Mootummaan hudhaalee gama damee albuudaan mul’atan hiikuun guddina dinagdee biyyaaf oolchuuf xiyyeeffannaan hojjachaa jiraachuun ibsame

Finfinnee: Mootummaan Naannoo Oromiyaa hudhaalee damee albuudaarratti mul’ata hiikuun guddina diinagdee biyyaaf oolchuuf xiyyeeffannaan hojjachaa jira jedhan Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaatti Qindeessan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaa.

Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa hudhaalee seektara albuudaa hiikuun bu’aqabeessummaasaa guddisuuf riifoormiifi karoora tarsiimawaa waggoota sadii qopheesserratti guyyaa har’aa qooda fudhattoota waliin mari’ateera.

Hogganaan Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa Oromiyaa Doktor Namarraa Gabayyoo barreeffama marii wayita dhiyeessanitti akka jedhanitti Misoomni Albuudaa guddina dinagdee naannoofi biyyaa keessatti gahee guddaa kan qabu ta’us, xiyyeeffannaan kennamaafii waan hin turreef rakkoolee garaagaraatiif saaxilamuun bu’aan irraa argamuu qabu argamaa hin turre jedhan.

Abbaan Taayitichaa yeroo ammaa xiyyeeffannaa kennuun hudhaalee sektaricha sakaaluun bu’aa dhabsiisan adda baasuun damee kana bu’a qabeessa taasisuuf riifoormiifi Karoora Tarsiimawaa kana qopheessuun barbaachise jedhan.

Akka Dr.Namarraan jedhanitti Rifoormiin kun kan barbaachiseef sektara albuudaa keessatti hanqinoota akka beekumsaafi laafina humna raawwachiisummaa, sektaricha keessatti ragaan qulqulluufi qindaawwan dhabamuu, Seeraafi sirni hordoffìifi to’annoo laafaa ta’uufi waldubbisuu dhibuu, Sirni kenna hayyamaa laafaa ta’uufi modelli hojii misooma albuudaa dadhabaa ta’uu, bu’uraaleen misoomaa barbaachisan guutamuu dhabuufi walitti hidhaminsi gabaa dhibuuniifi dameen kun tekinooloojiifi meshalee ammayyaan deggeramuu dhabuun hudhaa waan turaniif furmaata kennuufi.

Harcaatii misoomaa hawaasaafi rakkoo nageenyaafi rakkoo haala kunuunsa naannoofi dhiibbaa hawaasummaan walqabatanii hudhaa ta’an hiikuun bu’a qabeessummaa sektara kanaa guddisuus kaayyeffata jedhan.

Beekumsaafi Dandeettii Raawwachiisummaa Fooyyessuu, qabeenya albuudaa maappessuufi Zoonii dinagdee Albuudaa qindaawaa uumuu, Sirna seeraafi Hojimaata To’annoo Ammayya’aafi Bu’a qabeessa ta’e sektarichaaf diriirsuu, Kenna Tajaajila Hammayyaafi moodela hojii albuudaa ammayya’aafi bu’a qabeessa ta’e diriirsuu, Itti fayyadama tekinooloojiifi Makaanaayizeeshiinii Misooma Albuudaa cimsuu, Gaheefi hirmaannaa Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa damicha keessatti cimsuufi Misooma hawaasaafi Eegumsa Naannoo cimsuun utubaawwan rifoormichaa ta’uus Dr. Namarraan barreeffama dhiyeessaniin ibsaniiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Itti Aanaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessan Kilaastara Misooma Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaa, waltajjicharratti kallattii hojii kennaniin, qabeenyi albuudaa Naannoo Oromiyaa karaa beekumsaafi dandeerratti hundaa’eefi Sirnaan beekameefi hogganamaa waan hin turreef bu’aa irraa eegamu argamsiisaa hin turre jedhan.

Kanaaf, Mootummaan jijjiiramaa as utubaawwan misoomaa guddina dinagdeef murteessoo ta’an xiyyeeffannaa kenneefii irratti hojjechaa jiru keessaa Dameen albuudaa tokko ta’uu kaasaniiru.

Kunis, galmoota Mootummaan gama carraa hojii uumuu, Alergee guddisuu, sharafa alaa argamsiisuu, oomisha alaa galan hambisuuf qabatee hojjechaa jiru milkeessuu keessatti gahee guddaa waan qabuufi jedhan. Galtee oomishaafi oomishtummaa qonnaa guddisan hedduunis damee kanarraa waan argamuufi jedhaniiru.

Rifoormiifi Tarsiimoo hudhaalee damee kanaa hiikuun bu’a qabeessummaasa aguddisuuf qophaa’e kana hojiitti hiikuu keessattis Sona dabaluu, lafa deebisanii misoomsuu, hojimaata iftoomina qabuun hojjechuu, dargaggootaaf carraa hojii bal’inaan akka uumu taasisuu, teekinooloojiin deggeruu akkasumas karaa galii guddisuu naannichaa guddisurratti iyyeeffannaan kennamuu qabas jedhan.

Hojichi beekumsaafi tekinooloojii guddaa gaafata, gaheeniifi hirmaannaan ummataas baayyee cimuu akka qabullee Obbo Addisuun hubachiisaniiru. Rifoormiifi Karoora kana milkeessuuf karaa qindoomina qabuun hojjechuun murteessaadhas jedhaniiru.

Hirmaattonni waltajjichaas riifoormiin kun yeroosaa kan eeggate ta’uu kaasanii, milkaa’inasaaf gaheesaanii kan bahatan ta’uu dubbachuu Kallacha Oromiyaarraa odeeffanneerra.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You