
Finfinnee: Roobii darbe waaree booda gareen gaazexeessitootaafi kominikeeshinii dhaabbilee miidiyaa mootummaafi dhuunfaa keessaa babahe bakka sadarkaa kenna tajaajilaa biyya keenyaa ol kaasu, Giddugala Tajaajila Iddoo Tokkoo, Masoob kan Finfinnee, naannawa Impeeriyaal jedhamee waamamutti qophaa’e daaw’ateera.
Bakkichi seensumasaarraa kaasee haala daran mijataa ta’een kan miidhagfamee kan hojjetame yoo ta’u, balbalarratti kan nama simatu meeshaa mana keessaa saboota Itoophiyaaa baay’ee biratti beekamuu, Masoobiidha.
Masoobichi akkuma maadddii guutamaa akaakuu nyaatawwan adda addaatiin badhaadhee tajaajilawwan 41 waajjiraaleen mootummaa federaalaa 12 kennaniin kan guutameedha. Hojjettoonni giddugalichaas uffannaa adii walfakkaatuun miidhaganii iddicha miidhagasuun fuula ifaadhaan abbaa dhimmaa simatanii keessummeessaa jiru.
Anis garee daaw’attoota keessaa tokko ta’us kanuma maddiitti dirqama ogummaa bahachuuf waraabduu sagalee qabadhee abbaa dhimmaa barcuma mijataafi qulqulluurra taa’anii dhimmasaanii raawwafachaa jiran tokkotti miirasaanii hubachuuf itti gore.
Isaanis Dabbabaa Gabramasqal jedhamu, jiraataa Kutaa Magaalaa Boolee, Aanaa 14ti. Obbo Dabbabaan bakka bu’ummaa kennuufi waliigaltee liqii raawwachuuf giddugalichatti argaman.
“Hojjettoonni asitti argaman tajaajila daran namatti tolu, qindaa’aafi saffisaa kennaa jiru. Haala gaariifi fuula ifaadhaan nama keessummeessu. Odeeffannoowwan hundas sirriitti namatti himu. Hojjettoonni foddaawwan hundarratti argaman haalli itti tajaajila kennan quufsaadha, saffisaadha. Bakkichi bal’aa waan ta’eef daran mijataadha.
Yeroofi maallaqni tajaajila argachuuf duraan waajjiraalee iddoowwan adda addaatti faca’an argachuuf qisaasamaa ture asitti seenaa ta’eera. Tajaajilli kennamu kamuu tuttuqqii waraqaarraa bilisa. Haalli kaffaltii dijitaalawaadha. Waanti gara baankii deemamuufis hinjiru. Tajaajilli kennu kun haaluma kanaan babal’atee ittifufuu qaba” jedhan.
Lammiin Chaayinaa Lii jedhamaniifi dhimma daldalaan walqabatu raawwachiifachuuf bakkichatti argannes, “Bakki kun daran miidhaga. Kenni tajaajilaas baay’ee namatti tola. Biyya keenyatti dhaabbilee baay’een haaluma kanaan dijitaaleffamanii tajaajila kennu. Tajaajiltoonniifi tajaajilamtoonni hedduunis jiru; asitti akkasuma. Tajaajilawwan hunda bakka tokkotti haala kanaan argachuun koo yeroo naa qusateera. Iddoowwan adda addaa deemee hinrakkadhu. Asumatti karaa saffisaa ta’een tajaajila argachuu kootti daran gammadeera. Kun hir’ateeraa otoo sirratee jedhee waantin eeru hinjiru, hunduu guutamaafi mijataadha” jedhan.
Otoo hamilee guddaafi fuula ifaadhaan tajaajila kennaa jirtuu kan arganne Haanaan Taakkalaas, ogeettii mirkaneessaafi galmeessa sanadaati. Isheenis, “Tajaajila asitti kennamu akka ummanni sirriitti hubatuuf miidiyaan bal’inaan irratti hojjechuu qaba. Tajaajilawwan asitti Kennamaniif maaltu akka barbaachisu marsariitiirratti (online) waan gadilakkifameef abbootiin dhimmaa achirraa dubbisanii yoo dokimantiisaanii guuttatanii dhufan yeroofi maallaqasaanii caalaatti qusatu. Anis giddugala kana keessatti haala kanaan hojii jalqabuutti kootti daran gammadeera, anaafis seenaa guddaadha. Dhaabbanni koo tajaajila kanaaf na filachuusaatti nan galateeffadha. Ummata haala kanaan karaa salphaa ta’een tajaajiluun gammachuu addaa nama keessatti uuma. Bakka kana beellamniifi dabareen waan hinjirreef dafanii tajaajilamanii deemu. Tajaajilamtoonnis daran gammaduun nu eebbisaniifi galateeffatanii bahu” jetteetti.
Wiirtuu torbee darbe Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad eebbisan kanatti waajjiraaleen federaalaa 12 (Ministeerota Galiiwwaniifi Dhimma Alaa akkasumas Komishinii Investimantii, Baankii Daldalaa Itoophiyaa, Tajaajila Lammummaafi Immigireeshinii, Itiyoo Telekoomiifi kaan dabalatee) tajaajila akaakuuwwan 41 kennaa jiraachuufi hojmaaticha naannolee hundaafi bulchiinsota magaalaa lamaanitti jalqabsiisuuf leenjiin kennamee sochiitti seenamuu Ittigaafatamtuun Waajjira Ministira Muummeefi Ministirri Dhimmoota Kaabinee Aadde Alamtsahaay Phaawuloos daaw’annicharratti ibsaniiru.
Waajjiraaleen biroonis dhiyeenyatti tajaajilichatti kan makaman ta’uufi tajaajilchi teknolojii ogeessotuma biyya keessaatiin misoomeen waraqaarraa bilisa ta’eefi hojjettoonni bakkichatti tajaajilan of eeggannoodhaan waajjiraaleesaanii haadhoorraa filatamanii qormaata fudhachuun kanneen qabxii 90 ol galmeessisaniin akka kennamu Komishinarri Komishinii Siviil Sarvisii RFDI Doktar Makuriyaa Hayilee eeraniiru.
Dhimma kanarratti Doktar Abiyyi Ahimad ergaa ittaanu dabarsanii turan; “Gama tajaajila kennuutiin hojimaatilee lammiilee keenyarratti komee guddaa uuman sakatta’anii sirreessuun dhimma dursa kenninuufiidha. Kutannoo keenya kanaaf agarsiiftuu tokko kan ta’e Giddugala Tajaajila Bakka Tokkoo, Masoobiin eebbifneerra.
Waantota ijoo giddugala haaraa kana ibsan sadiitu jiru. Inni tokko gamoo moofaafi dulloomaa miidhagsanii ammayyeessuudhaan naannawa namatti tolu uumuudha. Lammaffaan tajaajiloota walitti hidhuufi qindeessuuf sooftiweerii biyyatti misoome hojiirra oolchuu yoo ta’u, inni kan biraan dargaggoonni ilaalcha haarawe qabatanii tajaajila gahaafi kabaja qabu kennuuf qophaa’an jiraachuunsaaniiti.
Dhaabbilee 12 bakka tokkotti tajaajiloota garagaraa 41 kennuu kan eegalan yoo ta’u, kunis lammiileen yeroosaanii qusatanii haala fooyyee qabuufi milkaa’een tajaajila akka argatan gargaara.
Sirnoota akkanaa gabbisuun rakkoo tajaajila quufsaa dhabuu lammiilee furuudhaan adeemsa keessa uummanni tajaajila kennamutti akka gammadu gumaacha guddaa qabaata. Eebbi har’a tarkaanfii guddaa jalqabuu keenya agarsiisa. Itoophiyaan giddugala kanatti dabaltee babal’isuudhaan lammiileeshee hundaaf kenna tajaajilaa fooyyee qabu mirkaneessuuf ni hojjetti” jedhun.
Charinnat Hundeessaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017