Hawaasa fayyaqabeesa horachuuf sirni nyaataafi nutiriishiinii sirnaan hojiirra ooluu qaba

Finfinnee: Shaggaritti hawaasa fayyaqabeessaafi hojii kamuu keessatti hirmaachuu danda’u horachuuf hojiirra oolmaa sirna nyaataatiif xiyyeeffannoo kennee hojjachaa jiraachuu Waajjirri Fayyaa Magaalichaa beeksise.

 

Qaamuma hojii kanaa kan ta’eefi dhimma sirna nyaataafi nutiriishiinii kana sirnaan hojirra oolchuusaa yeroo yerootti kan hordofuufi deeggaru manni maree sirna nyaataafi nutiriishiinii sadarkaa magaalaa Shaggariitti hundaa’ee ture yeroo ammaa gara kutaalee magaalaafi aanaaleettis gadi bu’ee hundaa’aa jiraachuu waajjirichatti Dursaan Garee Hordoffii sirna Nyaataa Obbo Geetaahun Poolisii Bariisaatti kaleessa himaniiru.

Yeroo ammaa Kutaaalee Magaalaa Shaggaritti Manni Maree Sirna Nyaataafi Nuutiriishinii hundeeffamaa kan jiru ta’uu kan himan Obbo Geetaahun, maniiwwan ijoo magaalaan Shaggar qabattee hundoofte keessaa tokko wabii midhaan nyaataa mirkaneessuudha. Kunis omisha qulqullina qabu baay’inaan dhiyeessuun hawaasa fayyaalessa sochii hawas-dinagdee keessatti dammaqinaan hirmaachuun hojjatamaa jiraachuu ibsu.

Sirna nyaataafi nutiriishiinii sirnaan hojirra oolchuuf omishaafi omishtummaa dabaluun barbaachisaa ta’uu eeranii, waa’een sirna nyaataa kun dirqama nyaata omisha hedduu irraa argamu baay’isanii soorachuu osoo hin taane, gosoota gara garaa walkeessa makanii soorachuun kan milkaa’uudha.

Hojiirra oolmaan sirna nyaataafi nutiriishiinii kun hawaasa fayya buleessaafi dirqama itti kennamu kamiyyuu gahuumsaan bahachuu danda’u horachuuf dhimma ijoodha.

Akka yaadasaaniitti. Sirna nyaataafi nuutiriishinii sirneessuun hawaasa fayyaalessa jiruuf jireenya isaa fooyyeffatuufi galma magaalaan Shaggar qabattee hojjechaa jirtu milkeessuu danda’u horachuuf gumaacha olaanaa qaba. Milkaa’ina isaafis qooda fudhattootni marti gahee isaan irraa eegamu bahachuu qabu.

Dhaloota egeree sammuu qaroomeen badhaadhe uumuuf, hojiin sirna nyaataafi nuutiriishinii qindoominaan hojjetamu kun immoo bakka hundatti bifa walfakkaatuun hojiirra oolaa jira.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You