
Aadde Ayishaa Jibriil Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Billoo Boosheetti dhalatan. Barnootasaanii sadarkaa tokkoffaa achuma bakka dhalootasaaniitti xumuranii barnoota sadarkaa lammaffaaf gara Magaalaa Bishooftuu deeman. Akkuma barnoota sadarkaa lammaffaa xumuraniin Kolleejjii Barsiisootaa Adaamaa seenanii osoo barataa jiranii, gaa’ila dhaabbatanii gara Kaanaadaatti imalan.
Erga gara Kaanaadaa deemanii waggoota 24 kan lakkoofsisan yoo ta’u, ijoollee afur horataniiru. Turtii kana keessatti yeroo sadii afur gara biyyaa dhufanii, ijoolleesaaniitti kan agarsiisan yoo ta’u, dhiheenya waamicha mootummaan diyaaspooraa lammii lammaffaaf taasise fudhachuun kan dhufan yoo ta’u, yaada biyyasaaniitti invasti gochuun biyyaafi lammiisaanii gargaaruu qabatanii dhufan.
Aadde Ayishaan hawaasa Oromoo Kaanaadaa, Magaalaa Toroontoo biratti tajaajila tola ooltummaatiin beekamu. Keessumaa wantoota aadaa sabaafi ijoolleesaanii barsiisuuf of kennanii hojjechuun beekamu. Yommuu kana hojjetan jiruu ulfaataa biyya alaa, daa’imman afur guddisuu, hojiifi dhimma hawaasummaasaanii cinaatti waan ta’eef yeroo boqonnaa jedhamu hinqaban.
Wayita namoonni Itoophiyaadhaa gara magaalaa isaan jiraatanii deeman yeroo baay’ee waan afaan isaan rakkisuuf akkasumas, bakka dhimmasaanii itti raawwachiifatanillee waan hinbeekneef gorsuufi qajeelchuun darbees waliin deemuufi carraa mootummaan biyya sanaa namoota haaraa dhufaniif kennu hubachiisuun hamma danda’ametti yeroosaanii mijeessanii tola akka isaan gargaaraniidha, gaafdeebii yeroo gara biyyaatti dhufanii turan Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin kan nuu ibsan.
“Namni baay’een yommuu biyyaa ba’ee dhufu aadaa, afaaniifi biyya waan hinbeekneef baay’ee rakkata, qofummaanis itti dhaga’ama. Yeroo kamuurra kan namni nama barbaachisu yeroo akkanaati” jedhu.
Hawaasni Oromoo magaalichaa akka walbaru, walgaafatu, jireenya hawaasummaa waliin qooddatuufi quba walqabaatullee kaka’umsasaaniin sagantaawwan addaddaa akka qopheessan himanii, kunis qindeessummaafi kaka’umsasaaniifi namoota akkasaaniitiin kan hojjetamu yoo ta’u, hojii namoota hedduu gammachiisu ta’uu kaasu.
Darbees yommuu dhimmoonni hawaasummaa kanneen akka gaddaa, cidhaa, eebbaafi kkf jiranillee hawaasni akka irratti walii hirmaatuuf haalota kan mijeessan ta’uu eeru.
Akkasumas daa’imman aadaafi amantii isaaniillee baranii akka guddataniif guyyaa Jumu’aa (Jimaataa) Quraana qaraasisuun, qubee Afaan Oromoo, afoolotaafi wantoota aadaa addaddaa barsiisuun akka tajaajilan kan himan Aadde Ayishaan, biyya ormaa keessatti ijoollee Oromummaasaanii beekan guddisuuf tattafachaa jiraachuu eeru.
Hojiin daa’immaniin walqabatee hojjetamu kun isa kamiyyuu caalaa ulfaataa ta’uu kaasanii, ijoollee of beekan, eenyummaasaanii jaalatan guddisuun isa magaalaa Finfinnee keessatti guddisuu harka lama sadii caalaa akka rakkisu dubbatu.
“Kanaaf ani jalqaba ijoolleekoorrattin hojjedhe. Oolmaa daa’immaniillee hingeessine. Manumattin afaaniifi aadaasaanii sirriitti barsiise. Abbaa warraakoo waliin taanee of kenninee irratti hojjenne. Hojiis dabaree waljijjiirree hojjenna turre.
Gaafa ani mana ta’u inni hojii deema; gaafa inni galu ammoo ani hojiin deema. Yeroo mana jirrutti ammoo lamaan keenya ijoollee keenya afaaniifi aadaasaanii barsiifna turre. Amma ijoolleenkoo Afaan Oromoo sirriitti danda’u. Yommuun boqonnaaf fidee gara biyyaa dhufullee nama wajjin waliigaluuf hinrakkatan. Firoonniifi namoonni kana arganillee daran itti gammadanii na eebbisu” jedhu.
Akka ijoolleen afaansaanii hindaganneefis mana keessatti seera baafachuun Afaan Oromootiin akka dubbatan akka taasisan himanii, muuxannoon kun garuu kansaanii qofa akka hintaaneef maatii gorsuurraa kaasee haalota danda’ameen daa’imman barsiisuutiin akka deeggaraa jiran ibsu.
Kanas akka ijoolleen jibba afaan biraa qabaatan ykn tuffataniif osoo hintaane, jalqaba of akka jaallatan yeroo biyya deeman akkoo, akaakaa, adaadaafi firoota kaan waliin haala salphaadhaan waliigaluuf akka isaan fayyaduuf akka ta’etti amansiisaa eenyummaasaanii ijaaraa akka barsiisan dubbatu. Ijoolleensaanii haala kanaan guddatan waltajjiiwwan addaddaarratti uffata aadaa uffatanii, walaloofi barreeffamoota addaddaa dubbisanii yommuu badhaafamanillee jiraachuu kaasanii; isaaniif akka dhuunfaatti kanfaltiifi badhaasni kana caale akka hinjirre himu.
Kanaan walqabsiisee ijoollee afaan ofii hinbeekne guddisuun kan ittiin dhaadatan ykn boonan osoo hintaane waan isaanumallee saalfachiisu waan ta’eef ijoollee aadaafi afaansaanii beekan guddisuun dirqamasaanii ba’achuu akka qaban himanii, ta’uu baannaan daa’imman eenyummaasaanii gatan guddisuu waan ta’eef xiyyeeffannaa olaanaa akka barbaadu gorsu. Ijoolleenillee guddatanii eenyummaa burjaaja’e qabatanii maatiisaaniitti waan gaddaniif daa’imummaasaaniirratti hojjechuu akka qaban muuxannoosaanii qoodu. Yoo kuteenyummaan jiraate wanti ulfaatu hinjiru; karaanis hindhabamu jedhu.
Yommuu ayyaanotaafi sagantaawwan garagaraa achitti kabajan bifa aadaasaa eegeen akka kabajan kan nuu himan Aadde Ayishaan, meeshaaleefi nyaatawwanis, hawaasni mana manasaatii waa hindhabu waan ta’eef isaan qunnamuun fidanii akka dhufan akka taasisan dubbatu.
Kanas kan qindeessu isaan yoo ta’u, namootaaf bilbilanii waan isaan qaban adda baasanii, isa hinjirremmoo namni biraa akka fiduuf mijeessu. Kan namatti tolu namni baay’een manasaatii waan aadaasaa waan qabuuf hangas mara akka isaan hinrakkisne dubbatu. Isa dhabamemmoo akka biyyaas ta’uu baatu suuqiiwwan Magaalaa Toroontoo keessaa waan muraasa kan bitatan ta’uu himu.
Ayyaanota walitti dhufanii kabajatan keessaa tokko Irreecha yoo ta’u, kanallee akka isa biyyaa fakkaatutti lafa bishaaniitti ba’uun bifa aadaasaa eeggateen akka kabajatan himanii, guyyichi osoo hinga’iin ji’a tokko lama jedhamee qophiin akka eegalamu ibsu.
Kanaafis koreen dhaabatee hojii walii qooduun kan hojjetu yoo ta’u, kanarrattis gaheen Aadde Ayishaa olaanaa ta’uu nuu kaasu. Guyyichis guyyaa sanbattan boqonnaarra waan ooluuf namoonni baay’een hawwiidhaan eeggatee, bifa bareedaa ta’een akka kabajuufi kabajanii walbiraa galuu qofa osoo hintaane, waliin taphachaa, gammadaafi mari’achaallee akka dabarsan eeru.
“Sagantaa Irreechaarratti keessumaa namoonni guguddoofi hayyoonni ijoollee seenaa ni barsiisu. Eenyummaasaanii, achii dhufteesaanii, aadaafi duudhaasaanii isaan barsiisu. Kanarratti ijoolleen gaaffii ni gaafatu, ni baratu. Sababoota kanneenin guyyaa kana Oromoon magaalichaa hawwiidhaan eega. Irreechi hawaasa Oromoo Magaalaa Toroontoof laga bu’anii irreeffatanii deebi’uu qofa osoo hintaane waltajjii walargaa, marii, muuxannoofi beekumsa qooddachuutis” jedhu.
Hawaasa Oromoo Magaalaa Toroontootti hirmaannaa garagaraa kan taasisan Aadde Ayishaan dhiheenya waamicha mootummaa fudhatanii gara biyya kanaa yommuu dhufanii turanitti jijjiirama Magaalaa Finfinneetti arganiin daran dinqamuu kaasu. Keessumaa jijjiiramni mul’ate yeroo gabaabaa keessatti kan dhufe ta’uun daran isaan ajaa’ibuufi yaadni jiraannaan hojii guddaafi miidhagaa akkanaa yeroo gabaabaa keessatti hojjechuun akka danda’amu kan agarsiisu ta’uu dubbatu.
Kanas yommuu gara Kaanaadaatti deebi’an hawaasa achi jirutti sirriitti himuun dhugaa jiru agarsiisuuf qophii ta’uu himanii, namoonnis isa fagoo taa’anii dhaga’an arganii akka mirkaneeffataniif dhageettii qabanitti fayyadamuun kan hubachiisan ta’uu kaasu.
Jijjiirama arganirraa ka’uunis ofiisaaniitiif hojii invastimantiitti seenuuf haaldureetti jiraachuu eeranii, adeemsa kana keessatti odeeffannoo barbaachisu sirnaan kennuurratti hanqinni jiraachuu dubbatu.
Mootummaan diyaaspooraadhaaf “Kottaa biyya keessan misoomsaa” jedhee waamuu qofa osoo hintaane, eessaa ka’ee garamitti deemuu akka qabu, maal hojjechuu, akkamiin itti deemuu akka qabuufi kkf irratti Buufata Xiyyaaraa Idiladdunyaa Booleerraa kaasee barreeffamaanis ta’u ibsawwan addaddaatiin odeeffannoo kennuurratti osoo hojjetamee gaariidha jedhu. Kana malees tajaajilli kennamu qixa sirriin faayidaa biraa osoo hinbarbaadiin haalli itti raawwatamu to’annoofi hordoffii cimaa akka barbaadu eeru.
Dhumarrattis “Tola ooltummaan xiqqoo hinqabu; bishaan dhangala’ellee ol namaa qabuun tola ooluudha. Bishaanichi nama ol qabe yoo fayyaduu baate, kan fayyadu biraa qabaachuu danda’a. Namni waa’ee tola ooltummaa yommuu yaadu qarshii baasuu waliin walqabsiisuu hinqabu. Yaada, beekumsa, yeroofi waan qabnu walii qooduun tola ooluun ni danda’ama. Kunis mana, maatii, qe’eefi naannawa ofiirraa kaasa. Yoo akkas ta’e jabaachuufi jijjiiramuu dandeenya” jedhu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017