
Eksipoon ‘Itoophiyaan Haa Omishtuu’ marsaa sadaffaa Ministeera Daldalaatiin qophaa’e Ebla 25-29 bara 2017tti Finfinnee, Wiirtuu Konveenshinii Intarnaashinaalii Addisitti adeemsifameera. Eksipoo guyyoota shaniif adeemsifame kanarratti omishtoonni sektaroota dhuunfaa 288 hirmaachuun omishaalee biyya keessatti omishan dhiyeessaniiru.
Ministirri Muummee Doktar Abiyyii Ahmad haasaa baniinsa eksipochaarratti taasisaniin akka jedhanitti, “Sosochii Itoophiyaan haa omishtuu waggoota sadan darbaniitti adeemsifamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmaa’aniiru. Bu’aawwan galmaa’an qormaatilee malee waan hintaaneef qormaatilee gara fuulduraatti mudatan kalaqa furmaatarratti xiyyeeffateen furaa hojiilee eegalaman cimsanii ittifufsiisuun barbaachisaadha.”
Dinagdeen hinjijjiiramne biyya cimtuu ijaaruu hindanda’u. Dinagdee Itoophiyaa jijjiiruuf damee industirii biyyattii jijjiiruu, ammayyeessuufi omishtummaa guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Dameelee industirii biyyattii keessaa ifatti bahee kan mul’ate ammoo industirii omishaati.
Industiriin omishaa ofiisaatii qofa akka guddatu utuu hintaane, utubaawwan dinagdee biyyattii shanan adda bahaniif riqicha ta’ee akka jijjiiruu, guddisuufi ammayyeessuuf karoorri Badhaadhinaa waggoota 10 qophaa’ee hojiirra jira. Karoora kana keessatti qonni akka utubaa dinagdee tokkootti kan fudhatamu yoo ta’u, industiriin omishaa riqicha ta’uun qonni gabaa biyya keessaafi biyya alaatiif akka oolu taasisaa jira.
Hojii damee qonnaa guddisuuf raawwatameen qamadiin alaa bitamee galaa ture omisha biyya keessaatiin bakka buufameera. Doolaarri biliyoona tokko ta’u waggaa waggaan qamadii alaa bitanii galchuuf bahaa ture biyya keessatti akka hafu ta’eera.
Waggoota dheeraaf alergiin bunaa dinagdee biyyattii utubuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa tureera. Barana buna toonii kuma 400 ta’u gabaa alaatiif dhiyeessuudhaan seenaa Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaaf galiin doolaara biiliyoona lama ta’u argameera. Bara darbe alergii bunaarraa doolaara biiliyoona 1.4tu argame. Yeroo mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufu galiin alergii bunaa doolaara miiliyoona 700 ture yeroo ammaa dachaa sadiin dabaleera.
Qonni utubaawwan dinagdee biyyattii shanan adda bahan keessaa tokko ta’ee akka dhaabatu kan taasise industirii omishaati. Industirichi pilaastikii biqiltuun bunaa keessatti qophaa’u, ujummoo bishaaniifi meeshaalee omisha bunaaf barbaachisan dhiyeessuu hindanda’u taanaan omishtummaa bunaa guddisuun hindanda’amu.
Utubaawwan dinagdee biyyattii shanan adda bahan keessaa inni sadaffaan damee albuudaati. Itoophiyaan qabeenya uumamaatiin badhaatuudha. Qabeenyawwan albuudaa hedduu qabdi. Itoophiyaa albuuda pilaatiiniyeemii galtee baatirii bal’aa qabdi. Albuuda sibiilaa ‘Ore’, pootaashiyeemii, warqii, boba’aafi qabeenyaawwan lafa jalaa bal’aa qabdi.
Qabeenyaawwan kunneen baafnee akka ittifayyadamuuf industiriin omishaa gumaacha olaanaa qabu. Waggoota lama dura akkuma omisha bunaafi qamadii hanqinni omisha simintoos biyyattii keessa ture. Gumaacha industiriin omishaa taasiseen omisha simintoo dabalataa biyya keessatti omishuudhaan fedhii simintoo guutuurra dabarree alergii simintoof qophiirra jirra jedhan.
Industiriiwwan omishaa maashinota albuuda warqii baasuuf gargaaran omishuudhaan damee albuudaa deggaruu keessatti gumaacha guddaa taasisaniiru. Seenaa keessatti galiin alergii warqiirra argamu yeroo jalqabaaf kan alergii bunaarra argamu caaleera. Ji’oota kudhan darbanitti galiin doolaara biiliyoona 2.5 ta’u alergii warqiirra argameera. Industiriin omishaa galiin damee albuudaarraa argamu akka guddatu taasisuu keessattis gumaacha olaanaa taasiseera.
Dameen turizimiis utubaawwan dinagdee biyyattii shanan keessaa afuraffaan damee turizimiiti. Itoophiyaan iddoowwan hawwata turizimii ilaalamuu qaban hedduu qabdi. Iddoowwan hawwata turizimii haaraa ijaaruu qofa utuu hintaane, iddoowwan hawwata turizimii duraan turan kanneen kalaqaafi hojii harkaa abbootii keenya durii kufaniifi moofa’an deebisnee haarssuunis hojii keenya isa ijoodha.
Halaalaa Keellaa, Laallibalaa, Faasiil, Masaraa Abbaa Jifaar, Masaraa Minilikiifi Hayilasillaasee iddoowwan hawwata turizimii biyyattii abbootii keenyarraa dhaalle keessaa akka fakkeenyaatti eeramu. Iddoowwan hawwata turizimii kunneen akka haareffaman taasisuu keessatti industiriin omishaa gahee bakka bu’ummaa hinqabne bahateera. Qabeenyawwan hawwa turizimii qabnu haaressuu kan dandeenyu yoo industiriin omishaa gumaacha irraa eegamu bahate qofa.
Iddoowwan hawwata turizimii duraan turan gahaa waan hintaaneef iddoowwan haaraa bal’inaan ijaaruun keenya ni yaadatama. Hojiiwwan misooma koriidarii Finfinnee yoo galteewwan industiriin omishaa dhiyeessaniin hojjetamu. Galteewwan ijaarsaa kanneen akka simintoo, maashinii, ujummoowwan balfa dhabamsiisan kan hojjetan industiriiwwan omishaati.
Itoophiyaan barana turistoota biyya alaa hawwachuudhaan Afrikaarra sadarkaa duraa qabatteetti. Dameen turizimii barana guddina dinagdee %40 agarsiiseera. Finfinneen barana magaalaa konfiraansiiwwan biyyoolessaa torban lama lamaan itti adeemsifaman taateetti. Kun kan ta’e industiriin omishaa hojii magaalattii bareechuu dabalatee omishaalee tajaajilaaf oolan waan dhiyeesseefi.
Utubaawwan dinagdee inni itaanu teknolojiidha. Qaqqabummaa tajaajila mobaayilii ‘Artifiishaal Intalajansii’ Masoobii, Faaydaafi kaan mirkaneessuu keessatti gumaachi industirii omishaa olaanaadha. Dameen industirii omishaa guutummaatti fedhii jiru guutuu baatus qaqqabummaa galteewwan tajaajila ibsaafi teelekoomii babal’isuuf barbaachisan dhiyeessuudhaan utubaawwan dinagdee industiriidhaan ala jiran afran utubuu keessatti gumaacha olaanaa taasiseera.
Humni omishuu industiriiwwan biyyattii waggaa sadii dura dhibbantaa 46 ture waggaa sadiifi walakkaa keessatti gara dhibbantaa 61tti guddisuun danda’ameera. Sosochii Itoophiyaan haa omishtu waggoota sadiifi walakkaatiin warshaaleen sababoota adda addaatiin hojii dhaaban keessaa 830 deebi’anii akka hojii jalqaban taasisuun hojjettoonni addaan faffaca’anii turan gara hojiitti deebisuun omishtummaan akka guddatu ta’eera.
Waggoota sadiifi walakkaa darbetti idustiriiwwan xixiqqaafi giddugaleessaa qarshii miliyoona tokkoo hanga miliyoona 90tti invasti irratti godhame kuma 13fi 800 hojii jalqabaniiru. Kana malee industiriiwwan guguddoon 325tti hiiqan hojii jalqabaniiru.
Ji’oota saglan darban omishaalee doolaara biiliyoona sadii ta’uun bitamanii alaa galan omisha biyya keessaatiin bakka buusuun danda’ameera. Waan omishtummaan biyya keessaa guddachaa dhufeef baasii doolaara biiliyoona sadii ta’u hambisuun danda’ameera.
Gahee industiriiwwsn biyya keessaa gabaa keessatti qaban waggaa sadii dura %30 irra ture yeroo ammaa gara %41tti guddateera. Kana jechuun omishaalee galan keessaa %41 kan ta’an biyyuma keessatti omishamaa jiru. Kun caalaatti guddachaa kannee alaa galan hir’achuu qabu.
Barana fedhiin inarjii industirii omishaa dachaadhaan dabaleera. Inarjii ittifufiinsaan omishuu hindandeenyu taanaan fedhii inarjii guutuuf ni rakkanna. Rakkoo gama kanaan jiru furuuf kubbaaniyyoonni haaraan Finfinneefi naannoleetti hojii omisha soolaarii jalqabaniiru.
Industiriin omishaa sosochii Itoophiyaan haa omishtuu milkeessuu keessatti sektara gumaacha olaanaa taasisaa jiruudha. Waggaa sadii dura yeroo sosochiin Itoophiyaan haa omishtuu jalqabamu dameen industirii %5 irra ture yeroo ammaa waggaasaatti gara %7tti, bara darbe gara %10tti kan guddate yoo ta’u, barana ammoo gara %13tti ni guddata jedhamee eegama.
Dameen industirii dhibbantaa kanaa guddina agsrsiisaa jira erga ta’ee guddinni sektaroota biroo yoo itti ida’amu guddinni Itoophiyaa maal ta’uu akka danda’u tilmaamuun nama hindhibu.
Industiriin omishaa guddina dinagdee Itoophiyaa si’eessuu keessatti gumaacha olaanaa waan qabuuf guddina sektaroota hundaa mirkaneessuufi omishtummaa guddisuu, walittihidhamiinsa gabaa biyya alaa babal’isuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba. Sosochiin Itoophiyaan haa omishtuu erga jalqabee waggaa sadii keessatti dameen industirii %5 irraa gara %13tti guddisuun erga danda’amee waggoota shananiifi kurnan dhufanitti eessa gahuu akka dandeenyu tilmaamuun nama hinrakkisu.
Injifannoowwan gama hundaan galmaa’an rakkoolee hidduu keessa darbuudhaan waan ta’eef rakkoolee gara fuulduraatti mudatan furuuf tokkummaan hojjechuun olka’iinsa Itoophiyaa mirkaneessuu qabna. Badhaadhaadhina biyyattii mirkaneessuuf waltaanee dadhabnee hojjechuu qabna. Hojiileen gama hundaan jalqabaman abdii kan namatti horan ta’uu Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad eeraniiru.
Eksipochi omshtoonni bu’aalee kalaqaafi omishasaanii agarsiisaaf akka dhiyeessan taasisuudhaan walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi kanneen biroon ammoo akka irraa baratan taasisuu keessatti gumaacha olaanaa akka qabus eeraniiru.
Ministirri Industirii Obbo Malaakuu Allabal cufiinsa eksipochaarratti akka jedhanitti, omishaaleen ekspoo baranaarratti dhiyaatan hangaanis ta’e qulqullinaan kan waggoota lamaan darbaniira fooyya’oodha. Eksipochi namoota kuma 120 oliin daaw’atamuufi bittaafi gurgurtaan qarshii biiliyoona afurii olii raawwatameera.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017