Manneen barnootaa miidhaman iddootti deebisuuf baasii qarshii biliyoona sadii ol gaafata

Finfinnee: Bara 2010 irraa eegalee sababa garagaan manneen barnootaa miidhaman iddootti deebisuuf baasii qarshii biliyoona sadiifi miliyoona miliyoona 683 akka gaafatu Biiroon Banrnoota Naannoo Beenishaangul Gumuzi beeksise. Waliigalaan manneen barnoota 380 irra miidhaan qaqqabuunis ibsameera.

Biiroo barnoota naannichaatti hogganaa ittaanaan sirna barnootaafi dhaabbilee barnootaa Obbo Mahaammad Usmaan Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, bara 2010 irraa eegalee manneen barnootaa sababoota gara garaatiin naannichatti miidhaman iddootti deebisuuf baasii qarshii biliyoona sadiifi miliyoona 683 gaafata.

Manneen barnootaa 140 gartokkee, 240 guutummaatti miidhaman waliigalaan manneen barnootaa 380 naannchaarra miidhaan qaqqabeera. Kunis barattootni kuma 112fi 945 barnoota irraa akka hafaniif sababa ta’us fala yeroo gabaabaa daasii, dunkaanafi mukeen gaaddisa qabu jalatti barachaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, biirichi rakkoolee hojii baruufi barsiisuu naannichaa sadarkaa sadarkaan furuun hojii baruufi barsiisuu akka hingufanneef hojii bal’aa hojjechaa jira. Sosochii hubannoo barnootaa bala’aa gaggeessuudhaan bara 2017tti bakattoota kuma 348 galmeessisuuf karoorame keessa barattoota kuma 327fi 167 (%90.2) manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa 625fi sadarakaa lammaaffaa 93tti baruu barsiisuun gaggeeffamaa jira.

Rakkoon qulqullina barnootaa cabiinsa barnootaa sababa ta’uu himanii; akka dhaabbata barnoota naannichaatti qulqullina barnaootaa mirkaneessuuf ogeeyyii barnoota olaanaa naannichaa qindeessuudhaan hojjetamaa jira. Hojii qulqullinaa barnootaa fooyyesuu hojjetaman keessaa leenjiin fooyyeessa ga’umsa barsiisaa kennameera. Dabalataanis, manneen barnootaa hundatti leenjiin dandeettii ogummaa barsiisotaa cimsuu kennameera. Bariisotni leenjii kana fudhatan barattootaaf titooriyaalii akka kennan taasifaamaa jira jedhaniiru.

Akka haala qabatamaa nnaannichaatti qormaati kutaa ja’affaa sadarkaa naannootti kennamuuf qophiirra jiraachuu himanii; tattaaffiin biirichi cabiinsa barnootaa hambisuuf taasisaa jiru barattoota qormaata sadarkaa biyyaalessaaf qopheessuuf gumaachaa olaanaa qaba. Kutaa saddeettaffaafi 12ffaa haaluma walfakkaatuun qophii taasifamaa akka jiru ibsaniiru.

Kana milkeessuuf kallattii xiyyeeffannoon ittikennamuudhaan hojjetamaa jiran keessa manneen banootaa qormaati biyyaalessaa ittikennamu hundaatti barnoota idileen kennamu biratti barnoota dabalataa kennamaa jira. Akka waliigalaatti kufaatii barataa xiqqeessuuf hawaasa, abbootii qabeenyaa hirnaachisuudhaan manneen barnootaa sababa gara garaan miidhaman iddootti deebisuuf hojjetamaa jira. Qisaasa’uu barnootaa xiqqeessuuf qooda fudhattoota waliin hojjechuu, sagantaa barnoota dabalataa akka ittifufan taasisuu kallattiiwwan xiyyeeffannoo biirichaa raawwtamaa jiraniidha jedhaniiru.

Xiyyeeffannoo sadaffaan meshaalee barnoota kanneen akka kitaabileefi meeshaalee teknolojii kompiitaraa guutuu akkasumas, istaandaardii manneen barnootaa eegsisuun kallattii xiyyeeffannoo bal’inaan biirichaan hojjetamaa jiran keesaa akka fakkaeenyaatti kaasaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017      

Recommended For You