Hawwata turizimii jijjiirama hawaasaafi guddina biyyaaf abdatame

Workishooppiin ji’oo paarkiifi ji’oo tuuriizim kan biyyoota Afrikaa Bahaa 10 hirmaachise Caamsaa 4fi 5 Finfinneetti kan adeemsifamu ta’uu Ministirri Turizimii Aadde Salaamaawit Kaasaa ibsaniiru.

Bakkeewwan hawwata tuuriizimiin teessuma lafa bu’uureffatan kunneen sektara tuuriizimii keessatti yaada haaraa yommuu ta’u; biyyoota addunyaa 250 keessatti hojiirra ooleera. Ardiin Afrikaa garuu ji’oo paarkii lama qofaa waan qabduuf saffisaan itti adeemuu gaafata.

Ji’oo paarkiifi ji’oo tuuriizimiin eegumsa naannoofi jireenya hawaasaa jijjiiruu keessatti damee tuuriizimii filatamaa ta’aa dhufeera. Ittifufiinsaa hojiirra oolchuun madda galii guddina biyyaaf barbaachisu maddisiisuurratti hirmaannaan ummataa dhimma murteessaa ta’uus ibsaniiru.

Sektarri tuuriizimii industirii aara maleessa guddina dinagdee addunyaa keessatti daran filatamaa ta’aa dhufedha. Bara keessa jirru kanatti galiin damee tuuriizimiirraa argamu doolaara Ameerikaa tiriliyoona 11.1 akka dhaqqabu ragaan Dhaabbata Kaawunsilii Imalaafi Tuuriizimii Adddunyaarraa argame ni mul’isa.

Kallattii guddina dinagdee addunyaan wayita ilaalamus galii guddina dinagdee waliigalaa keessaa gara %9.1 ol kan gumaachudha. Sektarri kun sadarkaa addunyaatti namoota miliyoona 348 ta’aniif carraa hojii uumuu danda’eera.

ALAtti bara 2024tti biyyi tuuristoota harkisuun sadarkaa jalqabaarra jirtu biyya Faransaay. Barana namootni biyya Faransaay daawwatan miliyoona 89.4 yommuu ta’u tuuristoota miliyoona 83.7 n daawwatamuun ammoo biyyi Ispeen sadarkaa lammaffaa qabachuu dandeesseetti.

Ameerikaan tuuristoota miliyoona 79.3 dawwatamuun sadarkaa sadaffaa wayita qabattuu Chaayinaan tuuristoota miliyoona 65.7n sadarkaa afuraffaa qabachuu dandeesseetti. Biyyootni Xaaliyaanii, Turkii, Mekeskoo, Taayilaand, Garmaniifi Ingilizii duraa duubaan sadarkaa shanaffaa hanga 10ffaa qabachuu danda’aniiru.

Gama gumaacha guddina dinagdeetiin wayita ilaalamus, keessumaa guddina dinagdee Ameerikaa keessatti shoorrisaa a daran olaanaadha. Haaluma kanaan ALAtti galiin tuuriizimii guddina dinagdee Ameerikaa keessatti doolaara tiriliyoona 2.36 ta’uun galmaa’eera.

Haaluma walfakkaatuun bara eerame kanatti galiin tuuriizimii guddina dinagdee Chaayinaa keessatti doolaara Ameerikaa tiriliyoona 1.3 yoo, guddina dinagdee Jarmanii keessatti doolaara biliyoina 487.6 gumaacheera. Kana malees, guddina dinagdee Faransaay keessatti doolaara Ameerikaa 264.7 gumaachuu danda’eera. Gumaatni dameen tuuriizimii dinagdee biyyoota guddatanii keessatti taasisaa jiru kun baajeta waggaa biyyoota Afrikaa hedduu kan caaludha. Kanarraa wanti hubatamu sektarri tuuriizimii guddina dinagdee addunyaa keessatti shoora guddaa gumaachaa jiraachuusaati.

Biyyi keenya Itoophiyaan biyyoota qaroomina durii keessatti ramadamaniifi seenaa dheeraa waggoota 300 lakkoofsisan qabduudha. Bakkewwan hawwata tuuriizimii seenaqabeeyyii, uumamaafi namtolchee hedduu kan qabdu taatus akka biyyoota addunyaa biroo dame kanarraa faayidaa barbaadamu argachuu hindandeenye.

Biyyi kun yeroo dhiyoo as bakkewwan seena qabeeyyiifi hambaalee kiliyaa hawwata tuuriizimiif oolan hedduu galmee Dhaabbata Saayiinsii, Barnoofi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii “UNESCO” irratti galmeessuu dandeesseetti.

Haaluma kanaan ashaaraa qaroomina duriifi guddummaa Itoophiyaa kan calaqqisiisuu siidaan Aksum isa tokko yommuu ta’e qaroomina Aksum durii keessatti Itoophiyaan dooniifi maallaqa mataashee qabaachaa akka turte mul’isa.

Xaaliyaanonni qaroomina Itoophiyaa kanaan of moggaasuuf siidaa Aksum isa dheeraa keessaa filanii hanga dhiyeenya kana gara Itoophiyaatti deebi’utti akka hawwata tuuriizimiitti ittifayyadamaa turan. Qaropminni Aksum kun bara impaayera Roomaafi Pershiyaa (Iraan har’aa) kan daran dagaagee ture yommuu ta’u ammaan tana hambaa seenaa ta’ee ‘UNESCO’ irratti galmaa’eera.

Diina alaa qolachuuf akka ta’utti dallaa meetira 900 dheeratuun kan golgame Gamoon Faasil kan jaarraa 16ffaafi 17ffaa ijaarame bakkewwan hawwata tuuriizimii UNESCO irratti galmaa’an keessaa isa tokko.Gamoon Faasil bakka jireenya mootii Faasiliifi maatiisaa yommuu ta’u batakaanaa, gadaamii, manneen tajaajila hawaasaafi dhuunfaan.ijaaraman kanneen aadaa Arabootaafi Induun masakaman hedduu of keessaaa qaba.

Kufaatii mootummaa Aksum booda “Yerusaalem haaraa” jedhamuun dhagaa tokkorraa boocamuun jaarraa 12ffaa keessaa mootii Laallibalaan kan ijaaraman bataskaanni Laallibalaa ammaan tana bakka hawwata tuuriizimii filatamaadha. Akjuma Aksum waggaatti tuuristoota hedduun daawaatama.

Amantaa Isilaamaa keessatti akka addunyaattuu magaalaa ququllittii 4ffaa jedhamuun kan beekamu Gamoo Jogol kan Hararitti argamu bakkeewwan hawwata tuuriizimii Itoophiyaa addunyaatti beeksisan keessaa tokko.

Gamoon kun ummata mooraa Harar keessa jiraatu aggaamii alaarraa qolachuuf akkuma Gamoo Faasil dallaa dheeraan kan marfamedha. Masjiidota 82 mooraa kana keessatti argaman keessaa sadii kan ta’an jaarraa 10ffaa keessa ka ijaaraman yoo ta’u; hawaasa Musliimaa sadarkaa addunyaa hawwachuu keessatti gumaata olaanaa qaba.

Kallattii kibba biyyattiitti kan argamu dhageen Xiyyaa hambaalee seenaa guddinaafi qaroomina Itoophiyaa mul’isan keessaa tokko yommuu ta’u bobboca dhagaarratti waggoota hedduun dura kan qabudha.Bakkewwan qorannoo arkiyoloojiin argaman keessa tokko yoo ta’u; ammaan tana hambaa ta’ee UNESCO irratti galmaa’ee jira.

Hundaa ol, burqaa dhala namaa bakkaafi sadarkaa kamiiytuu kan ta’e Sululli Laga Awaash gara gadii seenaa Itoophiyaa keessatti bakka guddaa qaba. Argannoon dhala namaa jalqabaa “Luusii yookiin dinqinash” madda dhala namaa hundaa ta’uu kan dhugoomsedha.

Qorannoon lafee Luusiirratti taasifame maddi dhala namaa isa jalqaa waggoota miliyoona afur duraa Itoophiyaa akka ta’eefi hundu bakka maddasaa akka daawwatu kan dirqisiisudha. Bakki argamnisaa ijaafi qalbii namaa hawwatu kun hambaa ta’ee UNESCO irratti galmaa’eera.

Garreen Biyyattii Kaabaa”Semen mountain” jedhams kanneen bineensota addunyaarraa baduu ga’an akka Waaliyaa, Jaldeessa ilaadaa/daabeefi jeedala diimtu of keessatti hammate bakka hawwata tuuriizimii filatamaadha. Waggoota miliyoona hedduun dura lolaan dhiqamuun alayyaa qileefi gaara dheetaan uumame qaama qalbii kan hawwatuufi dawoo bineensotaa ta’uun UNESCO tti galmaa’ee jira.

Haalli kunuunsa biyyaa ummata Konsoo bakkewwan hawwata tuuriizimii ummata hedduun daawwatamu keessaa isa tokko. Ummatni Konsoo teessuma lafaa rakkisaa dhiqana biyyeef saaxilamaa ta’e bo’oo baasuun kunuunsee omishaafi omishtummaansaa akka dabalu taasisuun ummata Itoophiyaa biroon dinqisiifatamuu bira darbee galnee addunyaarratti fakkeenyummaan galmaa’uu danda’eera.

Bakkewwan hawwata tuuriizimii olitti eeraman akkuma fakkeenyaatti kaasuuf malee Itoophiyaan bakkewwam hawwata tuuriizimii galmee UNESCOtti galmaa’aniifi galmaa’uu danda’an hedduu qabdi.

Misoomni Kooridarii yeroo ammaa magaalota biyyattii hunda keessatti jojjetamaa jiran ummata biyya alaa mitii kan biyya keessaa iyyuu daran hawwataa jira.Magaalaan Finfinnee ammaan tana akka ajaa’ibaatti daawwatamaa jirti.Kanneen biroos akkuma kana.

Haa ta’uutii, biyyi umurii dheeraa qabaachuun bakkewwan uumamaa, seenaafi namtolchee hedduu qabdu Itoophiyaan galiin hawwata tuuriizimiirraa argattu daran gadaanaadha. Kanaaf rakkooleen bu’uuraalee misoomaafi darbee darbee boora’uun haala nageenyaa dhiibbaa mataasaa qabaachuu irra deddeebiisa ibsama.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You