
Finfinnee: Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaatti ijaarsi pirojektii daandii asfaaltii Gincii-Kaachisii- Culuxee Aanaalee Abuunaa Gindabaratiifi Gindabarat walqunnamsiisu addaan cituufi daandichi suphamuu dhabuun rakkoolee hawaas dinagdee guddaa qaqqabsiisaa jiraachuu dubbatu jiraattonniifi bulchitoonni aanaaleefi godinichaa.
Jiraataan Aanaa Abuunaa Gindabarat Obbo Abbushee Filaattee Gaazexaa Bariisaatti akka himanitti, rakkoon daandii Aanaa Gindabatiifi Aanaa Abuunaa Gindabarat walquunnamsiisu waggoota dheeraa lakkoofsiseera. Ijaarsi pirojektii daandii asfaaltii Gincii kaasee Jalduufi Aanaa Abuunaa Gindabarat keessa qaxxaamuree hanga Aanaa Gindabarati, Culuxeetti geessu lootii lamaan adeemsifanaa ture addaan cituufi kan lootii lammaffaa ammayyuu addaan citee jiraachuu himu.
Lootii tokkoffaan Gincii kaasee Jalduu keessa darbee hanga Shukuteetti; lootii lammaffaan ammoo Shukutee hanga Culuxeetti kan jiru ta’uu dubbatu. Ijaarsi lootii lammaffaa erga adda citee tureera jedhu.
Daandiin kun bara darbe suphamee turuufi yeroo ammaa utuu roobni hinhammaatiin suphamuu baannaan sochii hawaas dinagdee aanaalee lamaaniirratti dhiibbaa guddaa kan qabu ta’uu himu.
Sababa rakkoo daandii kanaan konkolaataan midhaan fe’ee daandicharra bulaa, dhukkubsataafi deessuun riifarii ta’an daandiirratti lubbuusaanii dhabaa turuufi barattoonni baay’een barnootasaanii addaan kutuuf dirqamaa turuu eeranii, pirojektiin ijaarsa daandii asfaaltii bara 2009 jalqabame hanga ammaatti utuu hinxumuramin hafuu himu.
Ijaarsa daandichaa lootii lammaffaa ittifufsiisuuf caalbaasii barana bahe kontiraaktarri kanaan dura ijaarsa daandichaa addaan kutee ture irra deebiin dorgomee mo’achuunsaa sirrii akka hintaane erga bira gahamee booda caalbaasiin yeroo sadaffaaf ba’ee qilleensarra jiraachuus eeraniiru.
Daandiin kun hanga gara asfaaltiitti jijjiiramutti suphamuu baannaan ganna as adeemu kana rakkoo hamaa qaqqabsiisuu danda’a kan jedhan Obbo Abbusheen, daandichi lolaadhaaf saaxilamaa waan ta’eef mootummaan utuu ganni hinseenin daandicha dafee akka suphu gaafataniiru.
Sababa rakkoo daandii kanaan ummanni konkolaataadhaan fageenya kiiloomeetira 90 hanga 110tti imaluuf qarshii 500 hanga 700tti kaffalaa jiraachuu himanii, rakkoon daandii kun balaa tiraafiikiitiifis sababa ta’uun lubbuu namoota baay’ee galaafachaa jiraachuu dubbatu.
Mootummaan rakkoo daandiifi geejjibaa waggoota dheeraa lakkoofsise kana dafee akka furuuf kan gaafatan Obbo Abbusheen, ummanni aanaalee lamaanii Finfinneerraa fageenya kiiloo meetira 200 hincaallerratti utuu argamnuu rakkoo daandiifi geejjibaa hamaaf saaxilamuu dubbatu.
Aanaaleen lamaan omishaalee midhaanota dibataafi nyaataa, foon, damma, dhadhaafi albuuda warqiifi dhagaa gurraacha qabanii rakkoo daandii asfaaltiif saaxilamuun sirrii akka hintaane himanii, rakkoon daandii kun miidiyaa gara garaatiin yeroo adda addaatti gabaafamaa turuus eeraniiru. (Bariisaanis dhimma kanarratti baatii Fulbaanaa barana 2016 gabaasuunsaa ni yaadatama).
Bulchaa Aanaa Abuunaa Gindabarat Obbo Asfaawu Dheeressaa akka jedhanitti, ijaarsi pirojektii daandii asfaaltii Gincii kaasee Aanaa Abuunaa Gibdabaratiifi Aanaa Gindabarat walquunnamsiisu lootii lamaan hojjetamaa ture. Ijaarsi daandii Gincii kaasee hanga Shukuteetti jiru lootii tokkoffaa, Shukutee hanga Culuxeetti jiru ammoo lootii lammaffaadha. Ijaarsi daandii lootii lammaffaas kontiraaktara Gamshuu Bayyanaatiin hojjetamaa ture sababa rakkoo nageenyaatiin addaan cituu dubbatu.
Ijaarsa daandichaa Waxabajjii bara 2015 addaan kan kute ta’uu himanii, mootummaan barana hojii ijaarsa daandichaa ittifufsiisuuf caalbaasii baasee qilleensarra oolcheera. Bulchiinsi Daandiiwwan Itooohiyaa ammoo hanga daandichi ijaaramutti utuu ganni hinseeniin daandicha suphuuf ogeessotasaa ergee ilaachisuu ibsaniiru.
Daandichi utuu waqtiin gannaa hinseenin suphamuu baannaan ummanni rakkoo hawaas dinagdee hamaaf kan saaxilamu ta’uu himanii, ijaarsa daandichaa dafanii ittifufsiisuufi suphuun dhimma xiyyeeffannaa olaanaa barbaadu ta’uus eeraniiru.
Daandichi dafee suphamuu baannaan omishaafi omishtummaa aanichaa gara gabaa giddugaleessaatti dhiyeessuu, dhukkubsataafi deessuu riifarii ta’u mana yaalaa geessanii lubbuusaanii baraaruun kan hindanda’amne ta’uu himanii, Bulchiinsi Daandiiwwan Itoophiyaas ijaarsaafi suphaa daandichaatiif xiyyeeffannaa kennee dafee komii ummataa akka deebisuuf gaafataniiru.
Bulchaa Godina Shawaa Lixaa Obbo Didhaa Guddataas akka jedhanitti, ijaarsi daandichaa lootiiwwan lamatti qoodamee kontiraaktara Gamshuu Bayyanaa jedhamuun hojjetamaa ture sababa rakkoo nageenyaatiin ittifufuu hindandeenye.
Ijaarsi daandii lootii tokkoffaa Gincii hanga Shukkuteetti jiru bara 2008 kan jalqabameefi addaan citee ture yeroo ammaa hojiin ijaarsa daandichaa ittifufuufi barana kan xumuramu ta’uu himanii, ijaarsi lootii lammaffaa Shukkutee hanga Shulluxeetti jiru bara 2012 jalqabamee ammoo sababa rakkoo nageenyaatiin addaan citeera. Bulchiinsi Daandiiwwan Itoophiyaa daandicha yeroo gara garaa suphus rakkoo hawaasa naannawichaa sadarkaa barbaadamuun furuu kan hindandeenye ta’uus himaniiru.
Bulchiinsi Daandiiwwan Itoophiyaa barana utuu ganni hinseenin daandicha suphuuf ogeessotasaa ergee kan ilaalchise ta’uu eeranii, bulchiinsichi rakkoo daandii kana bu’uurarra furuufhojii ijaarsa daandichaa akka ittifuruuf caalbaasii baasuu ibsaniiru.
Hojiin ijaarsa daandichaa sababa rakkoo nageenyaatiin addaan citee turuu himanii, hojiilee misoomaa kamuu hojjechuuf nageenyi murteessaa waan ta’eef hawaasa waliin ta’uun nageenya godinichaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ta’uus dubbataniiru. Daarektarri
Ittaanaan Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaa Injiinar Malkaa Baqqalaa akka jedhanitti, hojiin ijaarsa daandichaa lootiiwwan lamaan adeemsifamaa ture sababa rakkoo nageenyaatiin addaan cituunsaa ni yaadatama. Hojiin ijaarsa lootii tokkoffaa yeroo ammaa ittifufee adeemsifamaa jira.
Hojii ijaarsa daandichaa lootii lammaffaas ittifufsiusuuf caalbaasiin baheera. Utuu ganni itti hinseenin daandicha suphuuf ammoo ogeessa erganii ilaalchisuu eeraniiru.
Ijaarsa daandii lootii tokkoffaa kiiloomeetira 60 ta’uufi hojiin ijaarsaasaa addaan citee ture kontiraaktara hojjechaa ture waliin dubbachuudhaan hojiin ijaarsa daandichaa kan ittifufe ta’uu himanii, hojii ijasrsa daandii lootii lammaffaas ittifufsiisuuf caalbaasiin ba’ee qilleensarra jiraachuufi karoora hojii yeroo gabaabaatiin ammoo daandicha kan suphan ta’uus eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017