Haalli qilleensaa waqtii Arfaasaa ture tibba gannaa ittaanuuf haala mijaa’aa uuma

Finfinnee: Haalli qilleensaa waqtii arfaasaa ture hojii qonnaa waqtii gannaa ittaanuutti gaggeeffamuuf haala mijataa akka uumuu danda’u Inistitiyuutiin Meteworolojii Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise. Haala qilleensa waqtii gannaa bara 2017 ilaalchisuun ibsi Caamsaa 13fi 14 akka kennamu ibsameera.

Inistitiyuutichatti Hogganaa Ittaanaan Damee Raaga Haala Qilleensaa Doktar Asaamminoo Tashoomaa Kamisa darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, roobaafi haalli qilleensaa waqtii Arfaasaa (ji’a Guraandhalaa, Bitootessa, Eblaafi Caamsaa) ture haala qilleensa rooba gannaaf mijataa taasisa. Kutaaleen biyyattii arfaasaan waqtiin rooba isaanii ta’e rooba idileefi idileen olii argaachaa turan.

Akka ibsasaaniitti, walakkaa kutaalee Itoophiyaa Kibbaaf Arfaasaan yeroo roobaati. Dabalataanis, Tigraay Kibbaafi Bahaa, Walloo Kaabaafi Kibbaa godinaalee Affaar, giggugaleessa kutaalee biyyattii haaluma wafakkaataa ta’een Arfaasaatti rooba argatu. Kutaaleen biyyattii kunneen ji’oottan sadan darban keessatti rooba idileefi idileen olii argachuudhaan hanga milimeetira 350tti galmeessuun danda’ameera.

Taateewwan haala qilleensaa rooba uumuuf sababa ta’an yeroodhaa gara yerootti dabalaa deemuudhaan walqabatee sa’aa 24:00 keessatti kutaalee biyyattiitti bakkeewwan 120 roobni milimeetira 30-102 galmaa’eera. Roobni roobes dhiyeessii bishaan dhugaatii namaafi beeyiladaa akkasumas nyaata beeyiladaa ga’aan akka argamu taasiseera. Yaa’a lageenii jiran hanga bishaan isaan qabatanii akka dabalu taasisuun hojiin qonnaa qixa barbaachisaa ta’een akka raawwatamuuf haala mijataa uumeera.

Guyyoota waqtii Arfaasaa hafanittis taateewwan haala qilleensaa roobni akka uumamuuf haala mijaa’aa uuman yeroodhaa gara yerootti walakkaa kutaaleen Itoophiyaa Kibbaatti babal’achaa akka deemu ragaan lakkoofsa raaga haala qilleensaarraa argame mul’iseera.

Kanaan walqabatee kutaalee Itoophiyaa Kibbaa, Sumaalee Kibbaa, Gujii, Sidaamaa, Itoophiyaa Kibbaafi Kibba Dhiyaa facaatii roobaa gaariin akka jiraatu taasisa. Guyyaa guyyaatti hangaafi facaatiin roobaa Itoophiyaa dhiyaafi kaaba dhiyaatti babala’achaa akka deemu ibsaniiru.

Guyyoota Arfaasaa hafanittis hojii qonnaafi hojiin kunuunsa biyyee haala mijaa’aa kan uumu ta’us wal hormaata bookee busaaf haala mijaawaa waan uumuuf fayyaa hawaasaa irra miidhaan akka hinqaqqabneef hawaasni naannawasaa qulqulleeffachuudhaan ofeggannoo barbaachisaa taasisuu qaba jedhaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017

Recommended For You