Yunvarsitiin Arsii qorannoowwan rakkoo hawaasaa furanirratti xiyyeeffatee hojjeta

Asallaa: Yunvarsitiin Arsii qorannoowwan rakkoo hawaasaa furanirratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuun ibsame.

Yunvarsiitichi kabaja hundeffamasaa waggaa 10ffaafi Konfiraansii Qorannoo biyyaalessaasaa 8ffaa mata duree “Qorannoo bu’a qabeessa rakkoo hawaasaa qabatamaan furu misooma waaraaf” jedhuun dheengaddaafi kaleessa adeemsiseera.

Ministeera Barnootaatti Hoggaanaan Damee Deeskii Eksteenshinii Qorannoofi Hirmaannaa Ummataa Doktar Saraawwit Andisoo baniinsa sagantichaarratti akka jedhanitti, yeroo ammaa guddina biyyattiif galtee kan ta’u qorannoo rakkoo hiikudha.

Callisanii qorannoo adeemsisuun galma waan hintaaneef dhaabbileen barnoota olaanaa qorannoo rakkoo hawaasaa fururratti xiyyeeffachuu akka qaban hubachiisanii, qorannoo bu’a qabeessarratti hojii Yunvarsitiin Arsii hojjetu cimee itti fufuu qaba jedhaniiru.

Pirezdaantiin Yunvarsitii Arsii Doktar Fiqaaduu Mitikkuu gamasaaniin, yunvarsitichi hundeeffamasaa yeroo gabaabaa keessatti qorannoorratti hundaa’uun gama qonna, barnoota, sirna haqaafi hojiilee hawaasummaa hedduun injifannoo gurguddaa galmeessuu eeranii, bara kanas sanyii qamadii filatamaa qorannoon argateen callaa kuntaala 700 argachuun beekamtiifi badhaasa gonfateera jiedhaniiru.

Yunvarsitichatti hojii qorannoo rakkoo furu qofatu akka hojjetamu taasifama jedhanii, biyya osoo qabeenya uumamaa bal’aa qabduu hiyyummaa keessa jirtu ceesisuuf hojiin qorannoo bu’a qabeessi murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Yunvarsitiin kun ammaan tana barattoota kuma 11 ol simatee barsiisaa jiraachuu himanii, qorannoon barattootaan taasifamu hundi qabatamaan rakkoo hawaasaa furuurratti kan xiyyeeffate ta’u dursa kan adda ba’u ta’uu dubbataniiru.

Gama biroon qorannoon baasii guddaan yeeoo fudhatee ‘sheelfii” gubbaatti akka hinhafneef qorannowwa rakkoo hawaasaa furuu danda’aniifi salphaatti hojiitti hiikaman yunivarsitii biyyattiirraa walitti fiduun hojirra oolmaasaanirratti mariin taasifameera.

Itoophiyaan biyyee gabbataafi bishaan gahaa bonaafi ganna omishuuf gargaaran osoo qabduu wabiin midhaan nyaataa qormaata ta’uun sababa qonni mala aadaarratti hirkatee ta’uu himanii, mala qonnaa jijjiiruun omishaafi omishtummaa dabaluuf qorannoo bal’aa akka fedhu hubachiisaniiru.

Qonnaan alattis bu’aaleen qorannoo hojii kalaqa garagaraa omishaalee alaa galan biyya keessatti omishuun bakka buusuu haalaan waan barbaachisaniif yunvarsitiiwwan biyyattiirraa hojii bal’aan kan eegamu ta’uu eeraniiru.

Konfiraansii kanarratti qorannowwan rakkoolee hawaasaa furuuf shoora qabu jedhaman dhiyaataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You