Qophii shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa,Tookiyoorratti mari’atame

Ministirri Aadaafi Ispoortii Aadde Shawiit Shaankaafi Pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komaandar Atileet Silashii Sihin “Qophii Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa, Tookiyoo bara 2025” irratti mari’atan.

Marii waajjira ministeerichaatti dheengadda adeemsifamerratti Aadde Shawiit akka jedhanitti, atileetiksiin ispoortii biyyi keenya Itoophiyaan dirree idiladdunyaarratti maqaafi beekamtiinshee akka ol guddatu taasise waan ta’eef manni hojiisaanii yeroo kamuurra ispoorticha deeggaruuf kutannoo olaanaa qaba.

Komaandar Atileet Silashii Sihin gamasaatiin shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaan ALA Fulbaana 13 haga 21 bara 2025 Jaappaan, magaalaa Tookiyootti gaggeeffamuuf qophii taasisaa jiraachuu ibsee, deeggarsa maallaqaa shaampiyoonichaatiif mootummaarraa eegamuufi sanada karooraa dhiyeessuu ibseera.

Ministeerichi gumaacha, deeggarsaafi hordoffii bal’aa gama hundaan taasiseefis galateeffatee, mootummaan dhimma tiraakiitiif xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechuu akka qabu gaafateera.

Pirezidaantichi ittidabaluudhaan dorgommii atileetiksiirratti qophii tiraakii malee dorgommiiwwan atileetiksii ittiin beekamnurraa bu’aa eeguun rakkisaa ta’uu ibsuun, atileetota keenya jajjaboo rakkoo kanarra aanuun bu’aa galmeessisaa jiran galanni nimala jedheera.

Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Tookiyoo ji’ootni muraasni qofti hafeef qophaa’uuf jecha rakkoon tiraakii atileetiksiidhaaf qormaata ijoo ta’e kun hatattamaan akka furamu gaafateera.

Aadde Shawiitis, yaaddoo rakkoo tiraakiirratti qaban ibsuun, mootummaan furmaatasaatiif xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuufi shaampiyoonicha dafee akka xumuramuuf tattaaffiin akka taasifamu hubachiisaniiru. Dhimma viizaarrattis qaamolee dhimmi ilaallatu waliin akka mari’atamu eeraniiru.

Maricharratti Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Yohaannis Ingidaa, shaampiyoonaa Addunyaa Tookiyoo kanaaf yaada deeggarsa maallaqaafi karoora jalqabaa mootummaaf qophaa’e dhiyeessuu odeeffannoon marsariitii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaarraa arganne nimul’isa.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017

Recommended For You