
Kooree Fayyisaa Magaalaa Mattuutti miseensa Waldaa Horsiisa Indaanqoo Muluqaniifi Alamaayyoo miseensota 20 qabuu yoo taatu, sochii hojii waldaasaaniirratti dhiyeenyuma kana yaada ittaanu Gaazexaa Bariisaaf kenniteetti.
Waldaa Horsiisa Indaanqoo Muluqaniifi Alamaayyoo
Waldaan keenya miseensa 20 kan qabu yoo ta’u, kanneen keessaa 14 dubartoota. Waldichi baranuma ijaarame. Horsiisa hindaanqoofi hanqaaquurratti bobbaanee hojjetaa jirra. Hindaanqoo 978 qabna. Sanyii hindaanqoo kana mootummaatu nuu dhiyeesse. Hundi keenya hojii dhabeeyyii turre.
Akka hindaanqonni waldichaa dhukkubaan hinmiidhamneef ogeessi fayyaa beeladaa dhiyeenyatti hordofaa jira. Nutis yoo mallattoo addaa irratti agarre addaan foonee qofaatti kunuunsina. Bilbillees ogeessa fayyaatti himna. Mootummaan hindaanqoowwan kuma tokko nuu kenne. Oggaa hojii kana jalqabnu waanuma nyaata hindaanqootiin binnu qarshii dhibba shan shan walitti buusne. Xiqqoo turree ammoo ji’aan qarshii kuma tokko tokko buusuu ittifufne. Mootummaan nyaata hindaanqoo hanqaaqxuutiif ta’u nuu dhiyeesse.
Horsiisa hindaanqoo keessatti waanti akka rakkoo guddaatti ka’u waa’ee nyaata hindaanqooti. Bakki kun horsiisa lukkuutiif daran mijaatadha. Garuu ciccituun ibsaa waan akka rakkootti ka’uufi nuu furamuu qabuudha. Deeggarsa gama Bulchiinsa Magaalaa Mattuutiin nuu taasifamu baay’ee bareeda. Rakkoon keenya hanqina nyaata hindaanqooti.
Waldaa Horsiisa Hindaanqoo Mulubirhaaniifi Fitsum
Masarat Arfaasaa ammoo miseensa Waldaa Mulubirhaaniifi Fitsumi. Isheenis waa’ee waldaasaaniirratti yaada ittaanu nuu kenniteetti.
Ani duraan hojii dhaabbiidha jedhamu hinqabun ture. Yeroo argadhetti hojii guyyaafaan hojjechaa ture. Hojiidhuma har’a nyaannee ittiin bullu ture jechuudha. Hojiin horsiisa hindaanqoo kun garuu baay’ee namatti tola. Bu’aa gaarii irraa arganna jennee abdanna. Kanaafis otoo harcaatiin tokkollee hinmul’atiin harka walqabannee ciminaan hojjechaa jirra. Hindaanqoo kuma tokko qabna.
Hamma hindaanqoon horsiisaa jirru of dandeessutti rakkoon keenya hanqina maallaqaati; hundi keenya waan hojii dhabdoota turreef. Garuu mootummaan daran nu gargaaree bakka kanas nu kenneera. Kanaafis mootummaa nigalateeffanna.
Akka rakkoo biraatti garuu kan qarshii nu harkaa fixaa jiru nyaata hindaanqooti. Kuntaalli tokko qarshii kuma jahan bitama. Hindaanqonni kuma tokko guyyaatti kuntaala tokko ni fixu. Kanaaf guyyaatti qarshii kuma jaha baasnee sooratasaanii bitaa jirra jechuudha.
Mana, ibsaafi bishaan mootummaatu nuu danda’e. Garuu hanqinni keenya nyaatarratti. Isas mootummaan nu gargaaraa turee amma of danda’aa, liqiis isinii mijeessinaa nuun jedhe. Ta’un amma asirraa galii argannee of dandeenyutti ni ulfaata.
Miseensonni 20n dabaree qabna. Walharcaasuun hinjiru. Hunduu gaafa dabareesaa argamee hindaanqota kanneen kunuunsa. Yoo hanqinni jiraatellee dambii keessoo waan qabnuuf maallaqaan waladabna.
Hanqaaquun tokko gabaarratti qarshii 20 hanga 25tti gurgurama. Nutti yoo qarshii 15tti gurgurre nu baasa jennee karoorfanne. Oggaa hindaanqota kanneen asitti agarru abdiin wayii nu keessatti uumamee gammadna. Boru ofirraa hafnee namoota kaaniifuu ni taana jennee abdii guddaadhaan hojjetaa jirra. Fuuldurri keenyas ifaadha.
Injiinar Darajjee Isheetuu Adeemsisaa Hojii Ittaanaa Bulchiinsa Magaalaa Mattuu
Bakki kun Wiirtuu Horsiisa Indaanqoo Qarsaa jedhama. Bakkichi baranuma ijaarsisaa xumuramee hojii jalqabe. Sheediiwwan horsiisa lukkuutiif oolan jahatu jiru. Waldaalee carraa hojii uumuutiin namoota digdama digdamaan ijaaramantu itti tajaajilamaa jira.
Sababa misooma koriidariitiin sheedonni baay’een qarqara daandiitti ijaaramanii turan diigamaniiru. Kana bakka buusuuf iddoowwan lamatti ijaarsi sheediwwanii adeemsifamaa jira, kan naannawa istaadiyoomiifi buufata konkolaataatti.
Kanneen bakkawwan lamaanittuu hojjetamaa jiran tajaajilawwan adda addaa kennu. Tokko miidhagina magaalaa eegsisuudha. Kan duraan laameeraafi qorqoorroodhaan hojjetaman ammaan tana jijjiiraa jirra. Ammaan tana naannawa Istaadiyoomii qofatti hojjetamaa kan jiran sheedota 74. Isaan kunniin gara xumuraatti jiru.
Barana misooma koriidarii kiiloo meetira 6.2. karoorfanne kan bitaa mirgaan deemu jechuudha. Kunis hojiinsaa eegalamee hojjetamaa jira. Kan nu rakkise bu’uuraalee misoomaa lafa keessa jiraniidha. Hojicha waldaalee IMX 15tu hojjetaa jira. Mariin jiraattota wajjin taasifameera. Warra ijaaruu dandeenyu qofa diignee hojjetaa jirra. Dursinee diignee qullaatti hambisaa hinjirru. Harkifannaan hanga tokko mudateera; sababa kabachiisa daangaa, muuxannoo dhabuu IMXfi bu’uuraalee misoomaatiin. Yeroo dabalanii hojjechuurrattis hanqinni jira. Kun ammallee dhimma xiyyeeffannoo barbaaduudha.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017