Qormaata kutaa 12ffaa Waxabajjii 23 eegalamuun barattoonni kuma 608 ol niqoramu

Finfinnee: Qormaatni kutaa 12ffaa baranaa Waxabajjii 23 damee barnoota Saayinsii Uumamaan qoruun akka eegalamu Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaataa beeksise. Damee saayinsii uumamaafi hawaasaan barattoonni kuma 608 ol akka qoraman ibsameera.

Daarektarri Tajaajilichaa Doktar Isheetuu Kabbadaa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, qormaati kutaa 12ffaa baranaa barattoota Saayinsii umamaa kuma 309fi Saayinsii hawaasaa 299fi 588 waliigala barattoota kuma 608fi 588tu fudhata. Kanaafis, qophiin tajaajilichaan taasifamu sadarkaa sadarkaan gaggeeffamaa jira.

Akka ibsasaaniitti, qophiin qormaataa inni jalqabaa qabiyyee qormaatni ittiin qophaa’uu qabu (kitaaba barataa) irratti akka hundaa’e mirkaneeffachuu himu. Ittaansuudhaan hoggansa qormaata gaggeessu, qophii loojastikii, dhimmoota kaffaltiifi toora intarneetiin qoruun (online exam) walqabatee hojiin haalota jiran adda baasuu hojjetamaa jira.

Toora intarneetiin qoruudhaan walqabatee bara darbe barattoonni kuma 30 qoramuu himanii; barana barattoota kuma 150 qoruuf qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kana milkeessuufis, bakka mijataafi lakkkoofsa kompiitara barbaachisuu adda baasuun tajaajila kennuuf ga’umsa qabaachuusaanii yaaliin ga’aan taasifameera. Yeroo ammaa kana barattootni qoraman bakka kompiitarootni qormaataaf qophaa’anitti qormaata shaakalaa jiru. Dhimma kana ilaalchisee rakkoo ga’umsa dandeettii dijitaalaayizeeshiniitu jira jechuun miidiyaalee hawaasaa irra ololli tamsa’u sirrii miti. Barattootni qoraman rakkoo dandeettii dijitaalaayizeeshinii qabu utuu hintaane harka hiikkachuudha. Kanaaf ammoo, shaakala ji’a tokkoo oliif yoo taasisan fala ta’a jedhaniiru.

Rakkoo addaan cituu humna ibsaan walqabatee bakka humni ibsaa addaan ciccitutti jenereetara akka fayyadaman himanii; addaan ciccituu intarneetiin walqabatee Itiyoo-telekoom waliin haasa’uun dursamee yaalii barbaachisaan taasifamaa jira.

Dabalataanis, deeggarsa teeknikaa ga’aa warra kennaniif rakkoon akka hin mudanneef kutaa qormaatni itti kennamu hundatti ogeessonni ‘ICT’ muuxannoo qaban niramadamu jedhaniiru.

Dhiphina yeroo qormaataa jiruun walqabatee sirna qormaataa walxaxaa hintaane maqaafi lakkoofsa icciitii (password) qofa galchuudhaan fuula qormaata isa jalqabaatti akka ba’an ta’ee qophaa’eera. Sirni qophaa’e gaaffiilee deebiin itti hinkennamne yeroo isaan hafe dursee waan beeksisuuf sirna filatamaadha.

Kufaatii barataa hir’isuuf kandarbe irraa ka’uun biirolee barnootaa naannolee hanqinniifi laafinni jiru gamaaggamuun sadarkaa biyyaalessaafi naannootti yaa’ii gaggeeffachuu himanii; firii barataa akkamitti akka fooyyeessanirratti mari’achuun barattootaafi maatii barataa biratti hubannoo uumameen abdii kan namatti horuudha. Hundarra sochii barattootni naannawa mana kitaabaatti taasisaniif barnoota dabalataafi qormaata moodelaa kennamaa jiru dabalatee firii barattootaa akka fooyya’utu eegama jedhaniiru.

Rakkoo nageenyaa muraasni bakka mul’atutti qormaatarraan dhiibbaa akka hingeenyeef biirolee barnootaa waliin hojjechaa jira. Dabalataanis, humna nageenya federaalaa irraa haala nageenyaa mirkaneeffachuudhaan qormaatni marsaa duraa kan gaggeeffamu ta’a. Naannoo Amaaraatti haalli qormaata marsaa lammaffaa kennuu dandeessisu jiraachuus ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017

Recommended For You