
Afaan, aadaafi dhuudhaan ummatoota Itoophiyaa akka dagaaganiifi guddatanii dhalootatti darbaniif akkasumas qo’atamaniifi sanadeeffamaniif mootummaan yeroo kamuurra xiyyeeffannaan hojjechaa jira. Afaan hawaasaa eeguufi kunuunsuun, beekumsawwan hawaasummaafi aadaasaa karaa waajjira dhimma kana ergamasaa taasifatee (Ministeera Aadaafi Ispoortii) waan guddaa hojjetaa jira.
Tibbanumallee qajeelfamawwaniifi mirgoota heeraan tumamanirratti hundaa’uun aadaafi afaan misoomsuuf imaammata afaanii mootummaa jijjiiramaatiin qophaa’e hojiirra oolchuuf mataduree, “Misooma afdaneessa waliigaltee walootiif jedhuun waltajjiin marii dhimmamtoota hirmaachise adeemsifameera. Aadaa sabootaafi sablammoota Itoophiyaa dhalootaa dhalootatti dabarsuufi seenessa waloo dhugoomsuudhaan obbulummaa caalaatti cimsuuf misoomuun afaanii bu’uura.
Kanaanis afaanota paartiin biyya bulchaa jiru (Badhaadhinni) kanaan afaan hojii taasifate shanan afaan hojii mootummaa federaalaa gochuuf tattaaffii taasifamaa jiruun roodmaappiin kitaabota afaanota kanneen barachuuf gargaaran; qajeelfamni naamusa ittifayyadama afaanii miidiyaa, tarsiimoon afaan mallattoofi ga’umsa turjumaanummaa qophaa’uunsaanii akka milkaa’inaa guddaatti eeramu.
Imaammanni afaan saboota, sablamootaafi ummatoota biyya keenyaa misoomsuufi guddisuuf qophaa’e guddinaafi misooma afaanotaatiif kallattii kan kaa’u waan ta’eef sanadoonni, tarsiimoowwaniifi qajeelfamoonni hojichi ittiin raawwatamu qopheessuunis barbaachisaadha.
Imaammata afaanii hojiitti jijjiiruudhaan misooma afaanii si’eessuuf qophaa’uun kitaaba roodmaappii qo’annoofi hiikaa akkasumas babal’isa misooma afaanota shananii milkaa’ina guddaadha. Afaanota saboota Itoophiyaa qo’achuun, misoomsuufi beeksisuufi dhalootattti karaa haqaqabeessa ta’een dabarsuuf qabatamaan hojjetamaa jiraachuusaatiif ragaadha.
Kanaan dura haalatti miidiyaaleen afaanitti fayyadamanirrattis waan qajeelfamni hinturreef miidiyaaleen Itoophiyaa wajjummaafi waldanda’anuu sabootaatiif akkasumas gama sabdaneessummaa lafa qabsiisuutiin waan qaawwi jiruuf qajeelfama qaawwa kana sirreessu qopheessanii hojiirra oolchuuun daran barbaachisaadha.
Akkuma Gorsaan Ministeera Aadaafi Ispoortii Obbo Tsaggaayee Maammoo, keessumaa miidiyaaleen dagaaguu sabdaneessummaa biyyaalessaafi seenessa walootiif qoodasaanii bahachuu qabu jechuun ibsan qajeelfama ittifayyadama afaanii hordofaniifi kabajanii hojjechuun murteessaadha.
Roodmaappii afaanota shanii bakka tokkotti qophaa’e dijitaalessuun afaanota kanneen salphumatti barachuun fayyadamuun nidanda’ama. Akeeknisaas namuu afaanuma beekuun afaanota kaan akka baratuuf kan gargaaruufi gama biyyaalessummaa guddisuufi beeksisuutiinis gumaacha olaanaa qabaata.
Bara 2012 kan ragga’e imaammanni afaanii Afaan Oromoo, Af Somaalee, Af Affaariifi Tigriffatti hiikamee naannoleef kan raabsame yoo ta’u, kunis afaanonni kunniin akka afaan hojii federaalaa ta’aniif haala mijataa kan uumuudha; tattaaffii hojiirra oolmaasaatif taasifamus kan si’eessuudha. Akkasumas waliigaltee waloo daran cimsuuf kan gargaaruudha.
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017