarnaashinaalitti qopheessaniiru. Ekispoo kanarratti biyyoonni 100 ol kan hirmaatan yoo ta’u, bu’aalee teknoolojii yeroon amma irra qaqqabes agarsiisaaf dhiheessaniiru.
Baniinsa sagantichaarratti haasaa kan taasisan Daarektarri Bulchiinsa Nageenya Saaphana Odeeffannoo Aadde Tigisti Hamiid akka jedhanitti, ekispoon kun Itoophiyaan nageenya saayibarii, intalajansii artafishaalii, magaalaa ismaartii, teknoolojii faayinaansiifi hojiilee teknoolojii dijitaalaa birootiin imala irra dhufteefi bu’aalee galmeessite agarsiisuuf ni gargaara.
Wayita ammaa teknoolojiin dhimma qananii osoo hintaane furtuu ijoo gara badhaadhinaatti ittiin ce’amu ta’uu eeranii, kana hubachuunis mootummaan biyyattii dameewwan barnootaa, fayyaa, nageenyaafi faayinaansii teknoolojiidhaan deeggaruurratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu himu.
Gama nageenyaafi birmadummaatiin saayibarii biyyattii eegsisuutiin hojiilee hojjetamaniin bu’aalee jajjabeessoon argamuu eeranii, kanneen keessaa wiirtuu daataa bu’uuraalee misoomaa ummataa ijaaruu, pilaatfoormii teknoolojii hariiroo nageenyisaanii mirkanaa’e diriirsuufi laabraatoorii fooransiikii yakkoota saayibarii qorachuuf dandeessisu ijaaruun isaan muraasa ta’uu tarreessu.
Gama biraatiin qorannoo hubannoo namtolcheetiin hojiilee hedduun hojjetamuu kaasanii, waraqaa eenyummaa dijitaalaa, inisheetiivii leenjii koodaroota miliyoona shanii, hojiilee mootummaa dijitaaleessuu, misooma magaalaa ismaartiifi kanneen biroon ce’umsa teknoolojii dijitaalaa Itoophiyaarratti akka milkaa’inaatti kan ilaalamu ta’uu ibsu.
Odeeffannoo nageenyisaa mirkanaa’e qabaachuuf teknoolojiin murteessaa ta’uu kan himan ammoo Pirezidaantiin Itoophiyaa Taayyee Atsaqasillaasee, Itoophiyaan waggoottan darban dinagdee dijitaalaa dhugoomsuuf bu’uraalee misoomaa akka Afrikaatti fakkeenya ta’u ijaaraa turuu himu. Kunis xiyyeeffannaa dinagdee dijitaalaaf kenname kan agarsiisu ta’uu eeru.
Humna teknoolojii haala jijijjiiramaa addunyaa ilaalcha keessa galche ijaaruun sirna odeeffannoo nageenyisaa eegameefi guutuu ta’e mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kaasanii, kanarratti Itoophiyaan hojiilee qabatamaa hojjechaa jiraachuu dubbatu. Nageenya odeeffannoo eeguuf, omishtummaa guddisuuf akkasumas tajaajila qulqullina qabu kennuufi teknoolojiin dijitaalaa filannoo osoo hintaane dirqama ta’uu eeru.
Durataa’aan Kaawunsilii Nageenya Saayibarii Imareetoota Araba Gamtoomanii Doktar Mohaammad Al Kuwaati gamasaaniin dhimmi nageenya saayibarii kan xiyyeeffannoo olaanaan itti kennamu ta’uu himanii, wayita dinagdeen biyyootaa teknolojiirratti bu’uureeffame kanatti saamtonni hammuma sana butuuf waan qophaa’aniif ofeeggannoo olaanaa akka barbaadu himu.
Biyyoonni hedduun odeeffannoon buttoota harka akka hinseenneef baasii olaanaa ramadanii eegumsa nageenya odeeffannoorratti hojjechaafi tarsiimoowwan yeroo waliin deeman qopheeffachaa akka qaban ibsanii, akkuma intalajansii artafishaalii waan gaariif fayyadaman kanneen yaraaf fayyadamanis waan jiraniif kana maqsuuf hojiin amala teknoolojii beekuurra darbe hojjetamuu akka qabu hubachiisu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017