
Finfinnee: Sirni leenjii teknikiifi ogummaa qulqullina qabu ce’umsa dinagdee biyyaalessaaf murteessaa ta’uu Inistitiyuutiin Qorannoo Imaammataa beeksise. Sirna tekinkiifi ogummaa ce’umsa diinagdee Itoophiyaa dhogoomsuu ijaaruuf qorannoon inistitiyutichaan dhiyaate irratti mariin qooda fudhattootaa Kibxata darbe Finfinneetti gaggeeffame.
Daarektara ittaanaan inistitiyutichaa Obbo Tafarii Xiyyaaruu haasaa sirna saaqiinsa marichaarratti taasisaniin, sirni leenjii teknikiifi ogummaa haala qabatamaa jiru faana walsimate ce’uma diinagdee biyyaaf murteessaadha. Qorannoon gaggeeffames sirna teknikiifi ogummaa darbe madaaluu qofaaf utuu hintaane dargaggoota akkamitti ga’oomsaa akka jiru adda baasuudhaan misooma fufiinsa qabu mirkaneessuun egeree tilmaamuuf ta’uu ibsaniiru.
Akka ibsasaaniitti, institiyutichi hanga hammaatti hawaasa, mootummaafi dhaabbilee idilaaddunyaa waliin ta’uun qorannoofi qu’annoo imaammata faayidaa hawaasdinagdee qaban taasisaa jira. Ijaarasa danddeettiifi tajaajila gorsa garagaraa tamsaasuudhaan gumaacha olaanaa taasisaa jira.
Qorannoo saayinsaawaa ragaarratti hundaa’e gaggeessuudhaan akka imaammatootni fooyya’aniif yaada dhiyeessuu ergama godhatee hojjechaa jira. Dinagdee gooroo, faayinaansii, bulchiisa gaarii, industirii, ijaarsa bu’uuraalee misooma magaalaafi baadiyyaa, qonnaa, hawaasumaa, jijjiirama haala qilleensaarratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.
Itoophiyaan tarsiimoo teknikiifi ogummaa qabaattus sektarichi hanga irraa eegamu raawwateera jechuun hindanda’amu. Ta’us, hanqinootaafi fala ta’uu malu adda baasuudhaan qorannoowwan 40-50 waggaa waggaan adeemsisuun mootummafi dhaabbilee mitmootummaaf dhiyeessaa jiraachuu eeraniiru.
Hanqina ga’umsa barsiisotaa, meeshaalee leenjii yeroon ittidarbe, hanqina faayinaansii, sektaricha qoraa jiraachuu himajii; qorannoofi qu’annoo geggeessuudhaan leenjii tekinkaafi ogummaa gabaan barbaadu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru.
Qorataan inistitiyutichaa Doktar Amaaraa Maatabee gamsaaniin akka jedhanitti, baay’inni ummataa saffisaan dabalaa waan jiruuf fedhiin carraa hojii dabalaa jira. Sirna leenjii teknikiifi ogummaa qulqullina qabu ijaaruudhaan cemu’umsa dinagdee biyyaa dhugoomsuuf gumaahi qorannichaa olaanaadha.
Leenjiin ogummaa kennamuufi fedhiin leenji’aa walsimuudhanu, ga’umsa barsiisota leenjisanii, walitti hidhamiinsa leenjii teknikiifi ogummaan industirii waliin qabu, dijitaalaayizeeshiniifi hanqina bajataa rakkoolee qorannichaan adda ba’an keessaa muraasa kaasaniiru.
Tarsimoo leenjii tekniiikiifi ogummaa haala qabatamaa biyyaalessaa faana walsimatu hojiirra oolchuu, sirna hoggansaa fooyyessuu, hirmaannaa dhaabbilee dhuunfaa dabaluu, qulqullina gaumsa barsiisoota mirkaneessuu, ilaalcha dogoggoraa hawaasa biraa mul’atuufi dhiyeessii faayinaansii fooyyessu yaadota akka furmaataatti qorannichaan dhiyaatan jechuun ibsaniiru.
Ministeera Hojiifi Ogummaatti gorsaan damee teknikiifi ogummaa Obbo Asmaroowu Kabbadaa, qorannoon inistitiyutiichaan dhiyaate rakkolee turan adda baasuudhaan furmaata waliin waan dhiyaateef gara fuulduraatti haalota jiran fooyyessuuf faayidaa olaanaa qaba.
Qooda fudhattootin maricharratti argamanis rakkoolee mul’atan waliin mar’atanii furuun lammiilee ga’umsa teknikiifi ogummaan qulqullina horatan leenjisuudhaan ce’umsa dinagdee biyyaaf gaheesaanii akka gumaachan taasisa jedhaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017