
Shaampiyooniin guutuu Oromiyaa marsaa 27ffaan mataduree “Ispoortiin Nageenya Waaraafi Badhaadhina Walootiif ” jedhuun guyyoota 15f turu Godina Shawaa Lixaa, magaalaa Ambootti Dilbata darberraa kaasee adeemsifamaa jira.
Waldorgommiin Shaampiyoonaa ispoortii Guutuu Oromiyaa marasaa 27ffaa Godinaalee 21 fi Bulchiinsa Magaaloota 22 kan hirmaachise yoo ta’u, dorgammicharratti akaakuuwwan ispoortii 24n kan adeemsifamaa jiraachuun ibsameera.
Saganticharratti argamuun haasawaa baniinsaa kan taasisan Sadarkaa pirezadaantii ittaanaatti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Saadaat Nashaa ispoortiin jaalala, tokkummaafi aadaa waliin jireenyaa hawaasa cimsuu, biyya nagaanfi badhaatu uumu keessatti gahee olaanaa qabaa waan ta’eef hirmaattoonnis ambaasaadaraa nageenyaa ta’uun taphichi milkiin akka xumuramuuf tumsuu qabduu jedhan.
Ministir De’eetaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Makiyyuu Mohammadis ispoortiin misoomaafi nageenya fiduu keessatti shoora olaanaa qabaachuu himaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Amboo Obbo Haacaaluu Gammachuu ispoortiin bakka aadaafi safuun hawaasaa itti beeksifamu ta’uu himanii; hawaasa nageenya magaalaasaa tifakatee jijjirama sadarkaa biyyaatti jiru milkeessaa jirudhaa jedhan.
Hogganaa Ittaanaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Dassaalany Xilaahun gamasaaniin kaayyoon ispoortii kanaa ijoon fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuun dargaggoota eegere biyyaa bakka bu’an omishuuf ta’uu himuusaanii Kominikeeshinii Shawaa Lixaarraa odeeffanne.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017