
Godinni Harargee Lixaa omishaafi omishtummaan daran beekamtuu yoo taatu keessumattuu misooma qamadii boneen, bunaafi mimmixaan maqaa kan qabdudha.
Omishaalee kanaan maqaa godhachuu qofti gahaa waan hintaaneef wabii midhaan nyaataan of danda’uurra darbee sharafa alaa argamsiisuu keessatti godinittiin shoora guddaa taphataa jirti.
Paakeejiiwwan qonnaafi inisheetiivota misoomaa mootummaan gadi buuse kallattiin hojiirra oolchuun godinaafi naannoorra darbuun sadarkaa biyyaatti sharafa alaa argamsiisuun kan danda’amedha jedhu Hoggantuun Godinichaa Aadde Ikraam Xahaa.
Keessumaattuu inisheetiiviin misoomaa qamadii bonee babal’achuun walqabatee qonnaan bultoonni hedduu fayyadamaa ta’aa kan jiran yoo ta’u; gabaa tasgabbeessuufi sharafa alaa argamsiisuu keessatti hojiin guddaa hojjetameera.
Bunas fudhannee yoo ilaalle waggaa waggaan toonii hedduu gabaa alergiif dhiyeessuun sharafni alaa argamaa kan jiru yoo ta’u tarsiimoon kun ammallee xiyyeeffannoo addaa argachuun babal’ataa jira.
Omishuu qofti gahaa waan hintaaneef waldaaleenfi yuuniyeenonni akka godinichaatti jiran gabaa alergii keessatti qooda akka fudhatan taasifamuunsaanii injifannoo guddaadha.
Hirmaannaa omishtoonni gabaa alergii keessatti qaban dachaan akka dabaluuf ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u; kan dhufee misoomsee misoomuu barbaaduufis balballishii banaa ta’uu hoggantuun godinichaa nikaasu.
Misoomni inisheetiivota garagaraa akka godinichaatti hojiirra oolaa jiru hudhaa dinagdee lammiilee kan fure, hojidhabdummaa gadi buusaa kan jiru gabaa tasgabbeessuufi sharafa alaa argamsiisuu keessatti maqaa guddaa horataa jira.
Qilleensa naannawaa waaltessuun omishaafi omishtummaa dachaan dabaluuf duulli dhaabbii ashaaraa magariisaa godinicha akkaan jijjiiraa kan jiru yoo ta’u; harri gogee bara lakkoofsisee ture Carcaris dandamachuun soora qalbiifi madda biddeena guyyuu ta’uu danda’eera.
Bu’uuruma kanaan qonna akka godinichaatti jiru waggaatti lama taasisuun alatti itti fayyadama makaanaayizeeshinii qonna ammayyaa babal’isuun omishaafi omishtummaan dachaan akka dabalu ta’eera.
Lafti godinichaa omishaalee akka saalixii, ocholonii, qamadii, bunaafi mimmixaaf mijataa waan ta’eef abbootii qabeenyaafi invastimantiif kan mijatteedha.
Dachee kanarratti misoomsuun fayyadamummaasaa mirkaneessuu kan fedhuuf ammallee balballishii banaa ta’uu kan ibsan Aadde Ikraam Harargee Lixaa, godina ofirra dabartee biyyaaf wabii ta’aa jirtudha.
Misoomaaleen kunniin biyyoota ollaafi godinaalee sadarkaa biyyaatti jiraniif abdii ta’aa kan jirtu yoo taatu; carraa hojii uumuu keessattis bakka olaanaa qabdi.
Qabsoo hiyyuma seenaa gochuufi fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf taasifamaa jiruunis milkaa’inni jiru olaanaa yoo ta’u; dandeettiin daagaa hidhuu akka godinichaatti qonnaan bultoonni qaban daran olaanaafi fakkeenyumman kan ka’udhas.
Bu’uuruma kanaan kan dhufee misoomee misoomsuu barbaaduuf Harargeen Lixaa waamicha kan dhiyeessitu yoo ta’u; fedhan saalixiin, ocholonii, bunaafi misooma mimmixaarratti bobbahuun ofis biyya ofiis misoomsuu waan ta’eef nooruu jechaa jirti.
Qilleensa mijataa omishaafi omishtummaaf tolu kan qabdu Harargeen Lixaa; hiyyuma seenaa gochuun warraaqsa dinagdee inisheetiivota garagaraa babal’isuun eegalte cimsuun wabii midhaan nyaataan of danda’uu, gabaa tasgabbeessuu hanga sharafa alaa argamsiisuufi alergii keessatti yuuniyeenonniifi waldaaleen qooda akka fudhatan taasisuun godina maqaa qabdu waan taateef misoomsaa misoomaa jechaa waamicha dhiyeessiti.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017