
- Lafti heektaara miliyoona 21 sanyiidhaan ni uwwifama
- Omisha kuntaala miliyoona 690 sassaabuuf karoorfameera
- Xaa’oo kuntaalli miliyoona 11 biyya seeneera
Finfinnee: Qonna Gannaa bara 2017tiin lafa heektaara miliyoona 21 sanyiidhaan uwwisuun callaa kuntaala miliyoona 690 sassaabuuf karoorfamuu Ministeerri Qonnaa ibse.
Ministirri ministeerichaa Doktar Girmaa Amantee gaafdeebii dheengadda waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin akka jedhaniitti, wayita ammaa haala qilleensaa qabatamaan jiru iddoowwan roobni eegaletti qonna gannaatti kan seename yoo ta’u, bakkawwan kaanitti ammoo akkaatuma roobni roobuun seenama. Omishni qonna gannaan argachuuf karoorfames kan bardheengaddaa irra kuntaala miliyoona 80n caalmaa ni qabaata.
Omisha qonnaa dabaluuf mootummaan barana xaa’oo kuntaala miliyoona 24 bituuf kan karoorfate yoo ta’u, kana keessaa hanga yoonaa kuntaalli 11 bitamee biyya seenuu himaniiru. Wayita ammaa naannoleefi godinaaleetti raabsi eegalamuu ibsu. Sanyii filatamaan walqabatee omisha bara 2017/18f sanyii kuntaala miliyoona dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanas qonnaan bulaa biraan ga’uuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Lafa sanyiidhaan uwwisuuf karoorfame keessaa heektaarri miliyoona 13 kilaastaraan kan misoomu yoo ta’u, kunis kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataa waliin yommuu madaalamu heektaara miliyoona tokkoon caalmaa qabaachuu eeranii, kilaastaraan qotuunis makaanaayizeeshiniidhaan akka hojjetamuuf carraa bal’aa akka uumuufi abbootiin qabeenyaa oyiruu walirraa fagoorra deemanii hojjechuurra yeroofi boba’aa qusachuun hojii akka isaanii salphisu beeksisaniiru.
Omishni karoorfame akka argamuuf gamanumaa xiyyeeffannaan hojjechuu akka barbaachisu kan kaasan Doktar Girmaan, qonnaan bultoonni raaga haala qilleensaa kennamu bu’ureeffachuun hojjechuu akka qaban hubachiisu. Akkasumas makaanaayizeshiniitti fayyadamuun omishuu akka qabaniifi keessumaa qonnaan bulaan omishasaa gatii madaalawaan gurgurataa waan jiruuf gatiin xaa’oo qaala’eera jechuun fayyadamuu akka hindhiisne yaadachiisu.
Hojii qonna Arfaasaatiin lafa hektaara miliyoona 3.4 sanyiin uwwisuun hojii milkaa’aan hojjetamuufi wayita ammaa kunuunsiifi hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeru. Jijjiirama haala qilleensaafi weerara ilbiisotaatiin walqabatee yoo rakkoon mudate ministeerichi helikooftaroota afur bitee waan qabuuf gamanumaa ofeeggannoodhaan hordofamaa jiraachuu eeru.
Akka waliigalaatti bara omishaa 2017tti lafa heektaara miliyoona 30.5 ol sanyiiwwan midhaanii akaakuuwwan addaddaan uwwisuun callaa kuntaala biliyoona 1.4 sassaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017