
Finfinnee: Adeemsa marii hafeef yeroon kenname gahaa ta’uu baatus milkaa’inasaaf hawaasni dammaqinaan hirmaachuu akka qabu Hayyootni Yunivarsitiiwwan garaagaraa torban darbe Gaazeexaa Bariisaaf ibsan.
Yunivarsitii Jigjigaatti Hayyuun Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idiladdunyaa, Kaadhimamaan (‘PhD’) Geetaachoo Miijanaa akka jedhanitti, waldhibdee guddinaafi nageenya biyya kanaaf gufuu ta’an mariin furuuf kaayyeffachuun furmaata waaraafi gocha jajjabaachuu qabuudha.
Haa ta’uutii, dhimmi biyya kanaa walxaxaafi ulfaataa waan ta’eef yeroon Komishinii Marii Biyyaalessaaf kenname durumaanuu daran gabaabaadha; waggaan tokko dabalataan kennames dhiyoo ta’uun hubatamee hawaasni dammaqinaan hirmaachuu qaba.
Haaluma marichi rakkoo biyyaaf furmaata waaraadha jedhameen namoota yaadota garagaraa qaban hirmaachisuun dirqama jedhanii; haala amma jiruun namoota qabsoo hidhannoo keessa jiran gara mariitti fiduuf yeroon dabalataa kenname gahaa miti. Ta’us namootni qabsoo hidhannoo adeemsisanis gaaffii qabaniif furmaata kan argatan yoo maricharratti hirmaatan qofa ta’uu hubachiisaniiru.
Hayyuun Yunivarsitii Asoosaafi Kaadhimamaan (PhD) Agraawu Mulaatuu gamasaaniin akka jedhanitti, jijjiiramaa as biyyi kallattiiwwan hundaanuu jijjiirama abdachiisaa keessa jirti. Ta’us dhimmi nageenyaa hudhaa ta’eera. Waantota hudhaa kanaaf ka’umsa ta’an mariin goolabuuf kaayyeffachuun dhimma ijoodha.
Mootummaan qaama biyya bulchu waan ta’eef garabal’inaan hunda hirmaachisuu baannaan tasgabbii yaadame fiduun rakkisaadha. Hundaa ol qaamolee hidhatanii bosona jiran hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamu cimee ittifufuu qaba.
Biyyattiin barsiistee hayyuu ta’uun beekumsa qabaniin tokkummaa biyyaaf kan hojjetan akkuma jiran, kanneen diigumsaafi garaagarummaarratti hojjetan jiraachuu eeranii; biyya egeree bareedaa taate qabaachuuf nageenya waaressuurratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaba jedhaniiru.
Itoophiyaan waldhabbii bu’uuraa badii lubbuufi mancaatii qabeenyaaf sababa ta’an keessaa ba’uun fuulashee gara misoomaatti deebisuu qabdi jedhanii; kana dhugoomsuuf ammoo marii hunda hirmaachise adeemsisuun barbaachisaadha. Qoodni hunda hirmaachisuu kan mootummaa ta’us hayyootaafi ummatni sadarkaan jiru tumsa barbaachisaa taasisuu qabu jechuunis hubachiisaniiru.
Hayyuun Yunivarsitii Bulee Horaafi Kaadhimamaan (PhD) Jamaal Hajii gamasaaniin akka jedhanitti, Itoophiyaan gulantaa guddinaa olaanaarra ga’uuf carraa guddaa qabdi. Ammaan tanas agarsiistuu guddina biyyattii kan ta’an wantoonni hedduun hojjetamaniiru. Haa ta’uutii, rakkoon nageenyaa iddoowwan tokko tokkotti mudate guddinaafi misooma biyyattii gara boodaatti harkisaa jira.
Keessattuu milkaa’uun marii biyyaalessaa ummatni baadiyyaa hojjetee wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu kan yeroo ammaa naannawawwan tokko tokkotti rakkoo keessa jiruuf daran murteessaa ta’uu himanii; yeroon hafe muraasa ta’uun hubatamee miira yeroon hinjiruun hirmaachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 9 Bara 2017