
Itoophiyaan riifoormiiwwan dinagdee mandhalee gama hundaan humnaafi carraa bal’aa qaban shan: Qonna, Industirii, Albuuda, Turizimiifi ‘ITC’irratti xiyyeeffannaan hojjetaa jirti.
Dameelee utubaa dinagdee kanneen keessaa ammoo iddoo guddaa kan qabatu qonna. Jijjiiramaa as xiyyeeffannaa olaanaa damee kanaaf kennameen gama hundaan bu’aa guddaan galmaa’aa jira.
Mootummaan imaammatawwaniifi tarsiimoowwan milkaa’ina damichaatiif gumaachaan qopheessee hojiitti galchuudhaan akkasumas inisheetivoota adda addaas bocee hojiirra oolchuun akka omishniifi omishtummaan dabalu taasisaa jira.
Akka ragaan Ministeera Qonnaa biraa argame agarsiisutti fooyyessa dinagdee goorootiinis qonni damee dinagdee tokkoffaafi bu’uura ta’ee dameelee kaaniif galtee akka ta’uuf xiyyeeffannaan irratti hojjetamaa jira. Qonni dinagdee Itoophiyaatiif harka tokko sadaffaa gumaachaa jira. Lammiilee harka 75 oliif ammoo carraa hojii uuma.
Jijjiirama siyaasaa biyyattiitti dhufeen walqabatee aadaan hojii qonnaas ammaantana fooyya’iinsa guddaa argamsiiseera. Qonnaafi horsiisee bulaan duraan waggaatti al tokko qofa qotuun yeroowwan hafan qisaasessaa ture har’a haala waggaa guutuu jedhamuun hojiitti seenee yoo xiqqaate yeroo sadii omishuun danda’ameera.
Akkuma omishni qonna bonaafi arfaasaa sassaabameen kan gannaatti seenamee miira yeroo hinqabuutiin hojjechuun aadaa gaarii ta’aa jira. Lafti kanaan dura misoomes hektaara miliyoona 15 irraa gara miliyoona 30.5tti guddateera. Omishumaanis haaluma kanaan jijjiirama agarsiisee kuntaala biliyoona 1.4 qaqqabeera.
Fakkeenyaaf, qamadiin duraan naannawawwan haalota qilleensaa baddaafi baddadaree qaban qofatti omishamaa ture ammaantana iddoowwan kanaan dura itti omishamee hinbeeknetti akka misoomu taasifamaa jira. Haala kanaan lafa agabuu bulaa ture gara misoomaatti galchuun milkaa’ina guddaadha. Ruuziin duraan alaa galaa tures ammaantana lafa hektaara miliyoona 1.2 irratti akka misoomu taasifameera.
Barsiifanni duraan waggoota dheeraaf ture, tokko bu’ee ba’ee, dhama’ee yoo omishu kaan ammoo isuma omishu kana taa’ee eeggachuudha. Tokko tokko ammoo hojii qonnaa tokko qofarratti bobba’uudha. Kun ammaantana jijjiiramaa jira.
Yeroo amma keessa jirrus tibba qonni gannaa itti eegalamu waan ta’eef milkaa’inoota irratti eeraman caalaatti babal’isuu akeeka taasifatanii hojjechuufi tattaafachuun ammoo dhimma daran murteessaadha.
Akka Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantee jedhanittis; qonna ganna baranaatiin lafa hektaara miliyoona 21 sanyiin uwwisuudhaan omisha kuntaala miliyoona 690 sassaabuuf karoorfameera. Karoorri kunis kan bardheengaddaa kuntaala miliyoona 80n nicaala.
Wayita ammaa haala qilleensaa qabatamaan jiru iddoowwan roobni eegaletti qonna gannaatti seenameera. Iddoowwan kaanitti ammoo haaluma qilleensi eeyyamuun kan jalqabamu ta’a.
Omisha qonnaa dabaluufis mootummaan barana xaa’oo kuntaala mliyoona 24 bituuf karoorfatee kana keessaa hanga yoonaa kuntaalli 11 biyya seenee raabsamaa jira. Sanyii filatamaa kuntaala miliyoona lama dhiheessuufis karoorfamee hojjetamaa jira.
Lafa sanyiin uwwisuuf karoorfame keessaa hektaarri miliyoona 13 kilaastaraan kan misoomu yoo tahu, kunis kan bardheengaddaarra hektaara miliyoona tokkoon caala.
Kilaastaraan qotuunis makaanaayizeeshiniidhaan akka hojjetamuuf carraa bal’aa akka uumuufi abbootiin qabeenyaa oyiruu walirraa fagoorra deemanii hojjechuurra yeroofi boba’aa qusachuun dhamaatii salphisu taasifameera.
Egaa, omishni karoorfame akka argamuuf gamanumaa xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaadha. Qonnaan bultoonni raaga haala qilleensaa kennamu bu’uureffachuun makaanaayizeshinittis fayyadamuun hojjechuu qabu.
Keessumaa qonnaan bulaan omishasaa gatii madaalawaan gurgurataa waan jiruuf gatiin xaa’oo qaala’eera jedhee fayyadamuurraa duubatti jechuu hinqabu. Yoo haala kanaan fayyadame qofa karoora irranatti eerame milkeessuun akka danda’amus hubachuun barbaachisaadha
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017