
Finfinnee: Mootummaan Itoophiyaa jijjiiramaa as damee teknolojiifi kalaqaaf xiyyeeffannaa guddaa kennee irratti hojjechaa jiraachuufi gama kanaan bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’uu Ministeerri Innoveeshiniifi Teknolojii beeksise.
Ministir De’eetaan Ministeerichaa Doktar Baay’isaa Badhaadhaa dheengadda Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, jaarraan amma keessa jirru yeroo teknolojiifi kalaqni haaraan saffisaan sadarkaa addunyaatti ittibabal’achaafi guddachaa jiruudha. Teknolojiiwwaniifi kalaqoonni haaraan bahaa jiran ammoo haala mijataa uumuun jiruufi jireenya dhala namaa fooyyessuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiru.
Mootummaan Itoophiyaa jijjiiramaa as damee teknolojiifi kalaqaaf xiyyeeffannaa kennee irratti hojjechaa jiraachuu himanii, ministeerichis hojiilee saayinsii, teknolojiifi kalaqaa guddisuu, babal’isuufi deeggaruurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Tarsiimoon dinagdee dijitaalaa Itoophiyaa 2025 jijjiirama booda hojiirra oole guutummaatti milkaa’uu eeraniiru.
Hojiilee tarsiimoo dinagdee dijitaalaa milkeessuuf biyyattiitti raawwatamaa turan keessaa tokko bu’uraalee misoomaa neetwoorkii babal’isuufi guddisuudha kan jedhan Doktar Baay’isaan, neetwoorkiin dhaloota lammaffaafi sadaffaa (2Gfi 3G) jijjiiramaan dura bakkeewwan daran muraasatti tajaajila kennaa turan yeroo ammaa gara (4Gfi 5G)tti guddatee bakkoota hedduutti babal’atee tajaajila si’ataa kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Jijjiiramaan dura baay’inni ummata biyyattii mobaayiliitti fayyadamaa ture daran muraasa kan ture yoo ta’u yeroo ammaa fayyadamatoonni miliyoona 93 caaluu eeraniiru. Namootni mobaayiliitti fayyadamuudhaan bakkaafi yeroodhaan utuu hindaanga’in karaa ‘online’ kaffaltii raawwachaa jiraachuus eeraniiru.
Tajaajilli kaffaltii dijitaalaa kun karaa iftoominaafi amanamummaa qabuun akka raawwatamuuf waraqaan eenyummaa dijitaalaa ‘Faayidaa’ hojiirra akka oolu ta’eera. Faayidaan inisheetiivii guddaa rakkoolee hedduu bu’uurarraa furaa jiruudha. Hojiirra oolmaan waraqaa eenyummaa Faayidaa imala dinagdee dijitaalaa milkeessuu keessatti gumaacha guddaa kan qabu ta’uus eeraniiru.
Tajaajila dinagdee dijitaalaa si’ataafi qulqullina qabu kennuuf kuufamni daataa murteessaa ta’uu himanii, wiirtuun kuufama daataa sadarkaa biyyoolessaa guutuu danda’u bakkawwan gara garaatti hundeeffameera. Bu’uura misoomaa kanarratti dameen dhuunfaas hirmaachaa jira jechuun ibsaniiru.
Hojiilee kenna tajaajilaa dijitaalessuuf raawwatamaa turaniin dhaabbileen mootummaa federaalaa 800 ta’an tajaajila ‘E-service’ kennaa jiraachuu himanii, kenna tajaajilaa kana magaalota naannoleetti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuus eeraniiru.
Kallattii tarsiimoo dijitaalaa Itoophiyaa 2030 keessatti dinagdee dijitaalaa karaa guutuu ta’een ijaaruun dhimma xiyyeeffannaan irratti hojjetamu ta’uu himanii, dorgomtumnaafi omishtummaa biyyattii daran guddisuufi guyyaa guyyaan qabeenyaafi yaada haaraa itti ida’aa deemuufi teknolojii biyya keessatti omishuurrattis xiyyeeffatamee kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.
Kallattii tarsiimoo dijitaalaa Itoophiyaa 2030 milkeessuuf qophiileen adda addaa taasifamaa jiraachuu eeranii, dinagdee beekumsa giddugaleeffate milkeessuuf akka hojjetamus dubbataniiru.
Ministirri Muumnee Doktar Abiyyi Ahmad gaafdeebii Televiizhinii ‘EBS’ irratti ‘Tech Talk Solomon’ waliin torban kana keessa taasisaniin akka jedhanitti, Dijitaal Itoophiyaa 2015 guutummaatti milkaa’eera. Amma dijitaal Itoophiyaa 2030tu qophaa’aa jira. Kun dinagdee beekumsa biyya keessaatiin gaggeeffamu ijaaruuf bu’uura kan buusu ta’uus himaniiru.
Itoophiyaatti teknolojiin hojiilee dameewwan siivil sarvisii, seera kabajchiisuu, raayyaa ittisaa, miidiyaa, qonnaafi industirii milkeessuuf hojiirra oolaa kan jiru ta’uus eeraniiru. Yeroo ammaa ummatni biyyattii miliyoona 51 ta’u tajaajila faayinaansii mobaayilii fayyadamaa jiraachuus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017