Raawwiin hojii kurmaana 3ffaa Waldichaa daran abdachiisaadha

Qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuus ta’e carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gaheen waldaalee hojii gamtaa gahee leencaati. Hojjetanii milkaa’uufi aadaa qusannaa gabbisuu bira darbee guddina dinagdee biyya tokkoo dhugoomsuuf gumaatni Waldaaleen Hojii Gamtaa olaanaadha. Gama kanaan Magaalaan Shaggaris hundeeffamasaa yeroo gabaabaa keessatti injifannoowwan hedduu galmeessuu danda’eera.

Haaluma kanaan Ittigaafatamtuun Waajjira Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Magaalaa Shaggar Aadde Wayinisheet Gizaawu raawwii hojii hanga kurmaana 3ffaatti jiru Gaazexaa Bariisaaf ibsan sadarkaa abdachiisaarra jira.

Damee hojiirratti bobba’anirratti milkaa’uuf hubannoo gahaa qabachuun dhimma murteessaa ta’uu kan hubate waajjirichi bara kana namoota miseensa waldaalee garagaraa ta’aniifi hintaane 237,651  leenjii hubannoo gabbisuu kennuuf karoorfatee hanga kurmaana 3ffaatti namoota 190,124, hanga ammaatti ammoo namoota 210,486 leenjii hubannoo kennuu danda’eera.

Barana waldaalee hojii gamtaa duraan turaniin ala haaraa 37 horachuuf karoorfamee hanga kurmaana 3ffaatti karooraa ol waldaalee haaraa 41 horachuun danda’amuu ibsanii; bifuma walfakkaatuun miseensotaa haaraa 59, 219 waggaatti horachuuf karoorfame keessaa hanga kurmaana 3ffaatti qofa miseensota haaraa 58, 017 horachuu danda’uu eeraniiru.

Jijjiirama gama babal’ina waldaalee hojii gamtaan argame hubachuuf kaappitaalli horatame agarsiistuu guddaadha. Haaluma kanaan bara kana kaappitaala waldichaa gara qarshii  210,208,368 ol guddisuuf karoorfamee hanga kurmaana 3ffaatti kaappitaala waldichaa qarshii 204,793,872 ga’uun danda’ameera.

Guddina biyyaafs ta’e dabaluu kaappitaalaaf aadaa qusannaa cimsuuf dhimma ijoo yommuu ta’u, Waajjirri Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaas dhimma kanaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechuun milkaa’ina olaanaa gonfateera. Bara bajataa kanatti qusannaa waldichaa qarshii 256,306,086 karoorfatee hanga kurmaana 3ffaatti qarshii 188,570,994n ga’uu danda’eera.

Milkaa’ina waldaa hojii gamtaaf dhimmoota hudhaa ta’an keessaa dhiyeessiin liqii isa tokkoofi murteessaadha. Waldaalee baay’een adeemsa hunda keessa darbanii lafti yookiin sheediin kennameefii sababa maallaqaan mul’atni qaban abjuu jalaa ta’ee omishanii bu’aa lakkaa’uurra gurmaa’anii baatii lakkaa’uuf dirqamu.

Magaalaa Shaggaritti xiyyeeffannoo rakkoo kanaaf kennameen hanga kurmaana 3ffaatti waldaalee hojii gamtaaf qarshii miliyoona 179 ol  liqaa dhiyeessuun danda’ameera. Yeroo hafe keessattis maallaqa hojii barbaachisu dhiyeessuuf xiyyeeffannaan hojjetaa jira.

Liqii fudhachuu qofa osoo hintaane dandeettiin liqii deebisuus gabbateera. Haaluma kanaan bara bajataa kanatti qarshii 126,722,848 liqa deebisuuf karoorfamee hanga kurmaana 3ffaatti karooraa ol liqii qarshii 139,546,808 deebisuun danda’ameera. Yeroo baay’ee waldaalee hojii gamtaa biratti liqii deebisuun rakkoo hamaa waan ta’eef  Waajjirri Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Shaggar hojii boonsaa hojjeteera.

Qarshii liqeefachuufi hojjetanii deebisuu cinatti hojjetanii bu’aa buufachuurratti milkaa’inni guddaan galmaa’eera. Gama kanaan bara kana bu’aa qulqulluu qarshii 65, 302,088 miseensotaaf qooduu yaadamee hanga kurmaana 3ffaatti qarshii 63, 207, 458 miseensotaaf qooduun danda’ameera.

Qaala’iinsa gatii maqsuun gabaa tasgabbeessuu keessatti gaheen Waldaalee Hojii Gamtaa daran olaanaadha. Gama kanaan gabaa ayyaanota guguddoo irratti omishaalee qonnaafi meeshaalee bu’uuraa dhiyeessuun gabaa tasgabbeessuun danda’ameera.

Haaluma kanaan hanga kurmaana 3ffaatti midhaan akaakuuwwan garagaraa kuntaala 82,494; kuduraafi muduraan kuntaala 42,490 gabaa ayyaanaaf akka dhiyaatu taasifameera. Dhiyeessiin omishaalee gabaa ayyaanaarratti dabalame kun qaala’iinsa gatii hir’isuun ummatni gabaa ayyaanaa haala gaariin akka dabarsu taasifameera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017

Recommended For You