
Fooramiin Invastimantii Idil addunyaa “Invast Itiyoophiyaa 2025” 3ffaan qindeessummaa Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa, Ministeera Maallaqaafi Dhaabbilee deeggartoota misoomaatiin Wiixataafi Kibxata darbe Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Aanga’oonni mootummaa, invastaroonni addunyaa, dippilomaatonni, deeggartoonni misoomaafi keessummoonni biroon fooramicharratti argamaniiru.
Fooramichi filmaatawwan invastimantii Itoophiyaa beeksisuufi guddina dinagdee biyyattii saffisiisuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, hirmaannaa dameen dhuunfaa dinagdee biyyattii keessatti qabu guddisuuf haala tumsa mootummaafi damee dhuunfaa cimsuun danda’amurrattis mariin bal’aan adeemsifameera.
Pirezidaantii RFDI Taayyee Atsqasillaasee haasaa baniinsa sagantichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan riifoormii dinagdee taasifteen invastimantii kallattii alaa hawachuun cehumsa dinagdee milkeesuuf karaa sirriirra jirti. Foramichis dandeettii invastimantii biyyattii agarsiisuuf carraa gaarii uumeera.
Itoophiyaan invastimantii kallattii alaarraa carraa fooyya’aa argachuuf dhimmoota sadiirratti xiyyeeffachuushee himanii, dameewwan biyya alaaf cufaa ta’anii turan banuuf riifoormii biyyaalessaa taasifame, riifoormii seeraafi imaammataafi dameewwan garagaraan invastimantii hawachuun jijjiiramni qabatamaan mul’ateera. Bu’uraalee misoomaa invastimantiif mijataa ta’aniifis dursi kennamee irratti hojjetamaa tureera.
Qormaatiilee invastimantii alaa mudataa turan furuun damichaaf haalonni mijatoon uumamuu himanii, waggoota darban invastimnatii alaa hawwachuufi jijjiirama caaseeffamaa fiduuf fooyyeessi taasifameera. Haalonni mijatoo uumamaniifi fooyyessi taasifame walitti ida’amanii biyyattiin invastimantiif akka filatamtu taasisaniiru.
Invastimantii alaa hawwachuuf dhimmoota bu’uuraa sadiirratti xiyyeeffannoo kennuun barbaachisaa ta’uu eeranii, isaanis imaammatawwan mijataa taasisuu, bu’uuraalee misoomaa babal’isuufi hariiroo si’ataan akka jiraatu taasisuudha.
Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Doktar Iyyoob Takkaalliny akka jedhanitti, waggoota torban darban dinagdee Itoophiyaa tasgabbeessuuf hojiileen milkaa’ina qaban hojjetamaniiru. Hojiilee riifoormii waggoota darban dameelee dinagdee, siyaasaafi kanneen biroo keessatti hojjetamaniin hariiroo dinagdee Itoophiyaan biyyoota alaa waliin qabdu cimsuun danda’ameera.
Mootummaan waggoota darban dinagdee tasgabbeessuuf fooyya’iinsa dinagdee gooroo dabalatee hojiilee milkaa’oo hedduu raawwateera kan jedhan Doktar Iyyoob, akka biyyaatti albuudaafi turizimii dabalatee qabeenya uumamaa hedduu qabnurratti ciminaan yoo hojjenne jijjiirama fooyya’aa fiduu dandeenya. Milkaa’inni waggoota darban sadarkaa biyyaalessaatti galmaa’e hojiilee karooraafi kutannoon hojjetamaniin kan argame ta’uus eeraniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Doktar Geediyoon Ximootiwoos gamasaaniin, Itoophiyaan biyya invastimantiif filatamtuufi barbaadamtuudha. Mootummaa jijjiiramaatiin dura xiyyeeffannoo dhabee kan ture dameen dhuunfaa jijjiiramaa as imaammata jijjiiruun dameen dhuunfaa dinagdee keessatti qooda ijoo akka qabaatuuf hojjetamaa jira. Dameewwan invastimantii biyya alaaf cufamanii waggootaaf turan banamuus kaasaniiru.
Ministirri Pilaaniifi Misoomaa Doktar Fitsum Araggaa akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya humna namaa gahaa dabalatee carraawwan invastimantii bal’aa qabdu wiirtuu dinagdee haaraadha. Itoophiyaan biyyoota addunyaa guddina dinagdee si’ataa galmeessisaa jiran keessaa tokko yoo taatu, biyyoota sahaaraa gad jiran keessaa dinagdeedhaan sadarkaa 5ffaa irratti kan argamtu ta’uufi bara darbe guddina dinagdee 8.1 kan galmeessifte ta’uus himaniiru.
Itoophiyaan ALA bara 2023/24 invastimantii kallattii alaa doolaara biliyoona 3.9 hawwachuun Afrikaa Bahaarraa sadarkaa jalqabaarratti kan argamtu ta’uus eeraniiru.
Itoophiyaan bara darbe damee qonnaatiin guddina dinagdee dhibbantaa 6.9, damee industiriitiin dhibbantaa 9.2, damee tajaajilaatiin dhibbantaa 7.7 kan galmeessifte ta’uu himanii, biyyattiin daandii qilleensaa biyyoota addunyaa waliingahu qabaachuunshee invastimantiif filatamtuu ishee taasisa. Abbootiin qabeenyaa biyyoota alaa carraawwan invastimantii Itoophiyaan qabdu hubachuudhaan qabeenyasaanii biyyattiitti invasti akka godhaniifis waamicha dhiyeessaniiru.
Ministirri Maallaqaa Ahmad Shidee akka jedhanitti, Itoophiyaan biyya lafa bal’aa, qabeenya bishaanii gahaa, dargaggoofi humna nama baratee akkasumas bu’uraalee misoomaa qabdu ta’uunshee invastimantiif akka filatamtu ishee taasisa. Fooyyessi dinagdee biyyattiitti hojiirra ooleefi riifoormiiwwan dhaabbataafi caasaa taasifaman rakkoolee guddina dinagdee ittifufiinsa qabu kan fidan ta’uus eeraniiru.
Tarkaanfiiwwan damee invastimantii Itoophiyaa guddisuuf fudhatamaniin biyyattiin guddina dinagdee olaanaa galmeessisaa jiraachuu himanii, Itoophiyaan fayyummaa damee faayinaansii mirkaneessuudhaan invastarootaaf haala mijataa kan uumte ta’uus himaniiru.
Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuu akka jedhanitti, kaayyoo guddaan fooyyessa dinagdee gooroo invastimantii alaaf haala mijataa uumuufi dorgomtummaa uumuudha. Fooyyessichi rakkoolee haala gaariin hiikuu akka dandeessisutti qophaa’uufi invastaroonnis galii akka maddisiisan kan gargaaru ta’uu eeraniiru.
Hoggantuun Pirees Sekireeteriyaatii Waajjira Ministira Muummee Billanee Siyyum gamasaaniin, waggoota torban darban mootummaan invastimantii hawwachuufi guddina waaraa fiduuf tarkaanfiiwwan murteessoon fudhatamaniiru. Dameewwan qonnaa, manufaakchariingii, albuudaa, turizimiifi dinagdee dijitaalaan hojiilee guguddoon hojjetamaniiru.
Komishinariin Invastimantii Itoophiyaa Doktar Zallaqaa Tamasgeen akka jedhanitti, riifoormiin dinagdee gooroo guddina invastimantii kallattii alaaf gumaachaa guddaa taasisaa jira. Invastimantii kallattii alaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan argamaa jira. Qabeenyawwan invastimantii Itoophiyaa beeksisuufis hojii bal’inaan hojjetameera.
Xiyyeeffannoo mootummaa damee qonnaa, albuuda, tuurizimii, manufaakchariingiifi ‘ICT’ irratti dureeyyiin invast akka godhaniif hojjetamaa jiraachuu eeranii, daldalli alergiifi alaa galfamu akkasumas daldalli dimshaashaafi qinxaaboo dureeyyii biyya alaaf banaa ta’uunsaas carraa guddaa uumeera jedhu.
Invastimantiin Itoophiyaa qormaatilee dandamachuun bayyanachaa jira. Keessumaa riifoormiin dinagdee gooroo invastimantii kallatti alaaf carraa gaarii kan uumeefi guddinni akka galmaa’u gumaacha guddaa taasisaa jiraachuus himaniiru.
Fooramichi kubbaaniyaawwan alaa haaraan gara invastimantiitti akka galaniif carraa gaarii uumuu himanii, fooyya’iinsi dinagdee biyyattiitti hojiirra oole damee invastimantiif murteessaa ta’uus eeraniiru.
Fooramichi waliigaltee invastimantii alaa doolaara biiliyoona 1.6 kubbaaniyaawwan idil addunyaa shan taasisan xumurameera. Kubbaaniyaawwan kunnee invstimantii damee albuudaafi humnaarratti kan hojjetan ta’uus eeraniiru.
Abbootiin qabeenyaa biyyoota addunyaa 59 irraa walitti babba’an fooramicharratti kan hirmaatan yoo ta’u, carraawwan invastimantii Itoophiyaan qabduufi biyyattiin invastimantii alaatiif xiyyeeffannaa guddaa kennitee hojjechaa jiraachuu haala gaariin kan hubatan ta’uu himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017