Eeyyee, aadaan ni haaroma

Aadaa jechuun taateewwan jiruufi jireenya dhala namaa keessatti raawwataman yoo ta’u, kan baratamu, kan qoodamu, kan ittiin waliigalamu, amala hundagaleessummaa, walitti hidhamuufi amala haaromuu kan qabuudha.

Namoonni baay’ee jecha aadaa jedhu yommuu dhaga’an keessoosaanii kan dhufu aadaa uffannaa, sirbaa, fuudhaafi heerumaa, sirna ittiin bulmaataafi kkfa qaba. aadaan garuu sanarra bal’aadha. Hojiin, hawaasummaa, siyaasani, dinagdee, fayyadamni wantootaafi kanneen biroollee aadaa jalatti ramadamu. Aadaan akkaataa amalasaatiin dhalachuu, guddachuu, quucaruu, haaromuufi baduullee ni danda’a.

Kanarraa ka’uun biyyoonni addunyaa gama hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa isaan mudataa ture hiikkachuuf yeroo gara garaatti haaromsa aadaa gaggeessaa turaniiru. Biyyoonni kunis rakkoo sababa ilaalchaa, aadaafi yaadaa, haftee sirnoota darbanii bu’uurarraa jijjiiruun tarsiimoo bocanii diriirsuun milkaa’aniiru.

Biyyoonni aadaa hojii, siyaasaa, barnootaafi kalaqa isaanii jijjiiruudhaan beekumsa xabboofi teknolojii wajjin walitti madaqsuun sadarkaa dorgomummaa isaanii mirkaneessan kan akka Jaappaan, Chaayinaa, Kooriyaa Kibbaafi Raashiyaa akka fakkeenyaatti eeramu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas dhimma kanarratti waggoota lamaa oliif qorannoo gadifagoo taasisuun Guraandhala 6 bara 2017 irraa kaasee guutuu Oromiyaatti haaromsa aadaa labseera.

Haaromsi Aadaa Oromoo kunis toora xiyyeeffannoo shan kan qabu yoo ta’u, inni jalqabaa Beekumsa Omishuudha. Kunis sirna barnootaa beekumsa xabboo bu’uureffate diriirsuu, saayiniifi teknolojii babal’isuu, sirna barnootaa jaarraa 21ffaa hojiirra oolchuufi bu’uuraalee barnootaa gahaa diriirsuufi leecalloo dhiyeessudha.

Lammaffaa Dinagdee Ceesisuu: Caasefama dinagdee jijjiiruu, aadaa hojii, yeroofi qusannaa dhalootaa jijjiiruu, dinagdee dijitaalaa sirneessuu, dinagdee damdaneessa mirkaneessuu, dhaloota omisha biyya keessaatiin boonu uumuudha.

Sadaffaan Aartii Oromoo Ammayyeessuu yoo ta’u, aartii Oromoo teknolojii ammayyaa hidhachiisuu, industirii aartii (Fiilmii, Tiyaatira, muuziqaa) jabeessuu, qe’ee aartii Oromoofi gaalariiwwan babal’isuufi kanneen biroo of keessatti qabata. Aadaa Oromoo ceesisuun ammoo afraffaa yoo ta’u, aadaa, ilaalcha, jiruufi jireenya baadiyaa jijjiiruu, eegdota sirnaafi biyyaa haaromsuu, jarmiyaalee Gadaa gabbisuu, aadaa siyaasaa jijjiiruu, dhaloota gootummaafi jaalala biyyaa horate uumuun keessatti argama.

Shanaffaan Miidiyaafi Koominikeeshinii Ammayyeessuu: gosaafi uwwisa miidiyaa dabaluu, qabiyyeefi qulqullina odeeffannoo miidiyaa guddisuu, miidiyaa humna namaafi teknoolojiin dorgomaa ta’e uumuufaa qabata.

Akka waliigalaatti toorawwan xiyyeeffannoo kanneenii Aadaa Oromoo iddoo/humnasaa ganamaatti deebisuufi dandeettii adeemsa haaraa idiladdunyaatti madaquu horuuf haaromsa aadaa barbaachisa.

Bu’uuruma kanaan, haaromsichi aartii, ogbarruu, bobboca, sirna ijaarsa gamoo, sirna horata beekumsaa, horannaa dinagdee, utubaalee sirnaa, mala bulchiinsaa, sirna tajaajilaa, sirna safuu, eegumsa nageenyaa, kunuunsa nagaa, eegumsaafi kunuunsa qabeenya uumamaafi kkf hunda gadi fageenyaan kan sakatta’u, dagannaa kan yaadachiisu, dabaa kan qajeelchuu, jijjiirama hinmalle kan ittisuufi dhugaa har’aatiin kan walsimsiisu ta’a.

Rippoortara Gaazexaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 2 Bara 2017

Recommended For You