
Finfinnee: Waggoota lamaafi walakkaa darbanitti sadarkaa biyyoolessaatti lammiileen miiliyeena 15n ol waraqaa eenyummaa faayidaaf galma’uu Darekteerri Olaantuun waraqaa eenyummaa biyyoolessaa Yodahee Ar’ayasillaasee beeksisan.
Faayidaan Itiyoophiyaaf kan jedhuun fiigichi daandiirraa kiiloo meetira shanii boru, Caamsaa 3 bara 2017 Addababa’ii Masqalaatti gaggeeffama.
Sagantaa fiigichichaa ilaachisuun Waajjirri sagantaa waraqaa Eenyummaa Biyyoolessa, Waajjirri Galmeessa Ragaalee Siviliifi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee, Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee waliin ibsa baasaniiru.
Kaayyoonsaa guddaan dorgommiin fiigicha boru gaggeeffamuu ispoortii fayyadamuun barbaachisummaa faayidaa irratti hubannaa hawaasaaf kennuuf ta’uu ibsaniiru.
Daarektarri Olaanaan Ejensii Tajaajila Galmeessa Siviliifi Hawaasummaa Yoonaas Alamayyoo gamasaaniin akka jedhanitti, bara bajatichaatti jiraattonni magaalichaa miliyoon 2.3 ol faayidaaf galmaa’aniiru.
Ittigaafatamaan Biiroo Dargaaggoofi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Balaay Dajanee gamasaaniin namoonni kuma 25 ol dorgommicharratti ni hirmaatu jedhaniiru.
Ka’umsiifi gahumsi fiigichicha Addababa’ii Masqalaa ta’ee Dilbata ganama sa’aatii 12:00 irraa eegalee akka gaggeeffamu beeksisaniiru.
Riippoortara gaazexichaatiin
BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017