
Dizaayinaronni lakkuu Kooliitiifi Kooliin Maatiyoos dhalatanii kan guddatan Godina Wallagga Lixaa, Magaalaa Najjootti yoo ta’u, barnootasaaniis hanga kuttaa 10ffaatti bakkuma dhalootasaaniitti baratan. Boodarra waan maatiinsaanii Kutaa Magaalaa Buraayyuu (Magaalaa Shaggar) dhufaniif hanga kutaa 12ffaatti baratan.
Maatiisaaniif ijoollee lammaffaa kan ta’an lakkuuwwan kunneen ijoollummaasaaniiti doktara yookaan gaazexeessitoota ta’uu hawwaa turanillee ogummaan dizaayinarummaa maatiirraa dhaalan gara sanatti akka deeman isaan taasisuudha gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa waliin taasisaniin kan ibsan.
Abbaansaanii ijoollummaasaaniirraa eegalee uffaya dizaayinoota addaddaa kan hodhan yoo ta’u, haatisaaniis ogummaadhuma walfakkaatu keessa jiru. Obboleessisaanii hangaftis dizaayinara yoo ta’u, lakkuuwwan kunniinis ogummaa maatiirraa dhaalan caalchifatanii yeroo ammaa Kutaa Magaalaa Buraayyuutti Mana Uffata Aadaa ‘Koli Twins Design’ jedhamu bananii hojjechaa jiru. Akkasumas mana barnootaa leenjii dizaayinarummaa itti kennan banatanii namoota fedhii dizaayinarummaa qaban 30 barsiisaa jiru.
Kooliitiifi Kooliin daa’imummaasaaniirraa kaasee fedhiinsaanii tokko ta’uun yaadota hedduurratti dafanii waan waliigalaniif dafanii lafa yaadasaanii ga’uuf isaan gargaaruu himanii, yeroo baay’ee waan isheen tokko yaaddee akkasiin yaadee ture, jettu isheen tokkos anillee isan yaadee tureem jechuun dafanii akka yaada walii fudhatan ibsu.
Yommuu baratan barattoota sadarkaa gidduugaleessaarra kan turan yoo ta’u, ijoollee amala xiqqoo jeequu qaban akka turaniidha kolfaa haala yeroo daa’imumaasaanii yaadachaa kan nuu qoodan. Oggaa mudannoosaanii nuu qoodanis keessumaa abbaansaanii lamaansaanii gargar baasuuf akka rakkatan eeranii, yeroo tokko tokko erga ishee tokko ergee, yeroo isheen tokko dhuftu akkam goote jedhanii akka gaafataniin dubbatu. Akkoonsaaniis guyyaa tokko balleessaa Kooliitiin, Kooliin reebuusaaniillee nidubbatu.
Lakkuuwwan kunniin hawaasa keessattilllee akka addaatti ilaalamuun kunuunsaafi jaalalaan guddachuu himanii, yeroo baay’ee namni adda isaan baasuuf kan rakkatu ta’us hiriyyoonniifi firoottansaanii addaddummaa danaa ilkaaniisaaniitii akka fayyadaman eeru.
Haala kanaan fedhiifi yaada walfakkaataan kan guddatan lakkuuwwan kunneen waggaa lama dura muuxannoo maatiirraa argatan bu’uura godhachuun koorsii gabaabaadhaan barnoota ‘Fashion design’ barachuun mana uffatawwan aadaafi ammayyaa mimmiidhagoo yeroo kamuu uffataman qopheessuun maamilootaaf dhiheessaa jiraachuu dubbatu.
Hojii idileesaanii cinaattis akaakuu barnootaa ‘Business Management’dhaan digrii barachaa kan jiran yoo ta’u, kunis fuulduratti hojiisaanii barnootaan deggaruuf kanisaan gargaaru ta’uu eeru. Kunis indastirii faashinii ammaan tana damee biznasii addunyaarratti beekamaa waan dhufeef kan isaan gargaaru ta’uus ibsaniiru.
Yeroo ammaa isaan lamaan dabalatee namoota 11f carraa hojii uuumuus eeranii; dameen hojii kun yeroo ammaa baramaa dhufuusaatiin walqabate fedhiin jirus dabalaa jiraachuu ibsu. Hanqinni dhiheessii omisha uffataa, calleefi galteewwan kaanirratti mul’atu garuu fedhii kana guutuurratti hudhaa ittita’uus nidubbatu.
Gatiin meeshaalee indastirichaaf oolaniis waan dabaleef yommuu gabaaf dhiheessen humna bitachuu namootaa waliin kan walhinmadaalle ta’uun fuulduraafillee yaaddoo ittita’uu eeru.
Yeroo baay’ee namoonni maqaadhumasaarraa ka’anii dizaayiniin faashinii wantoota ammayyaawoorratti qofa kan xiyyeefate taasisanii akka yaadan kan himan Kooliitiifi Kooliin, hojichi garuu aadaan osoo safuufi sirnasaa gadihindhiisiin haala uffannaaf ykn qabannaaf mijatuun hojjechuu ta’uu dubbatu.
Hojiisaanii keessattis uffatawwaniifi faayawwan achii dhuftee (Originality) isaanii eeganii gabaaf dhihaatanis jiraachuu eeranii, yommuu oriijinaala dhiheessaniis huffanni tokko akkamiin akka hojjetamu, maal qabaachuu akka qabu, dubarriifi dubartiin dargaggeessiifi suubboon akkamitti akka uffatanfaan sirriitti gaafatanii qorachuun akka hojjetan himu. Wayita ammaa haala yeroon gaafatuun fedhii namootaa giddugaleessa taasifachuun kan ammayyaas ittidabalanii hojjechuu baannaan dorgomaa ta’uun hindanda’amu jedhu.
Hojii hojjetanirratti maamiloonni yeroo baay’ee gammadanii isaan galateeffachaa akka bitataniifi fudhatan himanii, akkuma eerame garuu hanqinni dhiheessiifi qaala’inni gatii akka isaan barbaadanitti dhiheessuufiirratti danqaa ittita’uu dubbatu.
Barattoota leenjisaa jiraniin walqabatees waan dhiheenyatti hojiitti seenaniif wantooti ittiin barsiisan baay’ina barattootasaanii waliin deemaafi akka hinjirre himanii, akka fakkeenyaatti maashinoota uffata hodhaniin 10 akka qaban dubbatu.
Barattoonnis lama ta’anii maashinii tokkotti akka fayyadaman gochuu hojiisaanii akka barbaadanitti akka hinadeemsifneef danqaa itti ta’uusaatiin keessumaa gama mootummaatiin deggarsi akka taasifamuuf gaafatu.
Lakkuuwwan kanneen argannee kan dubbisne baniinsa Agarsiisa Daldalaafi Konfiransii Gabaa Waliinii Dubartoota Hojii Uumtoota Afrikaa Bahaafi Lixaa 6ffaa (COMFWB) Roobii darbee eegalee hanga kaleessaatti adeemsifamerratti yoo ta’u, carraa kanas kan argatan hojii isaan hojjetan miidiyaa hawaasummaarratti arguun Waldaan Dubartoota Daldaltootaa Itoophiyaa affeerraa taasiseefiin ta’uu himaniiru.
Kanaan duras Maadagaaskaaritti hojiileesaanii dhiheessuu nidubbatu. Fuuldurattis Chaayinaafi Raashiyaafa’itti akka dhiheessaniif waldichi carraa kennuufii ni eeru.
Carraan akkanaa uumamuun aadaa Oromoo sadarkaa idiladdunyaatti beeksisuuf waltajjii gaarii ta’uu ibsanii, kunis walitti hidhamiinsa gabaa uummachuuf, muuxannoo waljijjiiruuf, teknolojiifi fedhii jiru baruuf akka fayyadu dubbatu.
Akka waliigalaatti keessumaa shamarran fedhii keessasaanii jiru adda baafatanii biiznasitti seenuuf sodaachuu akka hinqabne eeranii, yeroo baay’ee qarshii hinqabu jedhanii duubatti jechuurra carraawwan liqii mootumaan mijeesse fa’ittis fayyadamuun mul’atasaani akka milkeeffatan gorsu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017