
Finfinnee: Inisheetiviiwwan qonnaa mootummaan xiyyeeffannaan eegalchiise keessaa kan dammaa tokko yoo ta’u, gama kanaan hojiileen hedduun hojjetamaa jiru. Keessumaa Naannoo Oromiyaatti dhaadannoo “Oromiyaa galaana dammaa goona” jedhuun Inisheetiiviin Godina Jimmaatti eegalame har’a damma maaddii guutuuf omishuurra darbee hanga gabaa idiladdunyaaf dhiheessuutti qaqqabeera.
Hojii fakkeenyummaa qabu godinichi hojjetes, Kibxata dhufurraa eegalee guyyoota sadiif, Guyyaan Kanniisaafi Fooramiin Misooma Qabeenya Kanniisa Idiladdunyaa akka achitti qophaa’u filachiiseera.
Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dhimma kana ilaalchisuun ibsa dheengadda Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, jijjiiramaa as mootummaan qabeenya lafaa, bishaaniifi humna namaa jirutti fayyadamuun karoorri xiiqii qophaa’ee halkanii guyyaa hojjechuun wabii nyaataa mirkaneessuun akka danda’amuuf haala addaatiin hojjetaa jira. Kanaanis qamadii dur sharafa olaanaatiin alaa bitamaa ture amma guutumaatti hambisuurra darbee gabaa biyyoolessaaf dhiheessuun eegalameera.
Kana malees akaakuuwwan omishaa biroorratti xiyyeeffannaan hojjechuun bu’aan qamadiirratti galmaa’e akka irra deebi’amuuf sochiin taasifamaa jiraachuu himanii, Godinni Jimmaa bakka argama bunaa ta’uusaatiin barana buna toonii kuma 105 gabaa biyya alaatiif dhiheessuu danda’uu kaasu. Kanumaan walqabatees bosonni bunaafi mukeen biroo bal’inaan waan jiraniif omisha dammaarratti waggoota torban darban hojii bal’aan hojjetamuu eeru.
Dammi Jimmaa dhandhamaafi akaakuuwwan garagaraa qabaachuusaatiin gabaa biyyoota alaa kanneen akka Jarmanitti daran filatamaa ta’uu kan himan Obbo Tijjaaniin, godinichi waggoota 150 keessatti gaagura ammayyaa kuma 40 qofa kan qabu kan ture yoo ta’u, hojii waggoota torban darban hojjetameen garuu qonnaan bulaan gaagura ammayyaa kuma 375 horachuu dubbatu. Kana keessaa gaagurri kuma 265 bara 2017 kan dhihaate ta’uus ni eeru.
Jimmatti akaakuuwwan dammaa afur biqiltuurraa qophaa’aniifi qorichummaaf oolan omishamaa jiraachuu kaasanii, barana damma toonii kuma 152 gabaa addunyaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu dubbatu.
Godinni haala kanaan damma omishaa jirtu kun Guyyaa Kanniisaa Addunyaafi Fooramii Misooma Qabeenya Kanniisaa Biyyaalessaa biyyoonni 100 ol irratti hirmaatan keessummeessuuf filatamuunsaa carraa olaanaa ta’uu himu. Keessumaa omisha godinichaa caalaatti beeksisuuf akkasumas carraa gabaa olaanaa uumuun faayidaansaa olaanaa ta’uu kaasu.
Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantee gamasaaniin ibsa waajjirasaaniitti Gaazexaa Bariisaaf kennaniin, guyyaan kanniisaa addunyaarratti yeroo jalqabaaf kan kabajame ardii Awurooppaa, Siloovaaniyaa jedhamtutti ta’uu eeranii, Itoophiyaatti yommuu qophaa’u kun yeroo lammaffaafi, jedhan.
Kunis murtoo Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii kenneen kanniisni damma omishuu qofa osoo hintaane hojiilee baay’ee waan hojjetaniif beekamtii kennuuf ta’uu dubbatu.
Kanniisonni polineeshiniidhaan daraaraa tokkorraa yommuu damma qopheessuuf xuuxan sanyii akka daddabarsan ibsanii, kunis waan teknolojiidhaan argamuu hindandeenye ta’uufi sirna qonnaa ammayyeessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Jimmi kan filatameef inisheetiiviin omisha dammaafi kanniisaa waan achitti sirnaan raawwatameef ta’uus eeranii; damma bunaa dabalatee oyiruu keessa gaagura ammayyaa kaa’uun haala addaatiin omishaa jiraachuunsaanii naannoofi biyyarra darbee addunyaaf fakkeenya waan ta’eef akka ta’e kaasu.
Fooramicharratti damma Jimmaa qofa osoo hintaane omishawwan dammaa biyyattiin qabdu hundi kan agarsiisaaf dhihaatu ta’a. Jala bultiisaattis sagantaan Maaddii Guutuu akka biyyaatti hojjetame niqoratama.
Kabaja guyyaa kanniisaaf fooramichi Ministeerri Qonnaa Dhaabbata Nyaataafi Qonnaa Mootummata Gamtoomanii (‘FAO’) waliin kan qophaa’e yoo ta’u, daarektara ittaanaa dhaabbatichaa dabalatee ministiroonni, hoggantoonni biirolee, hayyoonniifi keessummoonni waamichi taasifameef kuma tokkoo ol ni hirmaatu jedhamee eegama.
Dhiheenya kanas qophii godinichi sagantichaaf taasisaa jiruufi omisha dammaa godinichaa ilaalchisuun agarsiisni omisha dammaa qophaa’ee turuun ni yaadatama.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017