
Ambo: Taphni guutuu ispoortii Oromiyaa 27ffaa Ebla 26 bara 2017 irraa kaasee akaakuuwwan ispoortii 24n Magaalaa Ambootti gaggeeffamaa ture olaantummaa Magaalaa Shaggariin kaleessa goolabame.
Akaakuuwwan ispoortii garagaraan kan hirmaate bulchiinsi Magaalaa Shaggar qabxii olaanaa galmeessisuun waancaawwan hedduu fudhachuun shaampiyoonaa ta’uun xumureera.
Warraaqsi misooma ispoortii Oromiyaa kun daangaa ispoortiirra darbuun tokkummaa obbolummaafi jaalala waloo Oromoo kan cimsan ta’uu Pirezidaantii Ittaanaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii beeksisaniiru.
Obbo Awwaluun haasaa sirna cufiinsaarratti taasisaniin dirree ispoortii Oromiyaa walitti fide kun utubaa tokkummaafi obbolummaati jedhan.
Mootummaan akkuma qonnaa misooma ispoortiirrattis cichee hojjetaa jiraachuu ibsanii; naannoorra dabarree sadarkaa addunyaatti biyya keenya maqaa waamsisaa jirra borus ittifufuu akka qabu dubbataniiru.
Dargaggoonni keenya dandeettiisaanii hojitti jijjiiruuf of qopheessuu qabu mootummaanis aantummaan hojjeta ergaa jedhus dabarsaniiru.
Qe’een goototaa magaalaan Amboo Oromoo mara simachuun torbee lamaaf waan qabduun keessummeessitee nagaan gaggeessuusheef kabajni akka maluufis ibsaniiru.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017