“Maaltu addaan nubaasee… Artisti Alii Birraa sirbe sabdaneessummaa kan leellisuudha” – Obbo Mahaammad Ahmad Qophee

Finfinnee: Sirbi Artisti Alii Birraa bara 1965 maaltu addaan nubaase… jechuun sirbe sabdaneessummaa fala ta’uu ibsuuf akka ta’e gorsaan pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktarri Kabajaa Mahaamad Ahmad Qophee beeksisan. Waltajjiin marii Gumii Balal marsaa 42ffaan mataduree “Artii ijaarsa biyya sabdaneessaaf” jedhuun kaleessa gaggeeffameera.

Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Mootumma Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaa haasaa waltajjicharratti wareegama artistootaafi qabsaa’otaan kaffalameen biyyi sabdaneessummaan ijaaramaa jirti. Artiin kaleessa yaadachiisee dhugaa har’aa mul’isee egeree ijaara. Artiin akka itti dubbatamu, ittiyaadamu dhaloota hubachiisuudhaan biyya sabdaneessa ijaaruuf ga’een artistootaafi artii olaanaa jechuun ibsaniiru.

Obbo Mahaammad Ahmadis barbaachisummaa artiifi artistootaa ijaarsa biyya sabdaneessaa keessatti ibsuuf hojii artii Artisti Alii Birraa akka fakkeenyaatti kaasuun ibsaniiru.

Artisti Alii Birraa sirba bara 1965 “Maaltu addaan nubaase” jedhee sirbe hiikaansaa sabdaneessummaa mul’isa. Artistootni biroonis haaluma walfakkatuun quuqama hasaasaa keessa jiru yeroo roorroo akka ummatni dammaqee qabsaa’u taasisaa turaniiru. Bu’aan ergaa artiidhaan darbaa dhufe haaressa aadaa har’a gaggeeffamaa jiruuf gumaachi artiifi artistootaa olaanaadha.

Akka isaan jedhanitti, artiin qalbii namaa seenee dafee sirreessa, ummata walbarsiisa, meeshaa jaalalaafi waliin jireenyaati, jaalala hojiifi biyyaa dhaloota hubachiisa, gorsee qajeelchee daandii sirrii akka qabatan taasisuun sabdaneessummaa ijaaruu keessatti shoora olaanaa qaba.

Biyyi ijaaramaa jirtu kan dhaloota olguddachaa jiruu ta’uu himanii; ilaalcha qeenxee dhiisuun kan sabdaneessummaa dhaloota keessatti dagaagsuuf artistootaafi artii Oromoof haala mijaa’aan uumamuu qaba. Qaamoleen dhimmichi ilaallatus akka dhimma lammaaffaatti ilaaluu hinqaban jedhaniiru.

Yuunivarsitii Jimmaatti barsiiftuufi qorattuun hojii dhimmoota artiiwwan garagaraa Aadde Lubaabaa Jamaal Waraqaa ka’umsa mariif ta’u dhiyeessaaniin barbaachisummaan artiin ijaarsa biyya sabdaneessaa keessatti qaburratti xiyyeffechuun ibsa bal’aa kennaniiru.

Ibsasaanii keessattis akkaataa itti hayyuun ogbarruu beekamaan Looreet Tsaggaayee Gabramadin yaadasaa ibse fakkeenya godhachuudhaan barbaachisummaa artiin hawaasa irraa hawaasaaf akka ta’e kan agarsiisudha jedhan.

Galmi Abbaa Gadaa Magaalaa Adaamaatti argamus sirba Artisti Alii Birraa, “Karaan mana abbaa Gadaa eessaa dhaqeen galmasaa jajjabeessaa” jedhurraa ka’ee ijaaramuu kaasaniiru.

Sirbichi yeroosaatti sirbamuu qofa utuu hintaane galmi Abbaa Gadaa ijaaramee akka hinjirreefi ijaaramuu akka qabu ergaa guddaa kan dabarseedha. Kanaaf, artiin meeshaa hawaasa ittiin ijaaraniidha jechuun ibsaniiru. Haala qabatamaa amma jiruunis ijaarsa biyyaa sabdaneessa keessatti artiin daran barbaachisaa ta’uu bal’inaa kaasaniiru.

Waltajjicha Waajjira Pirezidaantii Mootumma  Naannoo Oromiyaafi Biiroo Kominkeeshinii Oromiyaatu qopheesse.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You