Sammuun kalaqaan badhaadhe biyya badhaasa

Adaamaa: Dargaggoo waggaa 18fi barataa kutaa 9ffaa kan ta’e Hambisaa Bashii Mahaammad Jiraataa Godina Harargee Lixaa, Magaalaa Galamsooti. Umriisaa xiqqaa kanatti konkolaataa teeslaa saayibar jedhamtu kalaqe qabatee agarsiisa tibbana Magaalaa Adaamaatti qophaa’erratti argameera. Konkolaataa bu’aa sammuusaa ta’e kanarratti maqaa “Galamsoo Siitii” jedhu maxxanseera.

Konkolaataa kana hojjechuuf meeshaaledhuma naannawaa fayyadamuu kan nutti himee Hambisaan, kanas haftee baajaajii, doqdoqqeefi sibiilota adda addaarraa kan argate ta’uu eereera. Kana hojjechuuf kan isa kakaase ammoo sharafa alaa argamsiisuuf ta’uu ni ibsa.

Konkolaaticha hojjechuuf qarshii kuma 290 baasii gochuu kan eere Dargaggoo Hambisaan; yoo gurgurame ammoo hanga qarshii kuma 600 akka baasu dubbata. Konkolaatichi konkolaachisaa malee namoota shaniifi fe’iisa kuntaala shan baachuu akka danda’u eereera.

Konkolaatichi yeroof boba’aa kan fayyadamu ta’uufi oggaa meeshaaleen mijaa’aniif garuu gara elektirikiitti deebisuuf karoora akka qabullee Hambisaan ni ibsa. Konkolaatichi sa’aatiitti kiiloo meetira 70 hanga 80tti kan imalu ta’uufi mirgi abbaa kalaqummaa adeemsarra jira jedheera.

Yeroo ittaanutti konkolaattota xixiqqoo hanga guguddoo hojjechuufi rakkoo gama kanaan biyya keessa jiru hir’isuun karoorasaa ta’uu eeree; adeemsa keessa ammoo biyyoota ollaatii hanga biyyoota kaaniitti erguun maniisaa egeree ta’uu dubbateera.

Agarsiisa mooraa Kolleejii Poolii Teknikii Adaamaatti adeemsifamaa turee Kamisa darbe goolabamerratti dargaggoonni hedduun godinaalee Oromiyaarraa baba’an bu’aa sammuusaasaanii qabatanii kan dhiyaatan yoo ta’u, mariin paanaaliifi sirni badhaasaas gaggeeffameera.

Sirnoota kanneenirratti kan argaman Ministir De’eetaan Ministeera Hojiifi Ogummaa Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, akka biyyaatti hiyyummaa keesssaa bahuuf hojiin kalaqaafi teknoloji dhimmoota adda durummaadhaan eeramaniidha.

Kanaafuu dargaggoonni kanarratti kennaa qaban damichatti makamuu qabu. Hanguma kun ta’u biyyis kalaqa barbaaddu argatti. Namoota dandeettii waa kalaquu qaban jajjabeessuun nibarbaachisa jedhan.

Oromiyaan lammii dandeettii waa kalaquu qabu baay’inaan horachuuf tattaaffii cimaa taasisaa jiraachuu kan eeran ammoo Hogganaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Naannichaa Injiinar Garbaa Eebbaati.

Bu’aan teknolojiifi kalaqaa baay’een agarsiisicharratti kan dhiyaatan yoo ta’u, kilaastaroonni 22 dorgomuun kanneen 1ffaa hanga 3ffaa bahaniif badhaasni waancaa, waraqaa ragaafi meedaaliyaa kennameera.

Bu’aa waliigalaatiin tokkoffaa bahee meedaaliyaawwan 22 kan walittiqabate Kilaastara Adaamaa yoo ta’u, Kilaastaroonni Sabbataafi Qananiisaa Baqqalaa 2ffaafi 3ffaa bahaniiru.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You